Ibsa Ejjennoo Jiraattota Godina Mattakkal

Aside

Mudde 21,2017

Akkuma beekamu Uummanni Oromoo Godinaalee Beenishaangul Gumuz adda addaa keessa jiraatan waggootii 26 oliif hacuuccaafi shira mootummaan Wayyaanee xaxaa turteen, Uummata Gumuz, Bartaa, Shinaashaa fi kanneen biro waggoota dheeraaf wal kabajuu fi wal danda’uun jiraate yeroo adda addaa walitti buusaa tureera. Kunis uummata Oromoo naannichaa harka qullaa jireenyasaa jirachuuf oliif gadhi jedhu saba isa kaan hidhachiisuun duguuggaa sanyii kana hin jedhamne raawwachaa tureera.

Yeroo ammaas bifa qindaa’aa ta’een mootummaan Wayyaanee karoora walitti bu’insaa fi dhuminsa guddaa fiduu danda’u qinddeessaa turaniiru. Kunis akkuma uummata Oromoo naannoo sumaalee buqqisuun uummata Amaaraa naannichaas shira wal fakkaatuun buqqisuufi qabeenya Uumamaa naannichaa jechuunis Albuuda garaa garaa, lafa Qonnaa, Warqee, akkasmas Hidhaa Guddichaa Abbayyaan wal qabatee galii fi qabeenya karaa turiizimii jechuunis Hoteelotaa fi warshoolee adda addaa dhaabuun  Guurrachuuf qophii xumuree jira. Continue reading

Dhaamsa Gabaabduu Uummata Oromoo Hundaaf.

Aside

Uummaatni Oromoo  haala raafamaafi gaaga’ama,yakka duguuginsa sanyii  mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF   biyyatti keessatti gaggeessaa jiru roga hundaan of irraa qolatee gabrummatti xummura godhee Bilisummaatti jiraachuuf yeroo kamiyyuu caalaa dammaqinsa guddaa gochuun dirqama. Kanaafuu haala yeroo biyyaattiin keessa jirtuufi Qabsoon Bilisummaa Oromoo diina hudhee qabee jiruurra qabxiilee armaan gadii hubannoo keessa galchuun haala fulduratti caalaatti itti adeemaa jirruuf qophii gochuufi gaaga’ama uummata keenyaa xiqqeessuuf dursinee dhaamsa kana gadii gadi jabeessuun dabarsina
1. Uummaatni keenya Waantoota nyaataaf itti fayyadamnu kanneen akka Ashaboo, Zayitaafi Mi’eessituu adda addaa yeroo dheeraaf akka gargaaramtanitti bitadha!!

Continue reading

Guyyaa har’aa FXG Oromiyaa bakkoota adda addaa keesstti gaggeefamaa oole.

Aside

Dhumaatiin Calanqoo Lammaffaa isa Dhumaa Tahuu Qaba!

Aside

Damee Buruun

Seenaan deebisee of garsiisa akkuma jedhan hammenyi dhumaati Calanqoo Jaaraa tokko dura tahe har’a ija keenya dura itti yaroo lammattaa deebi’ee yaroo tahu gadda guddaa wajjin  argaa jirra. Dhumaatiin Annoolee , Calanqoo fi Haroo Arsedee deebi’ee deddeebi’ee akka uummata keenya irratti hin raawwatamne falli isaa waan tokko qofa. Fincila Xumura Garbummaa itti jabeessinee hida garboofatttuu Habashaa of keessaa yaroo dhumaaf yoo buqfinee gatne qofa.

Humni TPLF  falmaaa of keessaa injifatee, of qaree bifa haaraan  as bahe kun humna faashitii sanyii ilmaan Oromoo lafa irraa duguggee balleessuuf of booda hin jenne dha. Qabsoo fincilaa xummurra garbummaa laafisuun akka gareen TPLF kun basaasaa fi dabballee ishee deebiftee uummata Oromoo keessatti ijaarratuu gargaaruu taha.” Nagaan baradhaa”, “tasgabiin qabsaawwaa “, warri jedhuu warra TPLF akka yaroo argatee of ijaartu gargaaruuf ololaa jiran akka tahe adda baafnee hubachuu qabna. Kana booda TPLF deebitee uummata keenya keessa galuuf akka ayyaanna argatuu gochuu hin qabnu. Continue reading

QABSOON OROMOO “MAARSHII” GEEDDARUU QABAA !

Aside

SEENAA  Y.G (2005)

Qabsoon Oromoo Maarshii geeddaruu qabaa yennaan jedhuu, jarjartiin bakka yaadamee ga’uuf badii ofirratti lbsuuf nu gargaaru jechu miti. Konkolaataan jarjartiif jedhanii Maarshii itti ida’aa deeman, carraa nagaan galuu dhiphisaa deema. Yeroo ijoollee, konkolaataan gaara ba’uuf maarshii 5ffaa ykn 4ffaa galchanii ittin ba’uu nutti fakkaata ture. Nuutii ariitiif yaannee malee, humnaaf meeqaffaa akka galchan hin beeknu turre. Egaa Qabsoon keenya Maarshii geeddaruu qaba yennaa jennu, obsa fixannee gallus galuu baannuus jennee qilleensarra ka’uuf osoo hin taanee, humna nu barbaachisuu argachuuf ka toluudha. Maarshii ariitii fi humnaa keessaa, tan nuuf taa’uu filannee sochii keenya itti jbesinu. Ammatti dirreen nu dura hin jiru. Gaaratu jira. Gaara kana b’uuf akka bara ijoollummaa 4ffa fi 5ffaa galchuuf yaadinaan, Continue reading

Haala Yeroo Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo .

Aside

Oromiyaa Baroota Dheeraaf Samamaa Jirtu,Bosonnii fi Dachiin Oromoo Manca’aa Jiruuf,Ummata Oromoo Rorroo Gabrummaa Jalatti Dararamaa Jiruuf, Qaamni Furmaata Laatu Oromoof Oromiyaa Qofa!

Haala Yeroo Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo .

Akka sabaatti garbummaa jaarraa afuriif baannee, Uummanni gariin immoo garbummaa jaarraa tokkoof walakkaa baannee jalaa foqoqaa kan jirru Addatti yakki Uummata Oromoo irratti hanga ammaa raawwatee hinbeekiin Oromoo irratti fudhatamaa jiraachuu argaaf dhageettiin Qeerroo ragaadha. Har’a Oromiyaan bahaa gurguramtee halagaan ciramtee dhumaa jirti. Lammiileen Oromiyaa Oromoonni  lafa isaa saamamaa jiru deeffachuuf daangaa biyya ababasaa Oromiyaa irratti Waraana halagaaf, Beelaaf dheebuuf saaxilamee, rasaasa of harkaa fixee dhiigni ilmaan Oromoo guyyaatti akka bishaanii dhangala’uurratti argama. Manni Oromoo Waraana Wayyaanee gargaaramee shiftaan dhibbootaan lakkaa’ee nurrati gubaa jira. Manni Oromoo 400 tti siqu kan gubatee jiruuf, Oromiyaa bahaaf Oromiyaan kibbaa, gartokkeen  halagaan qabateera. Continue reading

ONN: OOLMAA OROMIYAA MUDDEE 20-12-2017

Aside

Muddee 20/2017 FXG Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Mattuufi Godina Wallaggaa Lixaa Qilxuu Karraatti Warraaqsii FXG itti fufinsaan finiina olee.

Aside

Image may contain: 4 people, crowd and outdoor Continue reading

FXG Magaalaa Dukam Guyyaa Har’aa

Aside

Image may contain: one or more people and outdoor Continue reading

ONN:Dhiibbaa Barattota Oromo Irratti Raawwatamaa Jiru Laachisee Qophii Gaazexysaa Waaqwayyaa Waaqjiraan Qophaawe. Muddee 20/2017

Aside