Fulbaana 19,2016
Ogeeyyiin fayyaa kun Hospitaalota irraa walitti dhufanii yaada gurmuu qeerroo isaaniif kennaniin, bara 2014 keessa utuu ogeeyyiin ilmaan Oromoo irraa dhalatan hedduu ta’anii jiranii FDG yeroo sana Oromiyaa keessatti ta’een Qeerroon Oromoo diinaan rukutame,yaalii tokko malee guyyoota sadii booda du’uun isaa kan nama gaddisiisu qofa utuu hin taane,hanqinaa gama keenyaan jirudha jedhan!
Yeroo ammaa kanas,murni alagaa ilmaan Oromoo abiddaan gubee gara hospitaala Abeet dame Hospitaala Phaawuloos erga fidee booda,hojjettoonni Hospitaalichaa fi Hospitaalota maraa dhimma hojii tiif gara Hospitaalichaa akka hin seenne taasisuun, kanneen gamoo Hospitaala Abeet irra keessa dhaabbatan kutaa reeffaa kan jala jiru keessatti reeffa namoota abiddaan gubamanii suura kaasuuf yaaltan maqaa jedhuun hojjettoonni hojiirraa arii’aman! Yeroo ammaa kana hojjettoonni kutaa reeffaa keessaa mana callabbeessaa keessatti reeffa ilmaan Oromoo abiddaan gubamanii eegaa jiran dararaa fi sodaachisa tika mootummaa Itoophiyaarraa halkaniif guyyaa boqonnaa dhabuurraan kan ka’e mana isaanii akka gadhiisanii fi kanneen mana qaban immoo mana galanii maatii isaanii wajjin bulaa akka hin jirre dubbataniiru! Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk