Finfinnee Oromiyaa
Biyya Oromiyaa dhuunfachuuf halagaan erga humna adii alaa irraa gargaarsa meeshaa argachuu qabe ka’ee uummata Oromoo akka arge ajjeesee, saamee, Hidhee hidhaan sakaalaa yoona gahe. Ilmaan Oromoo martuu uummanni Miliyoonni 60 tti siqu yeroo hidhaa keessa jirrutti, kanneen mana hiraarsaa Qaallittii dabalatee kaawaan keessa jiran warra kallattiin hidhame. Akkasuma nuti kanneen maqaaf uffannee, dhiqannee yaana jennus hidhaa keessa waggoota hedduu lakkoofsiisaa jirra. Har’a mirga waan feete hojjechuu, waan keen fayyadamuu dhabdee hidhamteetta. Kana keessa waggoota dhalli namaa obsuu hindandeenye keessa obsinee tarre.
Har’aa sirni Habaashootaan durfamu sirni Wayyaanee ykn TPLF nagaaf tasgabbii nu sarbee, mana hiraarsaa kallattiif mana hiraarsaa alkallattii keessatti nu gate. Qaamaaf xiinsammuu nu hidhe. Kana ofirraa fonqolchuuf addatti balaaleffannaa uummata keenya ardaarraa buqqisanii beelaaf gadadoo rakkinaan fixaa jiran balaaleffachuuf karooraa Qeerroo Bilisummaa Oromoo baafate akka jirutti ta’ee mormiin FXG ammaa jalqabe.
Mormiin kun gaafa eegale, goolii keenya fuulduraaf karaa irra deemnu mara kan ilaallee itti galledha. Daandichis ilma Oromoo sababa tokko malee mana hiraarsaatti gidirfamaa jiru kamiinuu maqaa Oromummaa qofaaf kan hidhameef sagalee taanee addunyaatti lallaabuufiin, Utuu siyyaasaan akkasuma amantaan hinqoodiin mana hidhaatii baafachuu ture. Kun martuu akkuma akeekametti akeekaaf kaayyoon olitti nuuf socho’aa jira. Hidhamtoota siyyaasaa ammas mana hidhaa keessatti kumootaan lakkaa’amaniif ilmaan Oromoo Kaampii amaaressaa keessatti dararamaa jiraniif ilmaan beelli ajjeesuuf jedhutti dhukaasa banamu mormachuuf akkasuma ajjeechaa har’a Jimmaaf Haramayaatti raawwate balaaleffachuun sagalee uummata keenyaaf haa taanu. Ajjeechaan, hidhaan ammallee hanga har’aattuu nu biraa hinafne.
Maayirratti waan baaneef waan kaaneef beeknaa akka sa’aa nu harkisuu hindanda’u qaamni kamuu. Kanaaf qaama kamiinuu kan hingowwomfamneef qabsoo FXG hiriira mormii hanga Bilisummaa keenya mirkaneeffannutti, uggurtii gabaa qaamota nu saamanirraa hanga nurra buqqaa’anitti kutuu akka itti fufnu gadjabeessinee uummata keenyaaf himna. Sochiin ammaa hanga Abbaa Biyyummaa haqaa gonfannutti hindhaabbatu!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee Oromiyaa
Gurraandhala 13,2018