QABSOON OROMOO “MAARSHII” GEEDDARUU QABAA !

SEENAA  Y.G (2005)

Qabsoon Oromoo Maarshii geeddaruu qabaa yennaan jedhuu, jarjartiin bakka yaadamee ga’uuf badii ofirratti lbsuuf nu gargaaru jechu miti. Konkolaataan jarjartiif jedhanii Maarshii itti ida’aa deeman, carraa nagaan galuu dhiphisaa deema. Yeroo ijoollee, konkolaataan gaara ba’uuf maarshii 5ffaa ykn 4ffaa galchanii ittin ba’uu nutti fakkaata ture. Nuutii ariitiif yaannee malee, humnaaf meeqaffaa akka galchan hin beeknu turre. Egaa Qabsoon keenya Maarshii geeddaruu qaba yennaa jennu, obsa fixannee gallus galuu baannuus jennee qilleensarra ka’uuf osoo hin taanee, humna nu barbaachisuu argachuuf ka toluudha. Maarshii ariitii fi humnaa keessaa, tan nuuf taa’uu filannee sochii keenya itti jbesinu. Ammatti dirreen nu dura hin jiru. Gaaratu jira. Gaara kana b’uuf akka bara ijoollummaa 4ffa fi 5ffaa galchuuf yaadinaan, ofirratti muka muruudhaa. Haalumatu akkasii. gaara kana yaabbachuu ykn ol ba’uu eegallee jirra. Humnii gaara kana ittin ba’uuf eegallee, humna biraa akka barbaadu nutti mul’isaa jira. Kanaaf humna gaara kana nu eegalsiisee caalaatti nu humneessee fiixerra akka nu dhaabuuf, Maarshii kana geddaruu fi hadheeffachuun keenya dabaluu barbaachisa. Maarshii Nam-tokkee kaasee hanga sabummaatti jiru. Waan nu qabuu yoo mudatellee , cabsinee keessaa ba’uuf. Murtiin kun Maaliif nu gargaara ? eennutuu geeddara ? Akkamitti ? eessarraa gara eessaatti ? tokko tokkon waliif dhaamnaa .

  1. Qabsoon diddaa Qeerroon wayita jalqabee, lakkii takka iyyanii dhaabuu jedhamaa ture. Har’a garuu waggoota lakkofsiisaa jira. Har’aa gonkumaa Fincila bifa hedduu irraa hin oolamne ta’eera. Oromoon diddaa bifa hundaa gaggeessaa jiruun Hiwaatootaa hedduu laaffiseera. Ragaan ammo tarkaanfii itti jiru qofaa ilaaluutu ga’aadhaa. Gabaabaatti, gama diddaan ka jiru, Barattoota irraa gara hojjataatti ce’uu qaba. Barattoonni fi Hojjattoon barachuu fi Hojjachuu dhaabanitti tarkaanfatamu qaba. Itti aansee gama daldalaan waan jiru dhaabuudhaa. Abbootiin qabeenyaa sagalee isaanii dhageesisuu eegaluu qabu. Gara fuuladuraatti Akka Ummataatti waan jiruuf, kanuma cinaan gama hundaan qophaa’uu barbaachisa. Biirooleen Oromiyaa hojii dhaabutti ce’uu qabu. Ijoolleen kooleejii baatee Hojii eegaluun cabuu hin qabduu. Hojjattoonni gurra addunyaa harkisuuf , Finfinneetti waajjiraalee hedduun waliin waan jiraniif, sa’aa tokkotti Hojii dhiisanii ba’anii mooraa keessa ta’uu fi gaaffii gaafachuudha. Akkuma barattoonni godhan. Yoo kana goonee, humna waraanaa ijoollee kana fixinaan qabbana arganna isa jedhan hanqisee yaada akka hiran taasisaa irratti hojjachuu qabnaa. Maarshiin Qeerroo fi Barataa irra jiru, Hojjattootaa fi abbooti qabeenyaa jechaa of geeddaraa deemuu qaba. Wayyaaneen qaama kana haalaan sodaatti.
  2. Ilmaan Oromoo maqaa Investimntii fi maqaa sherii Qabeenyaan wayyaaneen SHIRAAn hiitee jirtuu dammaquu qaban. Maqaa baankii, kubbaaniyyaa, Investimantii, kkf Oromoon sheerii akka bitatu taasifamee lammii isaa callisee akka ilaalu ka taasifamee lakkoofsa hin qabu.mootummaan kun kufnaan sheeriin keessan bakka dhaba jedhame kan gaadi’amee taa’ee, dhumaatii lammii isaa ilaalee ka callisee, garuu takkaa yoo dubbatee kan dhageesifatu hedduudha, sochii kessan geeddaraa.konkolaataan keessan dhoqqeen qabamtee keessaa baasuuf, Maarshi dhoqqee irra ejjatee isin baasutti geeddaraa.
  3. Ilaalchi Oromoo nama dhuunfaa eegalee hanga sabaatti jiru, maarshii ilaalchaa fi murannoo geeddarachuu qaba. Nu ajjeesanii. Nu hidhanii. Nu hiraarsanii . haala hamaa keessa jirraa. Ummati keenya miidhamee kkf jennee maarshii duubatti nu deebisuu waliif galchuun gatii hin qabu.waan wayyaaneen nurratti hojjattetti dhimma baanee dantaa keenyaaf itti fayyadamuu dandeenya. Hidhaa fi ajjeechaan waggaa dhibbaaf itti fufeera. Yoo jabaachuu baannee itti fufa. Waan diinni nurratti hojjatee addunyaatti beekisifachuun ala, Imimmaan ittin cobsuuf yaaluun wallaalummaadhaa. saba keenya fixxee, maaluma nu wayyaa kkkkkk hedduu nama gaddisiisa. Maaliif nuuti sadarkaa gumaa baafachuu irra ga’uu dadhabnee irratti xiyyeeffannee waan gochuu qabnuu hojiirra hin oolchinu ?dhugaadhaa har’aa rasaasaa fi hidhaa wayittu hin lakkoofnuu . kun guddina. Kanarra of geeddarree ija diimeffachuu qabanaa. Ummati keenya buqqa’uutti waan itti fayyadamnee lakkaawamee hin dhumuu. Wayyaanee akka baala mukaa nu harcaasaa jirtuttis dhimma ba’uun ni danda’aama. Kana jechuun dirree argannee jennee maarshii qilleensarraa geeddaruu mitii hubadhaa. Waa hundi isaa daangaa qaba.
  4. Dhimma ofii xiinxaluu irrattis maarshii geeddaruu qabnaa. Biyya keessaa wareegama waan itti baafamaa jiru kana, beekumsa ofitti hirkifannee daldalaaf ykn Like gurraachuuf abballa taanaan ammallee ijoollee duubatti harkifnaa . Qabsoon kun garatti deemuu wallaalanii haa ta’uu , sagantaa jiru osoo hin beekiin hafurraa haa ta’uu waan biraa, garatti deeman tilmaamaa jiran. Tilmaamni kun hedduun isaa nama gaddisiisa. Qabsoon Oromoo maaliif eegalamee ? yoo jedhamee, deebiin isaa galii isaatii. Waan haaraan hin jiru. Wayyaaneen Oromoo maaliif ajjeeftii ? yoo jedhan galiin isaan barbaadan deebii ta’aa. Garatti deemamuu hin beekamuu jechuun, Ijoollee BIYYA keessaa lubbuu kennee falmaa jirtuu hangam akka miidhuu ni qalbifannaa laata ? keessattu beektoonni yennaa legellegan. Qeerroon wayyaanee buqqisuun galii isaatii. Galiin isaa kun ammo garatti deemuu mirkaneessa . dhumate. Galii isaanii ABO tu beekaa sodaatameeti ? moo Ijoollee ficcisiisuu jabeessuuf ? Jaallattanis jibbitanis, Qeerroon garatti deemtuu hin beekamuu jedhamaa turtee, Sirna wayyaanee haala nama dinqisisuun buqqisuuf jiru. Adeemsa isaanitti milkaa’aa jiraachuun ammo , kaleessayyuu galii isaanii lafaa qabuu jechuudhaa. Walitti bu’iinsi osoo hin umamnee guutuu Oromiyaatti haala qindaa’een waan gaggeessaa jiran ifatti ragaadhaa. Sammuu cabuu xiinxaltootaa hin barbaadu. Hiriirrii isaanii fi gochii isaanii, Arsiii fi Baaleetii, obbolaakeenyaaf du’a ga’ii deemnaa jedhanii , konkolaataa 43n ka’uun , qindoomiinaa fi hojii keessa dabran mirkaneessa. Gama kanaan qeerroon durfamneerraa isaaniin qixxaachuuf MAARSHII haa geeddarru .
  5. OPDO fi WAYYAANEE gidduu waan jiru irratti, tilmaamni keenya sirrii akka ta’uuf akkaataa itti yaannuu geeddaruu qabnaa. Yoo ta’uu baatee waa hedduu dhabuu dandeenya. Adeemsa diinaa ilaalanii waan hojjatan hedduu waan ta’eef. Gaafa kana jennuu garuu waan qalbifachuu qabnuutu jira. Wayyaaneen laafattee dhiiftee, OPDOn dammaqixee dhiiftee, AMAARRI nu waliin dhaabbattee dhiiftee, sochiin keenya gonkumaa golgolaa’uu hin qabu. OPDO fi wayyaanee gidduu xinnaatus dubbiin seenuu waan mul’isuutu jira. Keessattu wal ga’ii Ihaadeeg ammaa irratti, garee lammaafaa amanuu dhabuun warra dullacha walitti qabatanii mari’achuu isaaniitii. Kun waa tokko . garuu deebi’ee hin fooyya’uu jechuu miti. Kanaaf sochii ofii fi toftaa ofii daran jabeessuu irratti MAARSHII geeddaruu qabnaa. Sirna kana raafneerra. Sirna kana humnaan itti seenuuf ammallee miidhaa nurra ga’uu garaatti qabannee, keessa wayyaanee kana caalaa diiguun barbaachisaadhaa. Wayyaaneen humnatti akka ceetuu nuuti yeroo isaa malee dirqisiisnaan, humna waraanaa keessaa adda duraa irratti ilmaan Oromoo hiriirsiti. kanaaf dura waan achi jiru cabsuun barbaachisaadhaa. Waraana bobbaaftuu geeddaruu qabnaa. Keessa wayyaanee akka malee raafamaa jiru kana caalaatti raasuu qabnaa. Amma iccittiin ilmaan Tigiree qofa harka seetee jirtii. Warra kaanirraa amntaa dhabaa deeman. Kanaaf carraa jirutti dhimma ba’uun dansaadhaa.
  6. Wayyaaneen Waraana Ummata keessa facaasuu murteessuun furmaati of harkaa qabduu sadarkaa dhumaarra jiraachuu mirkaneessa. Waraana Ummata keessa bobbaasuun waa lama ofirratti murteessuudhaa. Humnaan jiraachuuf ykn dhabamuuf. Waraanni bobbaafamuu hundumtuu kan Ummatatti dhukaasuu miti. Wayyaaneen nama 40 ykn 30 keessa nama 3 ykn 5 keessee akka ummata fixan taasiftii. Warri waan kana raawwatuu battalumaan geeddaramuu. Kanaaf waan goonuu itti yaaduu qabnaa. Herreegii waa hundaa deemee deemee, wayyaanee irratti goolabama. Kanaaf ammo waan barbaachisuun qophaa’uuf, sochii keenyaaf MAARSHII geeddaruu qabnaa. Waraana bobbaasuu waliin waan akka tasaa Umamuu maluus carraa bal’aa qaba. Wayyaanee irraa humnii cabuu eegallaan guutuu biyyaa baatii tokkotti wal ga’uu danda’aa. Yeroo kanatti murtiin wayyaanee waraana Ummata keessaa harkisuutu dhufa. Yeroo kana maal gona ? irratti hojjachuu barbaachisa. Waraanni yeroo Magaalaatti bobbaafamuu , mormii qeerroo qofaan ykn ijoollee hanga 50n gaggeessuu geeddaranii, Ummata guutuu magaalaa yoo kaasan, yaadi wayyaanee ni dhaabbata. Waraannis ni rifata. Gama kanaan Maarshii keenya geeddaruu qabanaa.waraanni bobbaafamuun iccitti biraas ni qabaata. Abbootii qabeenyaa Tigiree tikisuutu jira. Kana qoratanii adda baafachuu qabnaa.
  7. Abbootii qabeenyaa Biyyoota alaa irratti waan hojjannuu daran jabeessuun murteessaadhaa. Tarkaanfiif jarjaruun dura, Abbaan qabeenyaa sun sirna sana deegaruu irraa akka dhaabbatu hubachiisuu barbaachisa. Yoo qabeenyaan isaanii kun wayyaaneema jiraachisuuf dhaabbatee ….waan siif gabaabbatutu jiraa jennaan. Suduudaan sirna ummata keenyaa fixaa jiru osoo arganii callisuun yakkaa, kanarra taree hojii investimantii irra dabranii, Intarneeta ugguruu, waraanaa fi poolisii nu ajjeesuu leenjisuun yakka ta’uu itti himuun barbaachisaadhaa. Walumaa galatti gurra warra alaa harkisuuf, jara kana tokko lama jedhanii rifaasisuu barbaachisa.
  8. MAARSHIIN walirratti duuluu geeddaramuu qaba. Madaalli Oromummaa har’aa akka kaleessaa wacuun ykn arraba dheerachuun miti. Hojiidhaan ta’eera. Yeroo qabsoon kun Biyya alaatti baatee Biyyi keessi qabsoo kanaaf hanga keessummaa ta’uutti irratti hojjatamee san, holollii waa hedduu balleesseera. Har’a garuu Maarshiin geeddaramee, HUNDEEN QABSOO OROMOO biyya keessa ta’eera. Galatan warra cichanii qabsoo kana jiraachisaniif haa ga’uu. Waan Biyya keessatti gaggeeffamaa jiru guyyaarraa gara guyyaatti hangam bilchaataa fi yeroo eeggataa ka jiru ta’uu ifati mirkanaa’eera. Kanarra dabrees, ijoolleen sun guyyuma tokko ka iyyitee biraa deebitu hin taanee. Qindoominni isaanii gonkumaa harki laafaa fi Maakkiyaatoo baree akka hin hojjannee mirkaneessee jira. Kanaaf holola keessaa ba’aa. Hundumtuu karaa isaaf mijateen akka falmatuuf karaa waliif banaa. Galata qabaadhaa. Lubbuu guyyuu galaafatamtu irra ejjattanii dantaa keessan hin dursiinaa. Waan eegalamee gonkumaa xiinxalaan hin dhaabbatu. Hin ibsamuus. Wayyaaneenuu mataa itti cabdee jirtii dinqisifadhaa.wal jajjabeessaa.beekumsaa fi dandeettin koo kanaa maal isin gargaarru waliin jedhaa. Abbootiin gadaa Biyya keessaa maalitti jiru ? inni alaawoo??? ? waanuma kana dhaabuu maalif dadhabuu ? Kutaa 2ffaan itti fufa.

Maarshii geeddaraa. Maarshii humna nu godhu.

HORAA BULAA !!!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: