SBO Adoolessa 20, 2016. Oduu, Gaaffii fi deebii dargaggoota Oromoo gara qabsootti seenan waliinii- Kutaa jalqabaa fi qophii biroo, akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

SBO Adoolessa 20, 2016. Oduu, Gaaffii fi deebii dargaggoota Oromoo gara qabsootti seenan waliinii- Kutaa jalqabaa fi qophii biroo, akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Diddaan Ummata Naannoo Amaaraa Itti Fufee Jira,Barruuleen Waamicha Diddaa Sirna Wayyaanees Garee Paartii Siyaasaan Faca’aa Jiraachuun Beekame.

Aside

TglAdoolessa 19,2016  Akkuma beekamu torban kun naannoo Amahaaratti uummanni gaaffii mirgaa kaasee halkani guyya wal irraa odoo hin citin hanga har’aatti itti fufee jiraatuun waan uummanni  martuu argaa jiruudha. Paartiin kun maadhewwan naannoo kanatti qabu dammaqsuun quunnamtii bakka interneetiin hin jirrettis qaamaan walitti dhufuun fincila eegalame kana keessumaa magaalaa Dabrataaboritti uummanni kamuu ka’ee fincila naannichaa wal qixxeessuu akka qabu kaka’umsa taasisanii jiru. Kanumaanis uummanni Tigraay naannicha keeysa buufatee jiru olaantummaan Tigree kana booda akka gadi deebihu qabeenyaan isaan naannichaa qaban gubuu fi daandii itti cufuun konkolaattota isaaniibarbaadeessuutti waamichi waliif taasisaa jiru. kanumaanis wal qabsiisuun waaichi “Taallaq Yetigil Xirrii” jedhus waraqaa bittimsanii jiru.
Naannoo Tigraay zoonii dhiyaa aanaa Humaraatti uummanni gara Gondoritti konkolaataan koodii Tigraay qabdu irratti tarkanfiin uummata Amaaran fudhatama jira konkolaataan koodii Tigraay ofirraa qabsu socho’uu hin dandeessu garuu kan naannoo Amaaraa gara feetetti socho’aa jirti kun maaliif taha? jechuun uummanni naannoo Tigraay kaasee jira.  Kanumaan kaadiroonni Tigree naannichaa kan naannoo Amaraa irrattis tarkaanfii fudhachuun ni danda’ama jechun uummata force gochaa akka jirus hubatamee jira.

Konkolaataa koodii Amaaraa dhaabsisuu qabna jechaa jiru.  Uummanni naannoo Shiree jiraatu yeroo fincilli ka’u uummanni Tigraay maaliif rukutama? Maalifis qabeenyi isaa gubama? Uummanni Tigraay maaliif reebamaa? Mootummaa gaaffii hin deemnu gara tarkaanfiitti seenna jechuun jiraattotni naannichaa wal qindeessani ka’aa jiru. Mootummaan maaliif mirga tokko nuuf kennu didee jechaa jiran jedha odeessi nu gahee jiru.

Jallaa Keenyatu Nu Fixe Jedhe Mukni.

Aside

Damee Boruutiin

Barreessaa dhugaa baasa!Makmaaksaa Oromoo keessa haala har’a uummatni Oromoo keessa jiru kan  calaqisiisu tokko makmaaksa waa’ee mukaa himamu dha. “Mukkunni yaa’ii walitti bahee qottoon nu fixxee Maal haa goonu?” jedhee wal gaafatee jedhama. “ Kan nu fixe qottoo miti jallaa keenya jedhe jaarsii” jedhan.  Nuyis kunoo Wayaanee nu fixxee jennee waakkachaa jira. Garuu kan nu fixxaa jiru jallaa keenya warra garaa itti nyaatan malee sammuu itti yaadan hin qabne.

Sabni tokko bilisa tahee hiree mataa isaa ofiin murteefatee kan biyya dhaabbachuu danda’u  yoo uummatni isaa harka wal qalabate kaayyoo bilisummaaf dhaabbate dha. Namni tokko akk a nama tokkotti fedhii adda ddaa qabachuu danda’a.  Fedhii isaa kana guutachuuf dantaa uummata isaa ganee kan mataa hordofuudhaan dhiiga obbolaa isaan jiraachuuf fedhii kan qabu jira. Haalli kana fakkaatuu uummta qabsoo gochaa jiruu keessatti mul’achuun waan haaraa miti.

Kan Saba Oromoo kan haaraa godhuu gurmuudhaan ijaaramanii ifatti dantaa haalgaa tiksuuf dhaabbachuu dha. Uummatni Oromoo qabsoon isaa inni duraa warra dhalootan Oromoo tahanii yookan Oromoo ofiin jedhanii qabsoo uummata Oromoo gufachiisan of jalaaa qulqulleessuu dha. Warraa kan irratti karaa lama hojjechuu qabna. Inni duraa karaa danda’amu maraa akka badii uummata isaanii irratti hojjechaa jiran kana hubatanii uummataa isaanii wajjin hiriiro qabsoo galan dhiibaa irratti gochuu dha. Inni lammaffaa yoo didanii badii uummata isaanii irratti hojjetan kana itti fufuu filtan qabsoon uummata Oromoo dura isaan barbadeessuu qaba.

Midhaa guddaa kan ilaamaan Oromoo irraan gahaa jiru warra dhalootan Oromoo tahee, uummata Oromoo keessaa jiraachaa diinaaf odduu keenu dha. Uummatni Oromoo uummataa nagaa jaalatuu fi mirga dhala namaaf kabajaa guddaa qabu dha. Warra jallaa isa keessaa dhalate miti orma isa miidhaa jiru irratti iyyuu tarkaanfii murteessaa fudhachuun jaalala  isaa akka hin taane ni agarra .Jallaa Keenyatu Nu Fixe Jedhe Mukunni (2)

Konkolaachiftooti Hojii Dhaabuun Sirna Wayyaanee Mormaa Jiru,Waraanni Wayyaanees Kutaalee Oromiyaa Keessatti Bobba’e.

Aside

received_1043747925733185Adoolessa 18,2016/ Magaalaa Adaamaattis mormiin konkolaachiftootaa eegaluun konkolachiftoonni gara  Finfinnee fi gara Arsii bahaa dalagan dalagaa dhaabuun mormii sirna Wayyaanee eegalanii jiru.

Kana maleess galgala kana ammoo waraanni Wayyaanee humni guddaan gara magaalaa Itayyaa fi magaalaa Shaashamannee konkolaataan yaa’aa jiraachun himame. Har’a galgala keessa Saa’atii 5:30wb Naannoo Asallaatti dhukaasi meeshaa dhagahamaa jira.  Waraanni Wayyaanees galgala kana baay’innaan magaalattii guutee jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.