(Hariiroo Jorgootiin, Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)
Magaalan Finfinnee handhuura Oromiyaati! Kun wal-nama hingaafachiisu! Haata’u malee garuu har’a bulchiinsa Oromiyaaa miti! Jalqabuma kun
Oromoof qaaniidha! Yeroo hindumaa diinni yoo barruu of qabsiisan ciqilee nama qabatti! Yeroo isheen ciqilee nama qabattu calllisnaan
ammoo morma nama qabatti! Kun kan beekamedha!
Har’aantana wanti ilmaan Oromoo mudachaa jirus kanuma malee kan biraa miti! Ganamuma gaafa isaan Finfinnee nuu nudhaalan hanga
dhumaatti mormiin dhaabbannee dhorkachuu dhabuu keenyaan kunoo har’ammoo Oromiyaa nudhaaluutti seenaa jiru! Babal’ina Minilik Oromiyaa irratti jalqabe har’as ilmaan habashootaa cimsanii itti fufuun jaarraa kana keessattis lafa Oromiyaa dhaaluuf yaalii gochaa jiru! Yeroon Kun Yeroo Ilmaan Oromoo Dhugaa Itti Calalamanidha
Monthly Archives: September 2015
SBO Fulbaana 13,2015. Oduu, Gabaasa Oduu, Gabaasa Irreecha Torontoo Kanadaa 2015, Gaaffii fi deebii dura ta’aa GPLM fi Master Planii Finfinnee irratti qophii qophaa’e
Aside
Must listen: Gooticha Artist Caalaa Bultumee Wallee Haaraa Fulbaana 2015
Aside
Sagalee QEERROO Bilisummaa{SQ} Fulbaana 9,2015
Aside
Manni Barumsaa Moxee Godina Wallagga bahaa Waamaa Hagaloo Barattoota Saddeet Barnootaaf hin Galmeessu jechuun mana Barumsaarraa Dhorke
Aside
Fulbaana 9,2015
Ijoon dhorkamuu Barattoota kanaa FDG magaalaa qassoo fi uggaa hordaatti qideessitan,walaloo kabiinoota arrabsu dalagdan kan jedhu yeroo ta’u manni barumsichaas akeekkachiisa kana qaama OPDO tiin akka ajajame ifa godheera jedha gabaasaan qeerroo Moxee Barattooti Oromoo kaan baratanii qonnumatti kan deebi’an yommuu ta’u kanneen sabboonymmaa uummataa gegfeessan immoo barumsaarraa ari”amaa jiraachuun beekamaadha Jiraattoti aanaa waamaa hagaloo akka jedhanitti impaayera biyyatti keessatti mirgi dhala namaa waakkannaa tokko malee aanaa waamaa hagaloo tti akka dhiitamus dubbataniiru.
Filmaata sobaa wayyaanee booda kanneen hidhaman birmatnaa siyaasa tokkollee hin arganne jedhu Fulbaana darbee hanga fulbaana ammaatti jechuun Waggaa tokkoof ibsaan aanicharraa bade miidiyaalee idil addunyaa kamiinuu deeggarsa siyaasaa hin arganne
SBO Fulbaana 09,2015.Oduu,Mormii Maastar Pilaanii Finfinneef Dhaamsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Yaada Hirmaattoota Tumsa WBO Konyaa ABO Winipeg Kaanaadaa Fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa Gaaffii Fi Deebii Dura Ta’oota Dhaabota GPLM fi BPLM…
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Fulbaana 6,2015
Aside
Waamicha Diddaa Master Pilaani-Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa
Aside
Waamicha Diddaa Master Pilaani
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa
Seenaa keessa bakka olaanaa fi yaaddannoo kan qabatu bara 2014 baatii Ebla irraa kaasee oromiyaa keessatti Diddaa mormii Maaster Pilaanii mootummaan wayyaanee akeekkate dura dhaabbachuun lubbuun ilmaan oromoo itti wareegame, uummanni jumlaadhaan mana hidhaatti guurame, kaan qaamaan miidhame tahullee diddaa kanaan karoorri Maaster Pilaanii yeroof kan hojii irra hin oolle yoo tahu mootummaan wayyaanee yeroo ammaa tuffii uummata oromoo irraa qabu maal fiddiidhaan karoora kana gara hojiitti hiikuuf murtoo irra jiraachuun yeroo ammaa miidiyaalee gaazixaa fi kkf irratti bahaa jiraachuun hubatamaadha.
Haata’u malee dhiigni ilmaan oromoo yeroo darbe dhimma kanaaf dhangala’e hamma dhiiga saree tokkoottillee lakkaa’uu dhiisuun tuffii irra darbee maqaa kanaan sanyii oromo balleessuu fi lafa isaa irra buqqisuu fi dhiiga ilmaan oromoo dhangalaasuuf as bahee. Dhiiga ijoollee oromoo irra tarkaanfachuun kun milkaa’uun tuffii saba guddaa oromoo irraa qaban mul’isaa jiru.

