Aside

Mootummaan Wayyaanee Tooftaa Bifa Haaraan Ummatoota Ethiopia Hacuucuuf Yeroo Ka’etti Murteen HR128 Murtaawuun Furtuu Siyaasaa Biyyatti Ta’ee Saboota Cunqurfamoo  Balaa Irraa Baraaruu ni mala.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ebla 12,2018, Finfinnee Oromiyaa

Ummanni Oromoo waggoottan dheeraa lafasaarraa buqqa’uu, ajeefamuu, ari’atamuuf biyyasaarratti mirgoota democracy guutummaatti dhabuun isaa kan yaadatamu ta’us, addatti bara bulchiinsa sirna Wayyaanee kanatti dararama ulfaataan irra gahee gaahaas jira.

Bara kana Oromiyaa keessatti uummanni miliyoona walakkaan ardasaa dhabee qe’ee ababaabiliii isaa irraa buqqa’ee biyyuma isaa irratti fi biyyoota alaatti  baqattuu ta’ee rakkoowwan garaagaraaf saaxilamaa jira. Rakkoo manaaf qabeenya isaa irraa buqqa’uu fidee fi ajjeefameef furmaata humaa mootuummaa biraas caasaa mootummaa irrahiis hin arganne.

Abbaan irree Wayyaaneen waraana Oromiyaa fi Oromoo irratti labseen uummata Oromoo Booranaa irraan ajjeechaa gara jabinaa fudhatuun, uummanni kumoota hedduutti lakkaahaman baqattummaan gara Keenyaatti baqatanii jiraachaa jiru. Sanaafis karaa qaamoota biyya bulchina jedhanii falli kaahame hin jiru. Continue reading