Fulbaana 14 /2016 Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti formiin itti fufuun, walga’ii guyyaa har’aa kana yuunversiitii Wallaggaa keessatti geggeeffamaa ooleen sabboontonni barsiisonni Yuunversiitichaa guutummaan guutuutti wal ga’ii Wayyaanee kana irratti diddaa garboonffattuu Wayyaaneef qaban haala ajaa’ibsiisaa ta’een warra wal ga’icha geggeessuuf dhaqan afaan qabachiisanii jiru.
Qaamonni walgaicha mariisisuuf deemanis gaafii gaafachuun mirga keessan gaafa jedhanitti barsiisonnis gaaffii gaafachuu fi yaada isaanii kaasuu waan didaniif profeeseriin yuunversiitii wallaggaa kan ta’e dr Eebbaa miijanaa itti waamuudhaan dirqamaan gaaffii akka kaasaniif doorsisaa akka jiraniif doorsisaa akka oolan baramee jira.
Wal ga’icha irrattis barsiisonni tokkoyyuu gaaffii kaasuu waan didaniif mootummaan wayyaanee dirqiidhaan gaaffii akka kaasaniif hiraarsaa akka oole maddeen keenya achirraa nuqaqqaban ifa godhu.
Asham, asham,asham, yaa qeerroo magalaa Arsii nuuf jiradha… horraa bulii gallanii kessan billisuuma dha, jabadhaa jajabadhaa issin wajjiin jiraa..