Godina Lixa Shaggaar Aanaa Midaa Qanyii Gandaa Haleeluutti Waraanni Wayyaanee Jiraattota Irratti Yakka Sukkanneessaa Deemisaa Jira.

Fulbaana 13,2016 Godina Lixa Shaggaar Aanaa Midaa Qanyii Gandaa Haleeluutti Waraanni Wayyaanee Kora Bittinneessaa fi loltootni Liyyuu Hayilii Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO Yakka Suukkaaneessaa Mana Jireenyaa Abbootii warraa Shani(5) İrratti dhuka’aa dhoosuu fi Ibiddaa itti qabsiisuun Barbadeessan.

 Tarkaanfii keessa deebii hin qabne dhiyeenya humni ittisa uummataa miseensa waraanaa fi basaasa Wayyaanee uummata hiraarsaa kan jiru nama maqaan isaa Fedhasaa Ganneetii jedhamuu irratti fudhateen wal qabatee mootummaan waayyaanee humna ittisa uummataa nyaachisaa jirtu , ijoolleen keessaan humna ittisa uummataa waliin hariiroo qabu jechuun uummata nagaa  irratti yakki suukkaneessan rawwatamee jira. Yakki ulfaataan kun abbootiin warraa kun humna waraana Agaaziin fulbaana 8/2016 qabamanii hidhamanii dararama utuu jirani ta’uun ibsamera. Yeroo amma kanatti ganda Haleeluu keessa manni abbootii warraa 5 galgala kaleessaa gutummaatı waraanni agaazii fi waranni kora bittinneessa jedhamuu boombii fi ibiddaan barbadeessaan qabeenyaan miliiyoonaa hedduutti lakkaa’amuu fi lubbuun beelladaa fi namaa illee keessa kan barbadeeffame ta,uun yeroo amma kanatti Aanaa Midaa Qanyii irratti wayyaaneen yakkaa suukkaneessa uummatarratti dalagaa jirti. Namootni yakki Suukkaneessa kun irratti rawwatame Manni galmaa isaanii barbada’ee:

1.       Obboo Getachoo Raggaasaa qotee bulaa abbaa maatii 12 fi Jaarsa hayyuu biyyaa

2.       Obboo Geetuu Badhaasaa qotee bulaa abbaa maatii

3.       Obboo Yaadasaa Katamaa abbaa maatii

4.       Addee Soogiddee Namarraa dubartii haadha maatii

5.       Obboo Badhaasaa Dheeressaa abbaa maatii kanneen jedhaman Fulbaana 8/2016 humna waraanaan ukkanfamanii Aanaa Midaa Qanyiitti buufata waraanaa Agaaziitti hidhamuun dararamaa guddaa keessa utuu jiranii, waraanni wayyaanee yakka gara jabeenya guddaan guutameen mana galmaa isaanii fi qabeenyaa bara dheeraa horatan waliin guutummaatti ibiddaan jalaa barabadeessuun yakka ulfaataa takka addunyaa jarraa 21ffaa keessatti mootummaan kamuu hin rawwatnee uummatarratti rawwatan. Yakka ulfaataa uummata Oromoo Aanaa Midaa Qanyii fi Oromiyaa irratti rawwatamaa jiruuf mootummaan wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n itta gaafatama seeraa jala bahuu hin danda’an.dhaabbileen mirgoota namommaa fi  Sabaa himaaleen İdil-Addunyaa fi sabaa himaaleen qabsoo bilisummaa Oromoo dirmannaa gochuun yakkaa ulfaataa kanaf uummatni  addunyaa  akk uummata keenyaaf dirmatuu Qeerroon Midaa Qanyii gaafatan. Qeerroon Midaa Qanyii yakka ulfaataa kana of irraa dhaabuufi yakkamtoota gaafatama jala galchuuf qabsoon Warraaqsaa FXG bakka jirruu hundaatti finiinsuun mootummaa abbaa irree haramanee kana dura mormıı jabaan akka dhaabbannu jechuun waamicha dabarsan.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s