QABSOO FINIINSUUN…WAREEGAMTOOTATTI KABAJAA HORUUDHAA !!!

Guyyaa Goototaa

SEENAA   Y.G (2005)     kutaa 1ffaa

Imalli Qabsoon Oromoo itti jiru waan Qoosaa miti. Lubbuu lammiilee keenya qaqqaalii itti wareegaa jirra. Kaayyoon nuuti deemnuuf, hegaree Ummata keenyaaf furmaata maayyii mirkaneessuufii. Luubbun Lammiilee keenyaa daldala shukkaaraa ykn Ashaboo miti. Uffata ganama uffatanii galgala baasaniis miti. Haqa Umama keenyaa deeffachuu barbaanna. Kanaaf wareegama lubbuu itti baasaa jirra. wareegama qabeenyaa fi jiruu fi jireenyaa itti gabbaraa jirra. Qabsoon keenya eessa ga’ee  xumura akka godhatu eenyunillee hin gaafannu. Kan Qabsootti cichee qabee jiruu miti, dhalooti har’aayyuu hubatee lubbuu isaa dabarsee kennaa jirra. Qabsoon keenya maal akka fakkaatuu fi maal gochuu akka qabnuu,,warra xiinxala siyaasaa qilleensarraa oofaniin ka qajeeluus miti. Akkatti eegalame qaba. 

Akka itti xumuramus qaba. Dhaloota har’aaf Qabsoon kun galiin isaa eessa akka ta’ee itti himuuf abbaluun fakkeessummaafi. Kanaaf Qabsoon Oromoo daranuu hammaatee fi jabaatee amma diinni haqa Oromoo osoo itti hadhaawuu liqimsutti itti fufa. Bakka irra jirrurraa shakkii hin qabnuu. Diinatu hollataa jiraata malee. Qabsoo manaa baaneef ammallee finiinsuun murteessaadhaa. Furmaati maayyii Oromoof jiru, wayyaanee hiddaan buqqisuudhaa. Wayyaanee sochoofnee, walitti isaan rukutaa jirra. Dingadeen itti of dhiiteessitu gatiittii eenyurratti akka ta’ee hubachifnee jirra. Of tuulummaan isaanii qilleensarratti ta’uu ifatti itti argisifnee jirra. Nama ajjeesuu osoo hin taanee, nama fayyisuutuu Ulfaataa akka ta’ee itti argisifnee jirra. Waan barbaannee gochuu akka dandeenyu ifatti addunyaatti argisfnee, maalummaa keenya mirkaneessinee, Ummata hundee addunyaa ta’uu keenya raggaasifnee jirra. Faallaa kanaa wayyaaneen salphoo ta’uu ishee ifatti dhugeessinee jirra.

Adeemsa qabsoo lameen kana irratti wareegama Ulfaataa baafneerra. Ilmaan Oromoo lubbuu itti wareeganii eenyummaa Wayyaanee addunyaaf saaxilaniiru. Kana malees lubbuu qaalii wareeganii, eenyummaa isaanii mirkaneessaniiru. Sochiin kana booda dhufuu , nuuf salphaa ta’a. diinaaf hadhaawaa ta’aa. Qalbii hegareef yaaduun wal ijaaruun keenya, injifannoo har’aan nu ga’ee jira. Shira wayyaanee keessatti osoo hin kufiin shara nu qopheessiteetti fayyadamnee, ittiin wal ijaarree jirra. Sochiin keessa dabarree waan laayyoo miti. Toftaa qabsoo gaggeeffamee jiru, kutaan adda qoodinee warra atuu arganii jaamaniif itti argisifnuu fi dubbisiifnuu dhihaateera. Obsumaan eeggadhaa. Akka walii galaatti, qabsoon Oromoo bifaa fi lafee duddaa wayyaanee cabsuu ykn wayyaanee beekaa duddee iyyisiisuu osoo hin eegaliin , qalbii keessan deeffadhaa jechuunii jaalanna. Nuuti kasaaraa barbaadu kasaarru boruu deebinee kaanaa yaaddoo hin qabnuu. Diinnii amma ol guddachuu danda’uu deemee gadi deebi’uuf jiru haa yaadda’uu. Qabsooleen komaandi poostii biyyootti makan ni dhufu. Waraana bifa komaandi poostiin jiru gansiifnaan dubbiin ni dhumata. Gaafas dubbiin Itoophiyaa fi wayyaanee xumuramtee. Waggaa 27 jeequmsa ture tu’aanneerraa jechaa jiraatan. Jeequmsii xiqqoon sun har’aa kan hin dhaamnee ta’ee, humna waraanaa irratti bobbaasurra geessee jirti. Ammas fallisaa Oromoo harka jira. Qabsoo Finiinsanii,,,Wareegama lammiilee keenyaarratti kabajaa horuudhaa. yeroon ganda keenya qulqulleessuuf dirqama fudhannu dhihaateera. Bitamtuu gonkumaa wayyaaneetti cittee jirtuu adabuun ykn wayyaanee waliin haxaa’uun dhihaataa jiraa. Wayyaaneen adadumaan guyyaa ishee dhiheessaa jirti.haa jabaannu.

QABSOON FINIINUUN,,,FIRAA FI DIINA QIXXEE IYYITU NU ARGISIISEE !

Qabsoon Oromoo yeroo akkas finiinuu kanatti, waan dhokataa hedduutu ol ba’aa jira. Kana jechuun gama diinaa fi Oromoo mataasaan. Har’aa waa hedduu argaa jirra.

  1. Qabsoon Oromoo jabaachutti diinni rifateera.
  2. Qabsoon Oromoo jabaachutti bukoo keessaa raacatii baaseera,
  3. Dhaloota Qabsoo Qilleensarratti gaggeessuu uumeera,
  4. Xawalwaallee dhugaa saaxileera,
  5. Xinxaltoota Siyaasaa akka fixeensa ganamaa nu daawwachiiseera,
  6. Saamtoota siyaasaa saaxileera,
  7. Harcaatoota Baabuura qabsoo nu lakkofsiseera,
  8. Beekumsaa fi dandeetti galaana nama hin ceesifnee taajjabneerra.

Qabxiilee kanneen ragaa waliin dhiheessuun kiyya hin hafu. Ragaallee dabalatee. Kanneen keessaa mee gaggabaabsee 4n tokko haa ilaalluu.

  1. Harcaatoonni Baabuura Qabsoo Oromoo.

Gareen kun haalaan nama gaddisiisuu.Baaburarraa harca’anii, bakkuma harca’anitti hafuu isaanii hin hubatin jiru. Bakkuma harca’anitti Biyya keenya jedhanii hafatanii jiru.Baabura qabsoorraa harca’an akka hin jedhamneef, sababaa adda addaa dhiheeffatanis, waan harca’aniif dhokisanii, waan isaan harcaasisee lallabaa jiraatan. Itti dabalees waan isaan harcaasisee caalanii argamuuf ammo, of ijaaranii qabsoo gaggeessuf dhaadatan. Kunoo waggaa 15 dabree meeqatu harca’ee, meeqatuu dubbii qajeelchee qabsoof furmaata ta’ee ? hin jiru. Warri dhugaa dubbatan ummata biraa galata qaban.Siyaasa jechuun akka miidhaan ofitti haranii qaama ofii dhiitessanii dhalaa ittiin ofitti harkisani se’anii warri fiigan , har’aa quphananii of salphisaa jiru. Isa qabsoo qabatamaan argisiisaa jiru abaaran.kunoo osoo abaaranii waggaa 15 guutan . hin jiru. Jara akkasiif qeerroon jabaachuun mataa dhukkubbiidhaa. Biyya keessaa qabsoon jabaachuun isaaniif garaa ciniinnaadhaa. Diinaa olitti jaallan isaanii kaleessaa jibban. Maaliif isaaniif milkaa’aa jedhan. Waa hedduu seenaaf kaa’uuf jirra. Baaburri sun har’allee hin dhaabbannee. Imalaa jira. Baaburri kun dhaabbatee ka’uus danda’aa. Boba’aa fixee dhaabbatee haa turu malee yeroosaa eegatee ka’ee imalaa jira. Har’aa garuu dhaabbataa hin jiru. Deemaa jira. Ka harcaatootaa dhaabbachuu qofaa mitii, furgoyyuu hiikkatee facaaseera.Ariitiisaa akka sochii isaatti herreeggatee imalaa jira. Baabuura kanatti warri qaamaan deebi’an jiru. Yaadaan warri deebi’uuf murateessan jiru. Dubbin keenya warra baabuura kana abaaruudhaa. Baaburri kaleessaa isa har’aan garaagarii. Baaburri kaleessaa furgoo dheeraa dabalatera. Imaltoonni miliyoonaan yaabbataa jiru. Harcaatoonni ammo qubaan lakkaa’amaa jiru. Kunimmoo yakka osoo hin taanee seeruma umamaati. Baaburri ganamaa sun inuma itti fufa.

  1. Qabsoon Oromoo bukoo keessaa raacatii baaseera,

Warri qabsoo keessaa harca’an akka lamatti jiru. 1.qabsoo keessaa ba’ee jireenyasaa ka itti fufe.

2ffaa, Qabsoo keessaa ba’ee diina qabsoo ka ta’eedha. Qabsoo keessa wayita jiran bilchaatoo fakkaatu. Isaanuu akkasumaan of ibsan. Bubbulanii bukoo ta’anii of argan. Isa booda raacatii keessaa gadi yaa’uu argitan. Isa dargiin “yetarik atala” baanu san. Midhaan nama sooruuf bukeessuun waan jiraati. Bukummaatti garuu hin nyaatamu. Akka namni nyaatuuf raacati isaa keessaa baasan. Egaa bara qabsoon akkas finiinaa jiru kanatti jara raacatii seenaa ta’an arguun hedduu nama dhukkubsaa. Bara ijoolleen waggaa 9 eenyummaasheef lubbuu dabarsitee kennituu, harcaatoonni beekumsaan cuubamnee jedhan, farra qabsaa’ootaa ta’uurraa hin dhaabbannee. Kun waanuma qaanfachiisaati. Aadaa fi safuu Oromoo keessaa waan qaban hin jiru. Namni mana ture abaaruu galtuudhaa. Gantuu fi galtuun waa lama. Gantuun gantuuma. Gantee manashee teessii . mana nama ka hin dhaqinee. Galtuun garuu , gantummaarraa dabree mana biraatti galtee ka nama abaartuudhaa.raacatiin midhaan keessaa ba’ee, deebi’ee midhaan sadarkaa bukummaatti biraa hafeef deebi’ee summii ta’aa. Isa nyaatufis summii ta’aa. Kun seeruma umamaatii . garuu dhallii namaa hojii raacatii yennaa dhaaluu hedduu nama gaddisiisa. Hangafa salphisee diina dhiiga ilmaan keenyaa dhangalaasaa jiru yennaa jaju hedduu nama qaanfachiisa.

  1. Dhaloota siyaasa qilleensarraan machaa’ee

Dhalooti Qilleensumarratti siyaasa gaggeessuu kun warra qaanii hin beeknee. Qabatamaan lafarra hin jiran. Garuu qilleensumarraa wacabaruu. Nama qabsootti jiru osoo hin taanee, warra pirazadantummaaf dorgoman fakkaatu. Waa hundaarratti ibsa kennan. Xiinxalaan wal cabsan. Garuu waa of jalaa hin qaban. Idolojii farnjiin of guutanii baallee malee balali’uu. Ani yeroo tokko tokko jara kana biyyumatti deebinee, nama isaan jala hiriiree jiru odoo ilaalleen jedha. Gabasa keessaa nu dhaqabee,,,,dubbii icittii,,,sagalee waraabamee nu dhaqabee …kkf jedhanii caasaa qabaachuu nutti himuu barbaadu. Qilleensarraa wacuu malee, dhaaba siyaasaa ijaaranii waan itti amanan ummata fudhachiisanii socha’uu hin fedhan. Isaaniis hin dhaaban ykn hin jiraaman, deebisanii isuma jiru abaaranii diiguu barbaadu. Nama siyaasaati jedhuu. Garuu anatu caalaan of dhiitessuu. Nuutu waan hundaa beekuun wal nyaatu. Nuuti sirna gadaa oromoo keessaa baanee jedhu. Garuu guyyuu nama nyaatanii wal nyaatan.qilleensumarra balala’iiuu. Intarneetii fi tv intarneetaa irratti qabsaa’uu.

Kutaa 2ffaan Itti fufaa

HORAA BULAA !!!

 

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

w

Connecting to %s

%d bloggers like this: