Eebla 15 Duungoo keenya keessaan wareegamtoota keenya agarra!

Qalbeessaa Dhangi’aan

Wareegamtoonni keenya aarsaa of baasuu dhiisii aarsaa kaffaluun yeroo ulfaatu keessatti, aarsaa of baasan qabsoon har’a diina huutee qabdee jirtu akka taliiguuf riqa jabaa nuu ta’aniiru. Har’a gaafa lallabnee garbummaa ofirraa fonqolchuuf gita bittoota habashaa dura dhaabbannu riqichi irra dhaabbannee jirru, riqichi kaleessaas, Har’as, boris dhalootni irra socho’uun qabsoo finiinsaa jiran riqicha wareegamtoota keenyaati. Wareegamtoonni Bilisummaa Oromoo waan guddaa nuu gamaachanii ofii addunyaa kanarraa godaananiiru. Gaafa garboonfataan akkasuma galaanni garbummaa nu liqimsuu nutti foolatutti isaantu riqicha nuu ta’eera isaaniin gamaa gamatti, baraa baratti ce’aa jirra.

Biyya koof of kennee qabsaa’uu, biyya koof aarsaa lubbuu kaffaluu, biyya koo jaalachuu, Oromoo kabajuu wareegamtoota keenya kaleessaarraa dhaalle. Qeerroon har’a Qeerransaaf Leenca ta’ee qabsoo finiinsuun garbummaa hundeen buqqasuuf raasaa jiraachuu duuba icciitiin jiru; wareegamtoota keenya kaleessaati. Diddaa garbummaa isaan finiinsaa turantu wareegama isaan kanfalaniin gara Xumura garbummaatti ol guddate. Guddina qabsoof aarsaa lubbuu kaffalani.
Biyya ofiif aarsaa kaffaluun waan guddaadha, kabaja, jaalala, biyya ofiif of laachuun ayyaantummaadha. Isaan kaleessa wareegamantu Tokkummaa Oromoo har’aa itiche, isaan irraa kutaaf, Gandaan, amantaan wal qooduu dhiisuu dhaalle. Isaan amantaan utuu wal hinqoodiin kaayyoo  Bilisummaa qabatanii Shiniigaatti lubbuun wal faana darban sanatu tinnisa qabsoo har’aa ta’e. Wareegama gaafas kaffalaniin tinfa faffaca’uu, tinfa wal qoqooduu, tinfa wal diiguuf wal jibbuu sana barbadeessuu dhaalle..
Har’a gaafa Ebla 15  yaadannu gootota qaqqaalii sabaaf lubbuu dabarsaniif kaayyoosaanii yaadanna; Kaayyoosaanii galmaan gahuuf kutannoo horanna, wareegama nu baasisuu qabu irraa duubatti akka hinjenneef ekeraa isaaniif kaayyoo isaaniitu nu dirqa. Lafeef dhiiga isaaniin irbuu qabsoo walii seenna. Wareegamtoota shiftoota halagaan dhabne sana yaadachuun kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo ykn kaayyoo Oromoo galiin gahuudhaaf murannoo horachuudha.
Ebla 15  uummata Oromoo biratti yaadannoo barabaraa ta’ee hafuun riqicha qabsoo har’aa ta’uusaati. Jaallan qaqqaalii hoggantoota ABO bakka tokkotti amantaan utuu wal hinqoodiin lubbuun darban sana yaadachuun warraaqsa gadjabeessuun garboonfataa buqqaasuuf nu kakaasa, nu si’eessa, booree nutti naqa.
Guyyaa seena qabeessa kana Shaamaa qabsiisuu qofaan dabarsina miti, shaamaa boba’ee hindhaabne of keessatti qabsiisuun yeroo mara yaadachuudhaaf akkasuma kaayyoosaanii galiin gahuuf irbuu haaronfanna. Irbuun irbuu gootaa, irbuu haqa uummataati. Irbuu ishee rakkinaaf nama hinjilbeenfachiifne, irbuu haalaan nama bitintirsitee nama hinkuffifne, Irbuu bubbee siyyaasa garboonfataan nama kaaftee hinbanne, irbuu afarsaa siyyaasa halagaa jala nama dhaabdu, Irbuu kaayyoo, irbuu haqaa, irbuu qabsaa’otaa guyyaa haaronfatanidha.
Eebla 15 guyyaa mudhii jabeeffatanidha. Lafina waliif laafina ofii guyyaan madaalaan, guyyaan hanqina qabsoo gochaa jirruuf waan jabeessuu qabnu itti ilaallutu Ebla 15 dha. Guyyaa ofilaalii(Daawwitii); Guyyaa qabsoo ofii daawwitii wareegamtootaa keessatti of ilaallu eebla 15 dha. Daawwitiin waan fokkataa fuularra nama  jiru agarsiisa, Ciimmaa akka haqannu, daalachina fuula keenyaa akka cululuqsinuuf nu gargaara. Qabsoo keessatti wareegtoota ofii yaadachuun Daawwitii qabsooti. Daawitii qabsootiin mucucaata qabsoo jabeeffatu, dadhabina cimsatu.
Isaan lubbuu isaanii aarsaa taasisan  keessatti ciminaaf jabina ofii argu. Kanaaf guyyaa seena qabeessa Eeblli 15 ilma Oromoo biratti guyyaa addaa ta’ee kabajama. Guyyaa Oromummaan wareegamaan lalisedha, guyyaa walqoqqooduun dachee nyaatee Tokkummaan uummata Oromoo danbaledha.
Wareegamtoonni keenya biyyee uffatanii, nutti kabajaa uffisuuf lubbuun tarani. Har’a wareegamtoota Bilisummaaf ija namaa guunne, wareegamtoota keenyaaf afaan keenyaan dubbannee xiqqaatus ittiin barreessaa jirra. Utuu dhiibbaa isaan hingoonee uummata bittine taanee hafna ta’a, goota lubbuu isaa laateefin Oromiyaan boquu ol qabattee ija jabinaaf gootummaan  saamtota dura dhaabattee falmachuu dandeesse. Wareegamtoota kaleessa kufantu gootummaa dabaleef, isaantu boore itti horee qabsoo danbaliise. Qabsoo halagaa naasisaa jiruuf garbummaa qilee nyaachisaa jiru kanatu bu’aa wareegamtoota keenyaati. Galiin qabsoo keenyaa Bilisummaan, walabummaan, Birmadummaanis wareegamtoota keenyaan mirkana.
Wareegamtoonni Bilisummaa Oromoo baraa hamma baraatti Oromoo biratti nii kabajamu, nii leellifamu, nii yaadatamu, nii jaallatamu, isaan yeroo kamuu jiraatoodha. Eebla 15 Shaamaa keenya keessaan wareegamtoota keenya agarra. Ibsaa qabsiisnee keessatti isaaniin ilaaluun abdii muruuf miti; kutannoo horachuufi. Isaan nuu ifaa dhuman sana yaadanna. Isaan nuuf ifa, ofii dukkana du’aa seenan yaadanna. Isaan utuu nuuf bobaa’anii dhuman, isaan biyyaaf ifaa ta’uuf jireenya isaanii dhaamsan yaadanna. Yaadannoo Gootaa, yaadannoo Leencaa, yaadannoo Qeerransoo, jajjabeetu Ebla 15 dha. Guca nu qabsiisanii, ofii abidda halagaaf garajabina  shiftaa sumaleen lubbuu darban yaadanna.  Guyyaa Gootota Oromoo miilanaa ka Xumura garbummaa akka nuuf ta’un hawwa.
Horaa Bulaa
Injifannoon Uummata Oromoof
Ebla 1, 2018
Qalbeessaa Dhangi’aan
Finfinnee Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s