Gabroonfataan Mirga Kamuu Ququnxuree Nuu Rabsuuf Mirga Hin Qabu!

Aside

Baarentuu Gadaa irraa
14238371_658212811000444_1439995930966660242_nUmmanni Oromoo gabroonfattuu, saamtuu fi darartuu murna bicuu Wayyaanee irraa  mirgi gaafachaa turee fi jiru hin jiru.  Oromoon Wayyaaneedhaan takkaawuu  kun natti hirrattee jira, kana naaf guuti, kun najalaa hafee ykn natti xiqqaatee jira isa kana  itti naaf dabali jedheehin beeku, jedhaas hin jiru.  Wayyaaneen Oromoofis ta’ee saboota humnaan weerartee jirtuuf mirga qunxurtee laachuufiif mirgas, hamilees hin qabdu.

Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Fulbaana 15,2016

Aside

SBO Fulbaana 16,2016. Oduu, Ibsa Gootichi Oromoo Atileet Fayyisaa Leellisaa Gaazzexeessitoota Bebbeekamoo Adduny aaf Kenne Irratti Gabaasa Qophaa’ee fi Gaaffii fi Deebii Artist Zarihun Wadaajoo kutaa 3ffaa

Aside

Feyisa Lelisa on VOA Facebook Live

Aside

Olympic runner Feyisa Lilesa: ‘I will be killed if I go back to Ethiopia’

Aside

By Stephanie Busari, CNN

Ethiopian Feyisa Lilesa, making a similar gesure to the one made as he claimed silver in the men’s marathon at the Rio Olympics. Photograph: Mandel Ngan/AFP/Getty

Ethiopian Feyisa Lilesa, making a similar gesure to the one made as he claimed silver in the men’s marathon at the Rio Olympics. Photograph: Mandel Ngan/AFP/Getty

Lagos, Nigeria (CNN) — When Ethiopian runner Feyisa Lilesa raised his hands and crossed his wrists above his head in a defiant political gesture as he approached the finish line at the Rio Olympic marathon, it put the spotlight on his home nation.

“Crossing my wrists in Rio has already had a great impact on my life,” he said. “I am now separated from my dear mother, my supportive wife and my precious children in Ethiopia who I miss dearly.” Continue reading

Diddaan Qeerroo Bilisummaa fi Ummataa Itti Fufuun Oromiyaa Bakkoota Hedduutti Diddaan Daandiin Konkolaataa Cufuu Itti Fufee Jira.

Aside

abo2Fulbaana 14,2016 Oromiyaa guutuu keessatti daandii cufuun dhaabbataan  itti fufeedhuma jira. torban tokko dura gabaa lagannaan oromiyaa guututti kan taasifamee turee fi daandii cufuun haala wal fakkaataadhaan magaalotaa fi godinaale hundatti ammallee yeroodhaa yerootti cufamaa jiran. Haga ammaatti wayyaaneenis banuu kan hin dandeenye daandiin cfuamee kan hafee jiru Magaalaa shaashamanneetti guyoota hedduu lakkoofsisee jira daandii guddaan ,Boojjii Birmajii Biilaa,Qilxuu Kaarraa, Awwadaayi keessatti daandiin hin banamin torban lamaa ol lakkoofsiseera humna banuu hin dandeenye qabaachuun wayyaanees barameera akkasuma hamma ammaatti duulli hojii dhaabuu adeemsifamee itti fufee dhaabbachuus akka hin qabne waggaa kana guutuu duula hojii dhaabuutti hojetootni walii galaa jiraachuunis beekameera. Magaalawwan negellee,daaroo, mechaaraa, adaamaa fi kkf keessa halkan Qeerroon akeekkechiisa hojii dhaabuu gabaa lagachuu,danddii cufuu uummataa kennee jira barruun kunis magaalota kanneen keessatti bittimdfamee jira. Continue reading

Godina Lixa Shaggaar Aanaa Midaa Qanyii Gandaa Haleeluutti Waraanni Wayyaanee Jiraattota Irratti Yakka Sukkanneessaa Deemisaa Jira.

Aside

Fulbaana 13,2016 Godina Lixa Shaggaar Aanaa Midaa Qanyii Gandaa Haleeluutti Waraanni Wayyaanee Kora Bittinneessaa fi loltootni Liyyuu Hayilii Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO Yakka Suukkaaneessaa Mana Jireenyaa Abbootii warraa Shani(5) İrratti dhuka’aa dhoosuu fi Ibiddaa itti qabsiisuun Barbadeessan.

 Tarkaanfii keessa deebii hin qabne dhiyeenya humni ittisa uummataa miseensa waraanaa fi basaasa Wayyaanee uummata hiraarsaa kan jiru nama maqaan isaa Fedhasaa Ganneetii jedhamuu irratti fudhateen wal qabatee mootummaan waayyaanee humna ittisa uummataa nyaachisaa jirtu , ijoolleen keessaan humna ittisa uummataa waliin hariiroo qabu jechuun uummata nagaa  irratti yakki suukkaneessan rawwatamee jira. Continue reading

Barsiisotii fi Hojjettooti Yuuniverstii Wallaggaa Walgahii TPLF Waame Lagatan

Aside

Fulbaana 14 /2016 Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti formiin itti fufuun, walga’ii guyyaa har’aa kana yuunversiitii Wallaggaa keessatti geggeeffamaa ooleen  sabboontonni barsiisonni Yuunversiitichaa guutummaan guutuutti wal ga’ii Wayyaanee kana  irratti diddaa  garboonffattuu Wayyaaneef qaban haala ajaa’ibsiisaa ta’een warra wal ga’icha geggeessuuf dhaqan afaan qabachiisanii jiru.
Qaamonni walgaicha mariisisuuf deemanis gaafii gaafachuun mirga keessan gaafa jedhanitti barsiisonnis gaaffii gaafachuu fi yaada isaanii kaasuu waan didaniif profeeseriin yuunversiitii wallaggaa kan ta’e dr Eebbaa miijanaa itti waamuudhaan dirqamaan gaaffii akka kaasaniif doorsisaa akka jiraniif doorsisaa akka oolan baramee jira.
Wal ga’icha irrattis barsiisonni  tokkoyyuu gaaffii kaasuu waan didaniif mootummaan wayyaanee dirqiidhaan gaaffii akka kaasaniif   hiraarsaa akka oole maddeen keenya achirraa nuqaqqaban ifa godhu.

Qeerron Arsii magaalaa Qoree keessatti mormii gaggeessaa oole,

Aside

14355651_10102538616054873_8183327846946256952_n 14359259_10102538619932103_7493638219964177665_n

Godina Lixa Shaggar Gidduugaleessaa Oromiyaa Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogoritti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Fulbaana 13,2016 Godina Lixa Shaggar Gidduugaleessaa Oromiyaa Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogoritti Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabaachuun itti fufe. Mogoor  keessatti

1. Sababa sochii duulaa gabaa lagachuu fı uggura dinagdee buusuu torbee tokkoof gaggeeffameen manneen daldalaa fi suuqiiwwaan cufamanii turan banamaa yeroo jirachuun walqabatee waraanni Agaazii Uummata irratti reebicha hamaa gaggeessuun jumlaan mana hidhaatti guuraa jira.

2. Hoojjettootni  Warshaa Simintoo DANGOTE hojii guutummaatti dhaabuun diddaa isaanii kan itti fufani jiran yoo ta’uu qondaalotni wayyaanee aangawootni warshichaa fi abbaa qabenyummaa isaa waayila wayyaanee lammii Naajeeriyaa kan ta’ee kasaaraa guddaaf saaxilamee waan jiruuf warshicha banuuf illee fedhii kan hin qabnee ta’uu argisiisee jira Yeroo ammaa kana hojjattootni warshichaa guutummaan mooraa warshichaa keessa dhaabbatanii argamu. Qeerroon Mogoor qindeessıtootnı sochii warraaqsaa FXG’n keenyaa roga hundan hanga wayyaaneen Oromiyaa gadhiiftee baatutti itti fufa jechuun dhaamsa dabarsan!!