Diddaan Ummata Oromoo Bifa Haaraan Eegale Lagannaa Gabaa Irraa Gara Fincila Xumura Gabrummaa Wal Irraa Hin Cinneetti Ceha.(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Diddaan Ummata Oromoo Bifa Haaraan Eegale Lagannaa Gabaa Irraa Gara Fincila Xumura Gabrummaa Wal Irraa Hin Cinneetti Ceha

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gurraandhala 14,2018

Ummanni Oromoo seenaa boonsaa qabu dhiibbaa alagaa fi gabrummaa jaarraa tokkoof baadhataa ture na gahe jechuun ka’ee jira.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo bara haaraa 2018 fi guyyaa WBO ilaalchisee walgahii hogganootaa godhateen “ Labsii Qeerroo” Amajjii 11,2018 ummata Oromoof dabarsee ture irratti akka karooraatti kan fudhate keessaa  amma gaaffiin ummata Oromoo deebi’utti Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) itti fufuuf  Labsii dabarsuun ni yaadatama,Labsiin darbes  Hayyoota Oromoo,Daldaltoota Oromoo,Qonnaan bultootaa fi Barattoota Oromoon hundi tokkummaan ka’uun bara kana keessatti xumura gabruma akka milkeessaniif labsii hojii irra ooluu fi seena qabeessa dabarsine.

Haala kanaan Gurraandhala 12,2018 irraa eegalee  hanga  Gurraandhala 14,2018 Itti daldaltootii Oromoo hundi hojiilee nagadaa adda addaa irratti bobba’anii jiran akka gabaa lagataniif haalaan irratti hojjetamaa ture,guyyaan gabaa lagannaa osoo hin gahiin waraaqaalee maxxanfamnii fi waamicha ta’eef fudhatanii Ummanni Oromoo nagadee bulaan Oromoo diddaa gabaa lagannaa guyyoota 3f godhaniif Galati Qeerroo Bilisummaa Oromoo guddaa dha.

Diddaan gabaa lagannaa gara uggurtii qabeenya ofii Wayyaaneef waayillanshee dhorkatuu hanga Bilisummaatti jabaatee adeemuu qaba. Kunis akkuma labsa Qeerroo Amajji 11, 2018 baaseen bifa gurgurtaaf bittaa ergisaa deeffachuun yeroof uummanni wal tajaajiluu danda’uu qaba. Kana jechuun Namoonni Buna qabanii Xaafii bituuf deeman, waliif laatanii wal jijjiiruun jiraachuu qaba jechuu dha.

Diddaan gabaa lagannaa akkuma karoorfame guyyaa har’aa Gurraandhala 14,2018 dhaabbatee sochii wal irraa hin cinneen Fincilli Xumura Gabrummaa akka itti fufuu fi mootummaa gabroomfataa jilbeeffachiisu Qeeroon Bilisummaa Oromoo waamicha isaa dabarsa.

Caasaaleen Qeerroo godinoota Oromiyaa  mara keessa jiranii fi Poolisoonni garee sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo akkuma tokkummaa fi naamusaan diddaa ummataa gaggeessaa turtan ammos hanga gaaffiin ummata Oromoo deebi’utti  fincila wal irraa hin cinne gaggeessummaa gaariin akka itti fuftan haa ta’u.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!

Injifatnnoon Ummata Oromoof!

Hoggana Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee,Oormiyaa

Gurraandhala 14,2018

1 thought on “Diddaan Ummata Oromoo Bifa Haaraan Eegale Lagannaa Gabaa Irraa Gara Fincila Xumura Gabrummaa Wal Irraa Hin Cinneetti Ceha.(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

  1. Hojiin amma hojjetame kan yeroo kamuu hojjetamaa ture caalaa Mootummaa Abbaa Irree TPLF naasisuu irra darbee kan garaatti bobbaa(albaatii) cimaa garaatti guuredha. kunis maaliin ifa yoo jenne
    1. guyyoota lamaan gabaa lagannaa kanaan wal qabatee ummanni oromoo hundi bakka jiruu walitti ba’uun oromoon biyya kana keessatti “Guddaa”, “Baay’ee”, “Cimaaa”, “caalmaa qabaachuu” keeny yerootti hubatee maal naaf wayya jedhee waan godhu dhabee raafamaa jiru ta’uu
    2. Qeerroos ta’e ummata sadarkaa kamuu dabalatee waan godhamu hundumaatti namni waliin mar’iachaa, wal-dhaggeeffachaa, wal hubachaa kan adeemaa ture ta’uunsaa kun mootummaa wayyaanee qofaaf osoo hin taane galtoota biyya oromoo keessa jiraniifuu naasuu guddaa ta’e. maaliif yoo jettan dur maalnuun jedhu turani beektu? bo isaan walii waliisaaniifuu walii hin galan nuun jedhu ture. maqaan kun nurraa cabuunsaa unuuf injifannoo yommuu ta’u warra dhiiga keenyaan duroomuu baraniif garuu abidda gaannabaati.
    3.Diinagdee biyya kanaa keessatti beekamtii calqabaarra kan jiru maootummaa TPLF’f kufaatii guddaadha. sochiin maallaqaa dhaabbachuun, oomishni dhaabbachuun, kkf diinagdee biyya kanaarratti dhiibbaan inni qabuu kan guyyaa lamaan deebi’u miti.
    4. Oromoon Bakka kamittuu isa kanaan duraa caalaa boquunsaa ol ol jedhe.
    5. Qabsoon FXG cimee itti fufuu qaba jechaan yaadakoo xumura.
    Injifannoon Ummata oromoof!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s