Qabsoo fi Qabsaa’ota.

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Qabsoon waan ulfaattuu walxaxaa tokko kutanii darbuudha. Adeemsa waan tokko injifachuuf ifaajjii guddaa taasisnu Qabsoo jedhama. Qabsoon wanta addunyaa kanarratti wareegama nama baasisuudha. Addunyaa kanarra jiraachuuf namni kamuu Qabsoo gochuu qaba. Adeemsi nuti guyyaa guyyaan jireenya injifachuuf, rakkina mohachuuf, gadda iira aanuuf, siqiiqii dabarsuuf, garbummaa jalaa bahuuf taasisnu qabsoo jedhama.
Isaan olii keessa waan irratti dubbachuuf hedu qabsoo garboonfataa qarisiisuuf sabni tokko wal ijaaree taasisudha. Garboonfataa konkolaachiftee biyya abbaakee kabachiisuuf qabsoo gaggeessuu si gaafata. Qabsoo gaggeessuun dura guutummaa jireenyakee mara aarsaa gootee sabaaf laachuu si barnaachisa. Gaafa jireenya mataakee gattee uummatakeef dalaguu jalqabderraa kaatee ati qabsaa’aa jedhamta. Jireenya mataakee gattee uummataaf of laachuun qabsoo gaafata.

Qabsoo keessatti aarsaa gootee uummataaf of laachuu jechuun, waa’ee dantaa ofii irra kan uummata ofii dalguudha. Waa’ee ofii dursanii kan uummataa dhiphachuudha. Waa’ee qoonqoo ofiif mukaa jirmatti bu’anii dhagaa walirra tuulani Gamoo ijaaruu dhiisanii uummataaf dalaguudha. Yeroo dheeraaf waa’ee uummata ofii yaadanii dalaguudha. Kun adeemsa qabsooti. Qabsoo keessatti; qabsoo garbummaa dhabamsiisuu gaafa gootu uummata kee biratti ilaalcha hadhaa qabaachuu dandeessa. Sunis haalawwaan ati qabsoo keessa dabartu kan calaqisiisan ta’uu hubatuu qabda. Qaamni akkasuma Jaarmiyaan ykn dhaabni uummatakee cunqursu karaa addaa addaan duula jibbiinsaa sirratti nii bana. Duulli sun holola garaagaraa gaggeessun akka uummannikee dhageettiikee dhabu cina darbee uummannikee akka si balaaleffatutti karoorri garboonfataa biraa sitti baha.
Sun ammoo akkati deggarsaaf deggaraa dhabdee duula garboonfataa dhabamsiisuu ati hingooneef sirratti banama. Duula sana karaawwan hedduun sitti banuu dandaa’a. Qabsaa’aa fakkaachuun si hadheessuu, gantuu si fakkeessuu mala. Kun hundi adeemsa qabsoo ta’uu beektee irra aanuu akkati qabdu jabeesseen siif hima.
Har’a qabsootti jirra. Qabsoon keenya goolii dhumaa bira gaheera. Qabsoon itti jirru wareegama hedduu nu baasiseera. Kaawwan Keenya itti reebamnee caccabnee, ittis dhiignee ari’atamnee ari’atamaas jirra. Kaanneen kaawwan ammoo akkuma uummataaf jireenyasaanii aarsaa godhaniti lubbu nuu kennanii lafa dhugaa deemaniiru. Isaan daandii Bilisummaa curuu irratti qoree summaahaan lubbuun taraniiru, nutimmoo imaanaa harkaa fuunee toorasaanii qabannee jirra. Har’a abbaan qabsoo uummata Oromoo cinatti ilaalcha gaarii hinqabu. Kun ammoo waan garboonfataan irratti hololchiisaa tureef akka uummanni jibbiuf shira xaxaa tureen ta’uu beekuu  qabna. Ilaalcha dabaa uummanni akka qabsaa’aa isaaf qabaatuuf hojii TPLF dalagaa  tureef dalagaa jiru hedduu bal’aaf dheeraa ture. Sanarra akka aanus waan beekuuf qaamni uummataaf hojjetu kaayyoo tokkicha ganama qabatee bahe kaayyoo Bilisummaa waliin cichee qabsoo isaa itti fufee jira. Hanga Bilisummaatti akka itti fuguuf dhaadannoosaa yeroo maraa keessatti nii haareffata.
Qabsaa’aa
Qabsaa’aa jechuun qaama waan tokko argachuuf tattaafatudha. Adeemsa waan dhabaniif waan saamaman deeffachuuf taasisnu qabsoo akkuma jenne, qaamni waan sana raawwachuuf aarsaa of taasisu qabsaa’aa jedhama. Qabsaa’aan gosoota hedduu jira. Qabsaa’aa Garaa, qabsaa’aa uummataa jechuun gabaabinaan ilaaluu dandeenya.
Qabsaa’aa Garaa
Qabsaa’aan kun waan qoonqoosaa qofaaf kan ifaajaa ooludha. Waa’ee maatiisaaf akkasuma dhalasaallee yaaduun kan itti hir’atudha. Namoonni akkanaa baadiyyaa keessatti yeroo hedduu waan qaban gurguruurra taranii lafa irra taa’an illee gurguruun dhalasaanii rakkinaaf gadadoof kaadhimu. Qabsaa’aan garaa kun waan qoonqoosaa galu argannaan injifataadha. Yeroo kamuu waa’ee nyaachuu isaaf dhuguu isaatu sammuusaa qirqirsaa oola. Rakkina garaa guutachuuf kan hedduu dadhabaa ooludha.
Qabsaa’aa Uummataa (Lammii)
Qabsaa’aan uummataa uummata ofiitiif ifa guddaa baasuu kan ifaajuudha. Qabsaa’oonni kun gosoota hedduu jiru. Qabsaa’onni uummataa
1, Qabsaa’aa Riqicha
2, Qabsaa’aa Walawalamaa (raafamaa)
3, Qabsaa’aa habaqii (kosii)
1. Qabsaa’aa Riqicha
Qabsaa’ota jiran keessaa tokko qabsaa’aa riqicha. Qabsaa’aa riqichi akkuma maqaasaa Riqichadha. Yeroo kamuu Kaayyoosaarraa hinsocho’u, hindhommoqu. Waa’ee isaarra karoora uummatasaa guddisuu, uummatasaa waanjoo halagaa jalaa baasuu, uummatasaa addunyaarratti beekamtii addaan gonfuu  irratti dabarsa. Waa’eesaa irratti yeroo muraasatuu dabarsee kan uummataaf qooda olaanaa laata. Qabsaa’aan kun daandii garboonfataa of jala aansanii irra ce’uuf toluu dhaloota duubaan dhufuuf ta’a. Riqicha ta’ee dhaloota qabsoorratti guddisa. Riqicha ta’uun malaaf tooftaa qabsoof tooftaa siyyaasa uummatasaa dhaloota duubasaan dhufu barsiifata.
Bara kamuu hanga Bilisummaatti qabsoo jalqabe biraa hinafu. Qabsoo keessatti guddatee qabsoo keessatti du’uu filata. Hanga Bilisummaaitti sossobbaaf gowwomsaa garboonfataatiin hinshiminu. Waan uummatasaa baasuuf nyaatu dursee xiinxalee uummataaf balballoomsa. Du’aaf badiisa biyyasaa oolcha. Qabsaa’aa haqaa isa kana. Isa bubbeen siyyaasaa garboonfataa bakkaa hinsoochoofne, isa afarsaan qaamota inni irratti qabsaa’uu qilleensaaf hinlaanne qabsaa’aan Riqichi abbaa haqaaf haqaan uummataaf dhaabatutu kana. Waa’eesaaf dantaasaa lafa kaahee, jireenya isaaf, mi’aa dargagummaa, mi’aa jireenyaa isaa hongeessee uummataaf dhalatee uummataaf jiraatu qabsaa’aan kana. Haa ta’uutii uummata qabsaa’u cinatti marartee karaawwan hedduun argachuu dhabuu mala. Sababaan ammoo qaama inni falmuuf qaamanni irratti qabsaa’utu isaaf uummatasaa gidduutti summii jibbaa biifa. Holola dharaa irratti balballoomsa. Ta’us uummannikoo na oodeera, na loleera jedhee adiiyyootti uummatasaa gatee, daanga biyya abbaasaa eeguu dhiisee hindeemu. Riqichadha hinsocho’u. Kana qaba qabsoon Oromoo. Kanaaf hangana jiraatee Bilisummaa cinaan  nu gahee jira. Dhugaan qabsaa’aa Riqichaas galaa jira.
2. Qabsaa’aa Walaawalamaa (raafamaa/dhommoqaa)
Qabsaa’aa dhommoqaan Gosoota qabsaa’otaa keessaa tokko ta’ee kan jabina dhabudha. Laafaadha nii dhommoqa, nii raafama. Qabsaa’aa kana humna guddaanis xinnoonis nii sochoosa. Jabina ha dhabu malee Bilisummaa uummatasaaf ganamaa galgala hirriba dhaba. Qabsaa’aa jabaa ta’uu baatus Bilisummaa sabasaatti nii amana. Garuu jabina hinqabu. Adiyyootti qabsaa’aa gatee jireenya dhuunfaasaas qabsoo uummataas wal keessa gaggeessa. Dhuunfaattis of hongeessee uummataaf jiraachuu hinfedhu. Qabsoo uummatasaas gatuu hinbarbaadu. Kanaaf waa lama wal cina dhiiba. Kun uummatichaaf   balaadha.
3. Qabsaa’aa Habaqii (Kosii)
Gosoota qabsaa’otaa keessaa tokko Qabsaa’aa Habaqiidha. Qabsaa’aa kana qaanuma itti dhufutu qilleensaaf kaadhima. Waanuma qilleensi raasuudha. Yeroo hedduu jabinaaf guddina waan hinqabneef bubbee Siyyaasaatu bakkaa dhabama godha. Qabsaa’aa waan itti dhufuuf namni martis qabsaa’aa uummataa itti fakkaatuudha. Qabsaa’aan kun maqaasaa hedduu jaallata. Of dhadeessuu, of guddisuu hunda caalaa barbaada.
Yeroo hedduu qaama Warraaqsaaf qabsaa’ota cichoomoo ykn Riqichaan waan dalagamu akka waan isa ta’eetti haasa’ata. Qabsaa’aan kun hidhaa garboonfataa  galuuf illee yeroo hinfudhatu. Haa ta’uu malee waanuma hingoonetti hidhamee waan qomoo qabsaa’otaa ta’ee qofaaf dararamuu mala. Waanuma inni hidhamee baheef uummanni duukaa luucca’uu hinbarbaachisu.
Qaamni tokko gaafa hidhu akkasuma namni tokko maqaa siyyaasaan gaafa hidhamu hiikamuusaa akkuma gammannu maaliin bahe? Akkamiitti bahe? Mana hidhaa keessatti amala akkamii calaqqisiisaa ture? Gantuudhaa? Kaayyoorratti jabaataadhaa? Jedhee gaafachuun dirqama uummataati. Waggaa 60 iyyuu maa hinidhamne murteessaan kaayyoof dhaabbachuutu qabsaa’aa haqaa nama taasisa.
Qabsaa’ota habaqii uummanni Oromoo hedduu horateera. Qabsaa’onni kun wal dhaadeessuu, wal arboomsuu, waan itti dhufe faarsuu irratti yeroo isaaniis kan uummataas gubuu yaalu. Qabsaa’onni kun nama afaan ho’aa dubbate jala hiriiru. Qabsaa’aa habaqii akka hintaanen sin abdadha!
Horaa Bulaa
Qalbeessaa Dhangi’aan
Finfinnee Oromiyaa
Bitootessa 31,2018

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s