Fulbaana 19,2016
Ogeeyyiin fayyaa kun Hospitaalota irraa walitti dhufanii yaada gurmuu qeerroo isaaniif kennaniin, bara 2014 keessa utuu ogeeyyiin ilmaan Oromoo irraa dhalatan hedduu ta’anii jiranii FDG yeroo sana Oromiyaa keessatti ta’een Qeerroon Oromoo diinaan rukutame,yaalii tokko malee guyyoota sadii booda du’uun isaa kan nama gaddisiisu qofa utuu hin taane,hanqinaa gama keenyaan jirudha jedhan!
Yeroo ammaa kanas,murni alagaa ilmaan Oromoo abiddaan gubee gara hospitaala Abeet dame Hospitaala Phaawuloos erga fidee booda,hojjettoonni Hospitaalichaa fi Hospitaalota maraa dhimma hojii tiif gara Hospitaalichaa akka hin seenne taasisuun, kanneen gamoo Hospitaala Abeet irra keessa dhaabbatan kutaa reeffaa kan jala jiru keessatti reeffa namoota abiddaan gubamanii suura kaasuuf yaaltan maqaa jedhuun hojjettoonni hojiirraa arii’aman! Yeroo ammaa kana hojjettoonni kutaa reeffaa keessaa mana callabbeessaa keessatti reeffa ilmaan Oromoo abiddaan gubamanii eegaa jiran dararaa fi sodaachisa tika mootummaa Itoophiyaarraa halkaniif guyyaa boqonnaa dhabuurraan kan ka’e mana isaanii akka gadhiisanii fi kanneen mana qaban immoo mana galanii maatii isaanii wajjin bulaa akka hin jirre dubbataniiru!
Hospitaala Abeet keessaa dooktorri hojjetu tokko akka jedhetti ajjeechaan kun tasumaa kan dhala namaa mitiitii bineensaaf hin eyyamamneefi akka ogummaa keenyaattuu gara jabinaan wal aansaa namaa taasisuu kan qabnu haa ta’u malee,ajjeechaa fi gocha addunyaan balaaleffachuu qabdu kana humni tikaa fi itti gaafatamaan Hospitaala Phaawuloos dame Abeet nu dirqisiisee ergan dhaqee kuticha keessaa reeffa argee jedhee erga boo’ee booda……kana nagaafachuurra rasaasa naaf fidaa of ajjeesuu naaf wayya jechuun kan nama gaddisiisuu fi namni kana yoo arge akkanumanuu qalbiin isaa darbuu mala jechuun erga ibsee booda, gama kanaan ogeeyyiin fayyaa aarsaa barbaachisu baasuun mootummaa seeraa alaa fi mootummaa namummaa hin qabne ta’uu saaxiluu qabna jechuun yaada isaa gumaache.
Ogeeyyii fayyaa kana keessaa yaadni biraan dhiyaate, kana booda Oromoon abbaa biyyuummaa isaa gonfachuuf kan isa hafe, waraana qofadha! Uummati keenya waraanatti jabaatee madoo qaamaa irra ga’uu fi hanqina diinagdee irra ga’u irraa qolachuufis, ogummaa keenyaan hanga bosonaattii fi bakka uummati fincilee madoo ta’uttillee deeggaruuf qophii ta’uu qabna! Yakka mootummaa wayyaanees jaarmiyaan ijaaramnee ni balaaleffanna jedhaniiru.
Dhumarrattis, Uummati keenya qabsoo tti jabaachuu qaba nutis akka jaarmiyaattis akka nama dhuunfaattis qabsoo Oromoorraa ni hirmaanna wal irraa hin hafnu walirrattis hin ilaallu kanaan dura sochiin keenya uummata wajjin ta’us, kan duraa caalaatti yeroon uummata keenyaaf uummata keenya keessatti hojjennu amma jechuun waamicha isaanii hojjettoonni fi ogeeyyiin fayyaa bakka jiranii fi akka wal beekanitti qabsoo Qeerroon geggeessu akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (September) | OromianEconomist