Fulbaana 14,2016 Oromiyaa guutuu keessatti daandii cufuun dhaabbataan itti fufeedhuma jira. torban tokko dura gabaa lagannaan oromiyaa guututti kan taasifamee turee fi daandii cufuun haala wal fakkaataadhaan magaalotaa fi godinaale hundatti ammallee yeroodhaa yerootti cufamaa jiran. Haga ammaatti wayyaaneenis banuu kan hin dandeenye daandiin cfuamee kan hafee jiru Magaalaa shaashamanneetti guyoota hedduu lakkoofsisee jira daandii guddaan ,Boojjii Birmajii Biilaa,Qilxuu Kaarraa, Awwadaayi keessatti daandiin hin banamin torban lamaa ol lakkoofsiseera humna banuu hin dandeenye qabaachuun wayyaanees barameera akkasuma hamma ammaatti duulli hojii dhaabuu adeemsifamee itti fufee dhaabbachuus akka hin qabne waggaa kana guutuu duula hojii dhaabuutti hojetootni walii galaa jiraachuunis beekameera. Magaalawwan negellee,daaroo, mechaaraa, adaamaa fi kkf keessa halkan Qeerroon akeekkechiisa hojii dhaabuu gabaa lagachuu,danddii cufuu uummataa kennee jira barruun kunis magaalota kanneen keessatti bittimdfamee jira. Wallagga lixaa boojjii birmajiitti qeerrowwan daandii boollessuudhaan addaan kutanii jiru. Akkasuma aanaa zuwaayi dugdaattis daandii cufamee jira amma ammaatti.” Addatto ammoo gara maayii “Qeerroon oromiyaa amma hojii daandii cufuu, hojii dhaabuu fi dhaabsisuu, tarkaanfii qabeenyaa diinaa fi lukkeewwan irratti fudhatuu daran jabeessee itti fufuu waggaa kanaaf karoora isaa tahuus wal hubachiisee humnaa fi ejjennoo haaraadhaan eegalee jira. Injifannoon uummata oromoof” Kana caasaa hunda fi naannoo hunda marihachiisuun Qeerroon Bilisummaa labsii Fulbaana 1,2016 baase keessatti gabaa lagachuu fi daandii cufuun waamichi ta’een ummanni akka qaama qasoo itti fudhatee guutuu Oromiyaa keessatti irratti hojjechaa jira,gara fuula duraas hamma galii qabsoon gahamutti Qeerroon waan karoorfate itti fufa.
Asham, Asham ,Asham,Warraqasaa Diddaa moottumaa wayyanee oromiyaa hundaa kessatii gagefaam jiruu, durraa tauumadhaa qeerroo sochoossaa jirtuu gallatoofachaa nuutiissii hunafii qabenyaans issin wajjiin jiraa jabadhaa jejebadhaa gallanii kessan billisuumadha, horraa bullaa,akkasuum qeerroo tenyaa taan warregamtee seenaan bara bara ha yaddatuu. daballataaniis ABO FI WBO tenyaa haa gallanii issanii billisuuma haa tuu………waluumaa gallatii ummataa oromotii fii qabbasawotaa hundaa gallanii issanii billisuumaa hatuu… Gadaan gadaa billisuumatii..injiifanoon taan ummataa oromotii………qabsaawan nii kufaa qabsoon itti fufaa.. horraa bullaa..