Godina Gujii keessatti Qeerroon Bilisummaa  waraqaa waamichaa facaasaa jira.

01Fulbaana 20,2016  Qeerroon Bilisummaa godina Guji Bahaattii aanaa Gooroo magaala Harqalloo keessatti waraqaa dhaadannoo fi qabsoon Oromoo fuuula duratti akka tarkaanfatuuf sochii uummatichaa kan jabeessu of kessaa qabu bottimfamee jira. 02

Waraqaaleen heddumminaan facaan fuula lama qabu kunis asiin hiine jirra. Uummanni Oromoo yeroo kanas waan isa baasu hubatee diinaa fi hidhataa kan diinaa kan qaban akkasumas investeroota Wayyaanee qabeenyaa isaanii Oromiyaa keesaa jiru irratti tarkaanfii fudhatuu fi lagannaaf of qopheessuun waamicha garagaraa waliif gochaa jiraachun yeroo kana haalaan kan hubatamee jiruudha. haatahu malee diinni sochii abbaa qabsoo oromoo wayita kanaa Qeerroo Bilisummaatti kan nahee fi sodaa keessatti kufee jiruun tarkaanfiin diinni uummata keenyarratti aggaamee jiru gara laafina malee gocha suukkanneessaa fudhataa jiraatuun gabaasonni garagaraa ibsu.

Qeerroon Oromiyaa keessatti wayita kana FXG kan jabeessu kutannoodhaan galmaan gahuuf itti cicheetu jira. kanumaanis waamicha FXG fiixaan bahiinsa itti gochuuf waraqaan Qeerroo magaalotaa fi baadiyaalee Oromiyaa keessatti faca’aa jira.
Inni biraan torbanoota kana keessa leenjiin barsiisotaa kennamaa jiraatuun akkuma beekame har’a kutaa magaalaa Finfinnee garagaraatti leenjiin
kennamaa jiru gaaffiiwwan hedduun hammatamee fi biddoo garagaratti waltajjiin wayyaaneen iyyaa jirtuuf bakka dhabuudhaan kaan achuma keessa taahuudhan toora interneetaa fayadama kaan ammoo ni rafa yeroo shaayee bunnaa fi kkf hundas lagachuudhaan walgahiin wayyaanee fesheletaa jira.

Barsiisonni akka oromiyaatti walgahii irra jiranis diddaa isaanii bifa garagaraan itti fufanii jiraachuun har’a buufata walgahii isaanii garagaraa
irraa odeessaan caasaan qabnu nuuf himaa jiran.

One response

  1. Ashaam, Ashaam,Ashaam, Duraa dursee qeerroo oromootiifii ABO ykn WBO oromoo gallatoofachuun baribadaa akkasuum ummataa oromoo hundaa gallannii kessaan bilisumma hatahuu..qeerroo oromo kaneen wargammteefii wargammaa jirtuu seenaa bara bara haa yadatuu. haayyoonii kenyaas baga jirataan horraa bullaa ..gallanii kessaan bilisumma hatahuu.Dhugaan dhokkoochuuf sobaa hin tatuu.kanafuu yaa oromo tenyaa FXG gollabaa itti hagonuu ,dhugaa qabnaa, haqqaa qabnaa , nii ijjiifaan gadaan gadaa bilisummatii…horraa bullaa..

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: