Haxxummaa fi Malaamaltummaa Mootota Habashaa

Damee Boruu Irraa

barruuHaayile Selaaseen Mo’aa Lenca Yihuundaa Mootii moototaa kan Waaqayyon muude godhee of dhiyeessaa ture. Haxxummaa kana keessaa  bu’ura dubbii guddaa lamatu jira. Inni duraa kan Waaqayyo muude namni xuqquu hin danda’u yaada jedhuuf kan xiyyeefatame dha. Inni  lamaffaa  Lunca Yihuudaa yaroo jedhu an isin keessaa iyyuu hin dhalanne, isin bituuf ergamaa Waaqayyoo waanan taheef  na sodaachuu fi na kabajuu qabduu dha. Kunis uummata bitaa jiru irratti humna aangoo akka kennuuf kan tilmaame dha .  Kana irratti Haayile Selaaseen ofumaanuu  an jedhee  of hin waamu. Yaroo hundaa nuyi jedhee of waama.  Maal jechuu isaati? Tokkoo isa inni lamaffaa eenyuu?  Waaqa isa muude jechuu isaati laata? Jechi isaa kun mala guddaa of keessaa akka qabu ni agarra.Mootonni Habashaa haxxummaa fi malaamaltummaan akkataa itti uummata cabsuu fi bituu danda’an wal duraa booda wal irraa barachaa, wal dhaalaa amma guyyaa har’aa gahanii jiru. Malaamaltummaan tokkoof hojjete isa biraa hin hojjetu. Inni  Itti aanu immoo haxxumaa biraan as bahuu qaba.

Amma fedhe iyyuu uummatni Ormoo haa saamamu, haa cunqursamu , haa tuffatamuu, haa dhiitamu malee aadaa fi hooda isaa qabatee jira. Jaarsaa fi jartiin, ayyaantun, Sheekni, lubni Oromoo uummata isaanii birati dhageetii fi ulfina guddaa qabu. Isaan utuu jiranii waan aadaa Oromoo keessatti safuu fi laguu tahe hojjechuun yakka. Uummatni isaanii mootummaa caalaa isaan dhaga’a. Yaroo Motummaan Haayilee Selaasee duloomee kufuuf jedhu gara dhuma bara kudha sagaliif jaatamaa keessa, jireenyi hedduu mi’a tahe. Qareen heerumuu dhabde. Qeerroon fudhuu dadhabe. Hattuun biyyaa saamuu hojii godhate. Shiftaan biyya goole.

Mootummaan Haayile Selaasee shiftaa wajjin biyya saamuu malee nageenya uummata eeguufis tahe eegsisuuf dandeettii fi fedhii  hin qabu. Manguddonni bakka fagoo irraa walitti yaa’anii seera bulmaataa  tumatan. Kurmi ala bule. Gaahilli ni lalse. Nageenyi  ni  bu’e. Kana malee bara roobni bade uummatni walitti dhufee gamtaan Waaqa kadhata. Roobni isaa akka dhufe kan hin beekamne hin roobaaf. Akkuma kana yoo dhukubni hamaan dhufe yaa Waaqayo dhukkuba hammaa kan nu bira dabarsi jedhani garaa qulqulluun gamtaan kadhatanii dhageessifatu.

Mootummaan Haayile Selaase bartoota ajjeeseera. Bartoota mana hidhaa keessatti  dareera. Naamoota Orommo waraa uummata isanii dhukbsatan hidhuu fi ajjeessuu hin dhifne.Haa tahu malee utuu rasaani tokko illee hin dhuka’iin fincila uummatni  kufe.  Yaroo sanatti warri waraanaa aangoo qabachuu fala dha’uu jalqaban. Tooftaan duraa gaaffii nama hundaa kan tahe lafa qotatee bulaaf kennu dha. Inni lamaffaa Waaqayyoottu na muude jechuun akka hin baafne waan hubataniif idoyologii komuniziim ergifachuu filatan. Waa’een lafaa mormii guddaa jiru qabannese amma humna horatani itti gargaramanii jiru. Idoyologii komuniziim garuu meshaa guddaa ittiin aadaa, hoodaa fi amantii uummataa balleessan taheef jira. Jartii fi jaarsi, ayyaantuun, Sheekni fi lubni dhageetii dhaban. Safuu fi laguunkan uummata keenyaf hundee jiruu fi jireenyaa tahe  ni bade. Obboleessi obboleessa irratti ka’e. Ilmi abba irratti ka’e. Intalli haadha irratti kaate. Lammiin wal irratti du’u wal irratti bobba’e. Olaan olaa irratti ka’e.  Namni Oromoo akka wal hin ammanne, akka waliin hin dhaabbanne akka wal shakkuu godhan.  Jabeenya uummatni keenya  kan tahe safuu fi laguun dhibamuun  tokkummaan uumata keenyaa akka diigamu godhe. Ummatni keenya waaqa irraa fagachaa deeme. Yaroo kana Waaqayyo illee akka nu  irraa ilaalu mamuu hin qabnu.Dargiin ijoollee eenyumaa ishee iyyuu hin barrennetti kilaashinkoov kennee akka uummata salphisaanii fi mootummaa isaa tiksaniif dabbaloota  uummta keessa facaase.

Waan Yaroo sana tahe keessa fakkeenyaaf obboleessi guddaan baratee hojii bankii argate. Abbaa fi haatii isaanii waan irraa du’aniif obboleessa isaa qixxisuu fidee mana isaa ka’ee barsiisaa jira. Obboleessi quxxisuun gaafa dabballee tahee qawwee Dargii irraa fudhatee dhufu bakka sireera ciisutti obboleessa isaa hanga rasaasan tumee ajjesse. Baga haati isaanii lubbuun hin jiraatiin nama jechisiisa. Lachuu du’a. Isa kamiif boosi.Fakkeenya biraa ilmi dura taa’aa waldaa qotee bulaa tahe . Biyya ni hunkure,ni  jeeqqe. Dardara hundaa milishaa Dargiif humnan ergee ficisiise. Durii gibiraa horii baafna, amma garuu ijoollee keenaan baasaa jirra jedhee uummatni ni gunguma.Aaangoo daangaa hin qabne waan ofii kenne jiruuf namni itti dubbatu hin jiru.  Abbaan isa dhashe dakkaa baatee ,mila tokkoon dhaabbatee maloo yaa ilma koo an dullome meeshaa qonnaa kana baadhee fagoo deemuu hin danda’u hojii waloo kana keessa na baasii jedhe kadhate. Gaafan an du’e baata  jedhe  abbaa isaa nama keessatti qaanese jennan abbaan manatti deebi’ee funyoon morma of hudhee of ajjeesse. Erga Dargiin kufee waan uummatni  isa xireefateef innis akkuma abba isaa of fanniise. Seenaan kana fakkaatu meeqatu jira?.  Hammeenyi kun hunduu isaa dhufaa? Seeraa fi heerri  bulmaataa uumatni keenya waloon qabu  baduutu kana hundaa fide.

Daballoonni  Dargii gaaffii tokko malee nama hidhuu fi  ajjeessuuf mirga qabu. Aabbaa mana hidhanii yookan ajjeessanii hadha mana isaa wajjin ciisu. Qabeenya namaa samu. Durba qarree humnaan gudeedu. Nama balleessuu barbaadan irrtti olola sobaa oofu. Kan danda’e baqaatee biyyaa bahe ,inni kaan ajjeessamee karaa irratti darbame . Kan hafe mana hidhaa keessatti  waxxalamee  torturuu fi du’uu malee ayyaana biraa hin turre. Dhiiga qulqulluu dhangala’e hundaa Waaqayyo qofti haa yaadatu jennee bira darbuu malee waan goonu hin jiru.

Hammeenya  mootota Habashaa ibsuuf kitaaba mataa isaa danda’e waa’ee tokko tokkoo isaanii bareessuun ni barbaachisa.  Isa kana bartoota seenaa qortaniif yoon dhiisii darbe garii natti fakkaata. Yaadni koo kamitu nuuf wayyaadha jechufis miti.  Diinni diina. Diinni wayyaa’aa hin qabu. Mootummaan Darii maqaa idolojii komunizmiin  Safuu fi laguuuummata Oromoo diiguun amma  har’aa diina caalaa uummatni keenya wal irratti bobaa’uuf sababa tahee jira. Ijaarsonni Oromoo ni diigamu. Haawasni Oromoo bakka hundatti ni faca’a.  Waldaan amantiis hammaccamaa jira.  Kana hundaaf itti gaafatama kan qabu dhaloota Dargii jalatti diigaa barate.  Dhiphuun uummata isaanii itti hin dhaga’amuu. Inni diinni saba isaanii lafaa irraa dugugaa jiru itti hin mul’atu. Maaliif yoo jenne? isaanis isuma har’a motummaan TPLF uummata Oromoo irratti hojjechaa jiru  uummata Oromoo irratti waan hojjechaa turaniif isaaniif waan haaraa miti.

TPLF Waaqayyoon muudamuu fi  idoyolojii komunizimii akka hin hojjenne waan argiteef tooftaa haaraa malattee dhufte. Warra saba isaaf dhima hin qabne harcaatuu Dargii walitti qabdee OPDO bixxilachuudhaan mootumaa bifaan haaraa tahe dhaabbachuu dha. Mootummaan kun ‘mootummaa federalaa’ kan uummatni  fedhiin waliin jiraatuu  fi ofiin of bulchuu dha jedhame. Fakkeessanii ittiin uummata burjaajjessan malee  kan aangoo murteessaa qabu TPLF duwwaa dha. OPDO ergamtuu dantaa TPLF eeguu dhaabbate malee uummata Oromoo waan gargaaru tokko illee hojjechuuf akeeka hin qabdu. Maqaaf garuu uummatni Oromoo of bulchaa jira jedhanii gowwomsuuf yaroof ni hojjeta. Utuu uummatni Oromoo kan of bulchu tahee maaliif qabeenyi uummata keenyaa halkanii fi guyyaa saamama? Maaliif ilmaan Oromoo lafa isaanii irraa buqa’anii halagaaf laatama? Yaroo waraanni Agaazii jaarsa, jartii, daa’imanii fi dubartii ulfaa ajjeessuu seerrii fi heerri OPDO eessa jira? Yaroo beektonni, baratonni , barsiisonni, qutee bulaa fi hoojettaan Oromoo kumaatan mana hidhaatti guramuu fi bakka buuteen isaa dhabamuu OPDOn uummata Oromoof maal gochaan jira jechuuf?

Warri ishee bixxileef haalaa ittiin uummata keenya saamanii fi fixxan mijjeessaf jirtu ifatti agarra. Namni OPDO keessa jiru hunduu lukkee diinatti jechuun hin danda’amu. Warra ijaarsa kanaaf mataa tahanii dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa fi dhangalaasissaa jiran diina isa duraa kan tahe TPLF irraa kan adda isaan baasu hin jiru. Warra kana qabsoon uummata Oromoo akkuma TPLF akkekkachuu qaba. Caalaa iyyuu eenyummaa ilmaan Oromoo kan beeku warra kana waan taheef hammenyi isaan godhan salphaatti kan ilaalamuu danda’u miti.

Dhaloota Qubee keessaa Qeerroon Bilisumma Oromoo Dhalchuun Waaqayyoo uummata keenyaaf araaramuuf fedhii akka qabu agarsiisa. Ayyaantonni, Sheekonni, luboonni  fi  manguddoonni keenya bakka jiran maratti uummata Oromoof kadhannaa guddaa gochuun ni barbaachisa. Uummatni keenyas fuula isaa gara Waaqatti deebisuu qaba. Safuu fi laguun uummata Oromoo jidduutti  akka deebi’ee lalisu hawwuu duwwa utuu hin taane  hojiin agarsiisuu qabna. Yoo waan nagaa hojjechuu dadhabne warra hojjechaa jiraniif nagaa kennuu wayya. Yoo harka wal qabnee gara fuula duraa tarkaanfachuu dadhabne boodatti wal harkisuu haa dhiifnu. Guyyaan dhiphuu kun darbee wal nuu hubachiisuuf jiraata. Yaroo har’a diinni uummata keenya waloon lafa irraa dugugaa jiru kanatti  nama Oromoo fi ijaarsa Oromoo irratti olola oofuun yakka guddaa dha.

Qootiyyoon dhalee, dhakaan daraare jennee waan dhugaa hin taane irratti yaroo keenya balleessuun walaallumaa dha. Galatni Qeerroo Bilisummaa Oromoof haa tahuu malee guyyaa olola sobaan wal diignu bira tarkaafne jirra. Bara dheeraaf guyyaa ilmaan Orommo dhugaan dhugaaf waliin dhaabbatan arguuf hawwii guddaan qaba. Qeeroo bilisummaa Oromoo dhalachuu arguun abjuun koo naaf hiikamee fi  hawwin koos naaf guutee jira. Galatni Waaqayyoof haa tahu. Guyyaa kuufatii TPLF gabaabsuu fi dhumaatii  uummata  keenya xiqqeessuuf karaa dandeenyu maraan Qeerroo Bilisummaa Oromoo wajjin dhaabbchuun filmaata biraa kan hin qabne.

Injifannoo Uummatoof!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: