Uummata Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumuz Godinaalee Matakkal, Asoosaa, Kamaashii, Aanaa Yaasoo, Baloo fi Ma’oo Koomoo iraati raawwachaa jirtu.

Aside

Tokkummaan Uummata Oromoo fi Haleellaa WBO iddoo garaa garaatti fudhataa jiru kan ciisa ishee dhowwe mootummaan murna bicuu Wayyaanee, filannoo fi carraa  ishee isa dhumaa Mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz godhattee jirti.

Kunis Magaalaa Asoosaa keessa Dhalattoota Tigiree TPLFn ramadaman Buufata meeshaa godhachuun Uummata Oromoo naannichaa, Mandii, Beegii, Najjoo fi Dambidoolloo jiraatu maqaa sobaa WBO rukkunne jedhuun Uummata nagaa barbadeessuuf qophii xumauranii jiru.

Magaala Asoosaa lafa itti Meeshaan waraanaa Kuufamee jirus beekamee jira:

1.      Mana abbaa qabeenyaa “Semehal Hotel” kuusaa meeshaa waraanaa

2.      Mana abbaa qabeenyaa “ Bilen Dana Hotel” Kuusaa meeshaa waraanaa

3.      Mana aabbaa qabeenyaa Garree Kompiiterii  : Kuusaa meeshaa (Faddaalaa fakkaachuun hojii basaasummaas ni hojjeta) Continue reading

Dhaamsa dhumaa  Qeerroo Bilisummaa Matakkal-Asoosaa irraa kenname

Aside

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti hacuuccaa fi hidhaan uummata romoo naannichaa irra gahaa jiru ammallee Karaa bakka bu’oota TPLF dhalattoota Shinaashaa fi Harcaatuu caasaa dulloomaa Dh.D.U.O kan haaromsi hin argineen cimee itti fufee jira.

Filatamuu MM wajjiin wal qabatee uummanni Oromoo naannicha Godina Matakkal jiraatu gammachuu isaa karaa nagaa utuu ibsachaa jiruu, Harcaatuun caasaa  Dh.D.U.Os duraanii kan aantummaa Uummata Oromoo naannichaaf qaban fakkaachuun ergama TPLF fudhachuun Uummataa fi Qeerroo miira keessa galchuun akka tarkaanfii humnaa fudhatan dhiibbaa gochaa turaniiru. Yeroo itti gammachuu isaanii karaa nagaa ibsataa turanitti sirba siyaasaa sirbitan, mirga saba biraa naannichaa sarbaa jirtu jechuun  Miseensonni DH.D.U.O duraan (Kan obbo Muktaar Kadir) ergama duraan “Uummata Oromoo naannichaa saboota biro naannichaa wajjin walitti buusuuf buqqisuu” jedhu qabatanii fi dhalattoota Shinaashaa Caasaa Dr. Amsaaluufaatiin eeramuun namoonni nagaan mana hidhaatti Guuramanii Hiraarfamaa jiru. Yeroo ammaas Sabboontonni 9 ta’an mana hidhaa tasa dhala namaaf hin mijanne keessatti hiraarfamaa jiru. Continue reading

SBO: Ebal 18, 2018. Oduu fi Sirna Kabajaa Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo: Ebla 15, 2018 Jiddugala WHD ABOti Geggeeffame irratti Haasawa HDn ABO Jaal Daawud Ibsaa taasisan akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside