SBO Adoolessa 06,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Dhaloota Qubee fi FXG-Gaaffii fi Deebii Dargaggoota Mooraa Qabsootti Seenan Waliin Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

The Ethiopian Government Should Not Be Rewarded for Massacring its People

Aside

HRLHAJuly 3, 2016 in Human Rights, Oromia 

HRLHA’s  Appeal  and Request for immediate ActionAppeal to:H.E. Mr. Mogens Lykketoft
The President of the 70th Session of the United Nations General Assembly

UN Headquarters, 405 East 42nd Street, New York, NY, 10017
Tel: +1-212-963-1234
http://www.un.org/pga/70/contact-us/
UN GA President
@UN_PGA

Copied to:

Dear Mr President Lykketoft,

First of all, using this opportunity, let me Introduce to you the Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA)

“The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) was originally founded in Ethiopia in 1996      by the name “Human Rights League (HRL)”,  it was silenced at the outset by the Country’s authoritarian regime. It was then re-launched from the Diaspora in 2007 by exiled founders and members of the HRL.  It was then re-named the Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA), and registered as a non – profit and non – political organization in Ontario, Canada on the 14th of June 2007.

HRLHA aims to defend fundamental human rights,  including freedoms of thought, expression and assembly or organization. It also works to raise the awareness of individuals regarding their own basic human rights and those of others. It insists on the observances of international and regional treaties, protocols, covenants, instruments, agreements, etc. on human rights as well as due processes of related laws. It promotes the growth and development of free and vigorous civil societies”.Appeal to UNSC President  Info Kit – Updated 10-04-16 (1)

Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Xuqur Incinnii Magaalaa Dirree Incinniitti Keessatti FXG Marsaa 6ffaaf Gaggeefamaa Oole.

Aside

1bAdoolessaa 3-4/2016 Godina Lixa Shaqggar  Amboo: Aanaa Xuqur Incinnii Magaalaa Dirree Incinniitti Goototni Qeerroon Daragaggootni Barattootni Oromoo fi uummatni Oromoo walitti Dhufuun Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaa  bifa adda ta’een dhoosuun mootummaa faashistii abbaa irree wayyaanee dura Dhaabbatan. Yakka Ajjeechaa Duguginsa Sanyii (Genocide) Godinaalee Bahaa Oromiyaa Harargee Awwadayi ,  Arsii Lixaa Shaashaamannee, fi Bakkoota hedduutti Yaakka Waraanaa Agaaziin Rawwatamaa jiru gadi jabeessuun balaaleffatan.
Tarkaanfiin Ajjeechaa Duguuginsa Sanyii Waraanaa Agaaziin uummata Oromoo Oromiyaa golee garaagaraa keessatti fudhatamaa jiruu kufaatii abbaa irraa kan saffisiisuu fi mootummaa wayyaanee fi aangawootaa biyyatti gaafatamaa seeraa fi seenaa jala kan galchu malee gaaffii uummata  Oromoo deebii kan hin taa’ee fi Warraaqsaa Biyyooleessa Oromiyaa takkaa dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu ifaadha!!
Warraaqsiii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaan Godinaalee Bahaa Oromiyaa Finiinfamaa jiruu Daran Jabaachuun Giddugaleessa Oromiyaa Finfinnee fi Naannoo Ishee dabalatee  Godinaalee dhihaa Oromiyaa  guutummaa Godina Lixa Shaggar Amboo fi Aanoota godina lixa Shaggar jalatti argamaan, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Godina Bahaa Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa keessatti Itti Fufee Jiraachuu Fi Barruun Warraaqsa FXG Marsaa 6ffaas Godinicha keessa belbelaa jiraachuun Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee taa’umsaa fi dhaabii hanqatee halkanii guyyaa dhiphinaa fi Muddaama ulfaatatti seenee jiraachuun ibsame jira.
Haaluma Walfakkaatuun  Lixa Shaggaar Aanaa Xuqur Incinnii Magaalaa Dirree Incinniitti bifa adda ta’een Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG marsaa 6ffaan kan dhoofame yoo ta’u, Godinichuma Aanota Akka Tokkee Kuttaayee, Gudar, Amboo Mana Barumsaa liibaan Maccaa sadarkaa 2ffaa, Giincii, Jalduu , Meettaa Roobii, Gindabarati, Adaa’aa Bargaa, Midaa Qanyiitti Sochiin uummataa fi dargaggootaan jabaachuu irraa mootummaan wayyaanee soda fi Muddama guddaa seenuun human waraanaa dabalataan uummatarratti bobbaasuun duulaa hidhaa, sakkattaa’aa fi hiraarrasaa guddaa waraanatti dhimma bahee raawwachaa jiraachuun yakka waraanaa uummataarratti dalagaa jiraachuun ibsamera.

Aside

Adoolessa 4,2016 Godina Arsii magaalota Siree,Darrabbaa,fi Indato keessatti halkan kana waraanni Agaazii ummata magaalarraa gara baadiyyaa galuuf deemufii ummata magaalaa keessa deddeemu sakkata’aa kan jiran yoo ta’uu ummata karaarra deemu hanga boorsaa isaanii kiisaa guuranii sakkatta’uutti jiraachun beekame.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Adoolessa 4, 2016

Aside

Iyyii  Iyya Labsi

Aside

Damee Boruutiin

Barreessaa dhugaa baasa!Waraanni Wayyanee guyyaa hundaa Oromoota sammuu qaban adamsee ukkaamsuu, ajjeessuu fi mana hidhaati dararuu irraa darbee uummata Oromoo nagaa dhowwachuudhaan akka goolaa jiru gabaasaa Qeerroo irraa hubachaa jirra. Keessattuu hammeenyi bartootaa Oromoo irra gahaa jiruu dhaga’uunu garaa nama hammeessa. Warri ukkamaman yaroo dhumasana akka ajjefaman mamii qabaachuu hin qabnu. Qotee bulaa, hojjetaa, barataa fi artistiin Oromoo uukkaman duba kan quba itti qabutu jira. Qubni cituu malee fala biraa hin qabu.

Qeerroon nagaa eegduu TPLF tokko shan diigee of ijaaree warra quba ilamaan Oromoo itti qabanii ficcisisaa jiran kana hubachuu ni dadhaba jedhee hin yaadu. Warra garaa malee sammuu hin qabnee kanaan ilmaan Oromoo dhumuu fi biyyi Oromoo saamamuun fudhatama hin qabu. Tooftaan TPLF inni duraa Oromoota qara tahan fixxuu dha. Warri qara tahan yoo dhuman isa hafe gowwosaniis tahe dorsiisudhaan hin bitna abdii jedhuu qabu. Kunis kan madduu tuffii fi oftulummaa Wayyaannee irraa akkeeka ka’e akka tahe ifa jira. Akka amma deemaa jiru kanatti yoo qabsoon kun kan itti fufu tahe humni injifachuuf deemu gara kamitti akka madaalaa deemu hubachuun rakkisaa miti.Iyyii Iyya Labsi

Magaalaa Shaashamannee keessatti qondaaltota mootummaa Wayyaanee Shifarraaw Shugguxee fi Warqinaa Gabayyoo Saphatan

Aside

Adoolessa 3,2016 Magaalaa Shaashamannee keessatti qondaaltota mootummaa Wayyaanee Shifarraaw Shugguxee fi Warqinaa Gabayyoo dhagaa bu’uuraa Yuunivarsiitii Madda Walaabuu damee Shaashamannee jiaaruf yeroo kaayanitti Qeerron sagalee dheekkamsaatin isaan salphisee jira.

Kana malees Godina Arsii dhihaa magaalaa qoree keessatti namoota nagayaa qabdee hidhaa jiraachun dhagahame, mootummaan Wayyaanee waan qabatuuf waan gadhiisu wallaalee jira namoonni hidhaman kuni namoota hojii humnaatin magaalattii keessa jiraatan yoo ta’uu sababa ummata hiriiraf kakasaa jirtu jedhuun qabamanii kan hidhaman isaanis

1, Abdii Ibraahim abbaa maatii fi ujoollee sadihii

2, Fiqaaduu Shibbiruu abbaa maatii ilma tokko kan qabu,

3 Abdulaxiif Ahmad abbaa ujoollee sadihii,

4,Misbahaa Awwal maatii hin qabu dargaggeessa

Kuni kanaan osoo jiruu Seeruu Abbaas keessattis reebichi fi ummata bahaa gala dhoorgun waraana Wayyaanee akkuma itti fufetti kan jiru yoo ta’uu halkan saa’atii tokko booda ummanni magaalaa keessa deddeemuu hin dandeenne.

Godina Arsii bahaa magaalaa Diksiisa hamdaa keessatti kantiibaan magaalaa hamdaa diksiis obbo Kaamil H/ Sulxoo bosona ummataa fi qabeenya biyyattii magaalaa Hamdaa cirsiisee lafa liiziin gurguruuf akka qopheesse fi ummanni kanaaf dubbate caraan isaa hidhamuu qofa jedhu jiraattoonni kuni akkanaan osoo jiruu humni addaa halkan edaa uf eeggannoo cimaa akka kenneef dhagamee jira.

Manni Keenya Many’ee Keenya!

Aside

                                                                                                                          Noolee Buttaatiin!

Barreessaa dhugaa baasa!Uummati Oromoo aadaa jiruuf jireenyaa hawaasummaa,dinagdee,falaasamaa,siyaasaa kan mataa ofii qaba! Falaasama addunyaa keenyaa keessatti biyyoonni guddatanii dhaga’ama gonfatanis warra waan ofitiin guddate,itti boonee fi ittiin jiraate,warra of ta’edha!

Oromoon falaasama fayyaa hawaasa isaa eeguu keessatti Many’ee hedduu itti gargaarama! Many’een caba fayyisa! Many’een luka loonii gara jalaa qorii olittii fi buusa olii gadi kan jiru harka loonii irraa fudhatama! Namni cabe many’ee kanatu kennamaafi! Namni cabe akkuma Many’ee soorateen dafee fayya! Ancootee “guboo”wajjin immoo ni caala!

Qaama namaa irratti Many’een bakkaa bakkatti  ciqilee buusaas ni jedhama.egaa namni tokko yoo cabee miidhame,”buusaatu bu’e many’ee malee maaltu fayyisa jedhamaafi!

Manniho? Jechuun keessan hin hafu ta’a manni bakka aara galfi ilma namaati! Qarooma addunyaa keennaa keessattis mana akka itti ijaarratantu ammayya’aa fi wayyaawaa deeme male namni fi uummati mana malee jiraatu hin jiru

Dhalli namaa addunyaa keessatti holqaa qabee hanga gamoo har’a ijaaraa jiru keessatti wayyeessaa kan deemee fi yeroo ammaa kana dhala namaatiif bu’uura jireenyaa basic need jedhameetu jira.itti dablataafi beeyladoota manaa dabalatee dirqama kan dhala namaaf barbaachisu ta’ee jira Manni Keenya Many

“Tuuta Kanniisaa” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Oliyad Baqalaa,Adoolessa 2, 2016

Aside

“ABO-ABO- Bilisummaa-Bilisummaa” Jedhu Gootonni Haramaayaa FXG Adoolessa 2,2016

Aside