Guyyaa Har’aa Adoolessa 22,2016,Waraanni Wayyaanee Aanaa Ada’aa Bargaa fi Mugar Goolaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase

Aside

Adoolessaa 22/2016 Godina Lixa Shaggarii fi Gidduu Galeessa Oromiyaa kan taate Aanaan Ada’aa Bargaa Mogoorii fi Meettaa Roobiitti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG itti jabachuun daandiileen konkolaataa bakkoota hedduutti Cufuu fi humni ittisa Uummataa Tarkaanfiilee rifaachisoo fudhachuu irraa Abbaan irree Waraanaa isaa Gara kanatti bobbaasee uummata gooluu irratti argama. Magaalootni Aanaa Adaa’aa Bargaa fi Mogoor Baadiyyaa dabalatee Waraanaan goolamaa jirti, Suuraan Argitan Kun Suuraa waraana Wayyaanee Mogorii fi Magaalota Naannoo ishee irraa fudhatamedha!! Gabaasaan itti fufa


13817092_1646466409014179_1625900335_n
13823715_1646465605680926_2057075700_n - Copy

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Adoolessa 21, 2016

Aside

Barattootni 20 Humna Waraana Wayyaaneen Qellem, Magaala Muggiirraa Ukkaamfaman

Aside

Because I am OromoAdoolessa 21,2016/ Qeerrooo Qellem, Anfilloorraa Barattootni bara kana qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa barattootni qormaata dhumaa sababeeffachuun nagaa walitti dhaamuu kan jedhuu fi yaadannoof jecha walitti dhufanii osoo jiranii barattootni 20 humna waraana wayyaaneetiin dhiira 8 fi dhalaa 20 kan tahan ukkaamfamanii jiru. Isin ABOdha FXG qindeessuuf walitti dhuftan jechuun barattootni kunneen ukkaamfamuun Qeerroon gabaasee jira.
Liistiiwwan ijoollee kanaa akka nu gaheen qilleensarra oolchina. Uummanni magaalicha barattootni keenya bakka itti hidhamanii nuuf haa deebihan jechun FXG kaasuun dhaga’ame. Walgahiin Wayyaanee sababa kanaaf magaalicha fi gandoota hedduu aanicha keessatti feshelataa
jiraatuun gabaafameera.