OROMUMMAA FI DARGAGGOOTA OROMOO

Aside

Professor Asafa Jaalataa (Yuniveersitii Tenessii irraa)

Waa hunda dura Waldaan Dargaggoota Oromiyaa Mineesotaa (the Oromia Youth Association of Minnesota) har’a asiitti na afeeruu isaaf baayyeen galatoomfadhaa. Dargaggooti Oromoo kan Oromummaa qaban abdii egeree Oromiyaa ti. Har’a dargaggooti akka keesanii, kan Oromummaan dhaabatan, Oromiyaa mara keesatti ficila diddaa gabrummaa fi sochii bilisummaa finiinisaa jiru. Barattooti Oromoo Oromiyaa keesaatti bara 2000 lama irraa qabanii haraka quulaa, diina qawwee hidhate dura dhaabbataanii mirga ummata Oromoo falmaa jiru. Keessumaa immoo yeroo ammaa nyaphaa fi Oromoota galtuu ta’an Goobanoota aara galfii dhowwachaa jiru. Baraa 2005 irraa kasaani dhaadannoo “Gadaan gadaa bilisummaa ti” jeedhu qabatanii waldhaanssoo finiinsaa jiru. Barattooti Oromoo fi sab-boontoti biraan reebamaa, hidhamaa, ajeefamaa wareegama kafalauun dhiga isaaniin seena Oromoo bareessaa akka jiran ifaa dha. Murnoota hawaasa Oromoo hafaniifis fakkeenya gaarii taa’aa jiru. Continue reading