Hunduu Bahuu Qaba Dirqama Lammummaa!! Wallee Hawwisoo Qeerroo

Aside

Jiraattooti Wallagga, Aanaa Nuunnoo Qumbii fi Waamaa Hagaloo Filmaata Dura Dhaabbattan Sababaa Jedhuun Hammeenya Mootummaa Wayyaaneen Irraan Gahu Dura Daabbachaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Nuunnuu Qumbaa

Guraandhala 13,2015

OromiaALutaContinua2011FDGGodina Wallagga keessatti kan argaman aanaalee Nuunnuu Qumbaa fi Waamaa Hagaloo filmaata sobaa geggeessituuf jecha Wayyaaneen uumata dhiphisaa jiraachuun gabaafame.

Anaa Waamaa Hagaloo magaalaa Qassoo keessatti humna tikaa mootummaan Wayyaanee bobbaasteen lammiileen hidhaa fi doorsisaan dararamaa kan jirani yeroo ta’u jireenyaa uumataa gaaga’uuf jechas waraaqsa bilisummaa uumanni deemsisaa jiru dura dhaabbachuuf  tajaajila Ibsaa, Bishaan dhugaatii fi network ji’oota afur irraa dhaabbatee akka jiru Qeerroon gabaasa.

Kana malees akkuma ollooma isaaniitti magaalota Nuunnuu fi Waamaa Adaree,Moxee,bifuma wal fakkaatuun dararaa jiru.

 Filannoo

Aside

Kiya  Tesfaye    

Kiyyaa Tasfaye     Lammii koo gahee kaa barrii shanaan

Kan wayyaaneen baraa baraan ittin dhaadataan

Barrii shanaan dabrus kan ittii anuu hin dhufaa

Bara kana kessaa hoo lammiin koo meqaa kufaa ?

Mee qomoo koo nuuf maalii hikkaan filannoo

kun yeroo  isaniif hundaa dhaaddannoo

Ilmaan oromotiif  godaanisaa yomiyyuu

Mirga hin qabduu  bar filachuu dhabuyuu

Kan naa aja’ibuu hunda duratii

Isanoo kan dhufaniin afaan qawetii

Akkamittii injifatamuu jettee eydaa atii

Angoo kalessaa rasasaan dhuftee

Hardhaa maltuu argamee ufiraa ustee

Lammii koo oromo saba koo hin gawominaa

Isaan tasumaa hin lakisaan baranaa

Kan baranaa innuu filamee dhumee

                 Filanno

Sagalee Simbirtuu Gurandhala 12,2015,

Aside

Simbirtuu: Oduu fi qophii Imalaa. Mana hidhaa Itoophiyaa keessatti miidhaa dachaa shamarran Oromoorrra gahu ilaacisee Dr. Baaroo Qannoo, akkasumas cafffee Itoophiyaa gananii kan bahan obbo Aliyi Adam wajjin G/D kutaa 2ffaa qabateera.

Waamichaa Birmannaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Magaala Naayiroobii fi Gaanfa Afrikaa

Aside

Koree Hawaasa Baqqattoota Oromoo Magaalaa Naayiroobii | Gurraandhala 12, 2015

Naaroobii

Jilli dabballoota OPDO olaanoo mootummaa gita bittuu wayyaaneen bobbaafame baqattoota Oromoo biyyoota ollaa Itoophiyaa keessa jiran (Keenyaa, Ugaandaa, Somaaliyaa, Jibuutii, Ijibtii fi sudaan lamaan) keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa hamaafi adda ta’e saganteeffatee ukkaamsuu fi biyyatti deebisuu kan jedhuun duula hamaa gochaa jira. Haaluma kanaan baqattoota Oromoo biyya Keenyaa keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun marsaa jalqabaaf gaafa guyyaa Guraandhala 14, 2015 magaala Naayiroobiitti duula ji’oota lamaaf walittifufinsaan raawwatu  mataduree marii baqattoota waliin jedhuun karaa ergamtuu ykn lukkeelee diinaa baqattoota fakkaataniifii saba biraa Afaan Oromoo dubbataniin waliin makanii hawaasa keenya  afaan faajjessuuf walga’ii geggeessuudhaaf xalayaa waamichaa facaasaa jiru.

Haaluma kanaan dabballoonni OPDO fi basaastonni murna gita bittuu wayyaanee dhibbaan lakkaa’aman gara magaala Naayiroobiitti galuun embaasii alatti waajjira dhimma kana qindeessu saaquun duula hamaa geggeessutti argamu. Kanaaf, dhalattoonni Oromoo dhimma kana otoo hin hubatiin itti hirmaachuuf  yaada qabdan balaa dhokataa sagantaa kana duuba jiru hubattanii akka irraa of qusattan yaadachiisa kana isiniif dhaamna.

Kaayyoo ifaa ykn. Jechoota Sossobbaa Sagantichaa  Guutummaan Waamiha kanaa PDFn  ggg 44

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Guraandhala 10, 2015

Aside

SBO Gurraandhala 11 Bara 2015. Oduu, Torontoo Kanadaatti mormii Hawaasa Oromoon garee ergamtuu A.Duulaa Gammadaa mudate irratti gabaasa qophaa’ee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Godina Kibba Lixaa Shaggar Magaalota Adda Addaa Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Qeerroon Maxxanfaman.

Aside

Gurraandala 10,2015 Waliiso

IMG_20141224_211615Magalaa Walisoo, Buusaa, Tajii, Asgorii,Tullubollo, Sabbataa fi bakkewwan adda addaa keessatti barruuleen warraaqsaa hedduun Qeerroo Bilisummaan maxxanfamuu gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

Sochii Warraaqsa Bilisummaa ta’aa jiru daran jabeessuun dhadannoolee uumata onnachiisanii fi waamicha diddaa sirna Wayyaanee kan qabu barruuleen kun bakkoota mootummaan Wayyaanee beeksisa maxxanfatu irrattii fi lafa magaalota bakka bebbeekamoo irratti maxxanfamuu fi uumataafis raabsamuu gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.

Keessattuu Qeerroon aanaa Daawoo magaala Buusaa mana murtii fuula duraa fi secondary fuuldura ti waraqaa waamichaa dhoobuu fi magaala iddoo hedduu ti faca’uurraan kan ka’ee uummanni gammachuu guddaan kan itti dhagaheef qeerroon daraan kan onnatan ta’uu odeessi gama sana irraa nu dhaqabeera.

Gabaasa guutuu dhimma kana agama fuula duraa dhiheesina.

Aside

qeerroo-edit

Dhaabni Oromoof Wareegama Hin Kaffalle Oromoofiin Qabsaa’e Jechuu Hin Danda’u!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa Bahe

Ummanni Oromoo waanjoo garbummaa jalatti erga kufee guyyaa tole jedhee walabummaaf hin qabsaawiin bule hin qabu. Guyyaadhaa gara guyyaattu Fincila diddaa garbummaa gaggeessaa warraaqsaa bilisummaa gaggeessaa asiin gahee jira. Kun Uummatni Oromoo dhaaba isaaf qabsaa’u cinaa dhaabbachuudhaan qabsoo gaggeessaa akka jiru kan mirkaanessu dha. Kana jechuun ammoo Uummata Oromoof qabsaa’ee hiree Murteeffannaa Oromoo guutummaan mirkaneesseen jira kan jedhu OPDOn Oromoof qabsoo kamuu akka hin taasisne ykn fedhii Uummata Oromoo akka hin guutneef mirkaneessa. Osoo OPDOn Uummata Oromoof qabsaa’ee Mootummaa Dargii hundeedhaan buqqise tahe qabsaa’ota OPDO keessaa wareegaman ni qabaata ture. Garuu OPDO keessaa ykn ammoo Miseensa OPDO tahee kan Uummata kanaaf wareegama lubbuu kaffale tokko illee hin jiru. Bilisummaa wareegama malee hin dhufne Uumamni OPDO kun ni fashalsa jechuu dha. Ilmaan Oromoo qaqqaalii Oromoof of wareegan kanneen akka Elemoo Qilxuu, Baaroo Tumsaa, Guutamaa Hawaasii fii kanneen biroo ammoo OPDOn maqaa dha’uu illee ni lagatti. Wareegamni Gootawwan kun kaffalan wareegama Barattootni, Barsiisotni Uummatni Oromoo walii gala har’a itti kaffalaa jiru waliin waan wal fakkaatuufi. Uummatni Bilisummaa isaa mirkaneeffate Eenyummaa isaan hin hidhamu, hin ajjeefamu. Uummatni Oromoo garuu Oromummaan hidhama ni ajjeefama.

Kanaaf Uummatni kun hanga ammaa qabsoo irra jiraachuu mirkaaneessa. Sabni qabsoo irra jiru ammoo garboome jechuun hin danda’amu. Kan garboome shira diinaa fi akeeka diinaa fudhatee kan tarkaanfachiisaa jiru dhaaba OPDO fi kanneen Oromoo keessatti of bixxiluun akeeka diinaa galmaan geessiaa jirani dha. Dhaabotni akkanaa Oromoof wareegama kaffaluu irra Oromoo garbummaa keessatti hambisuuf hojjechaa akka jirtan hubachuudhaan waanjoo garbummaa diinaa jalatti kan kufe isin tahuu hubattanii garbummaa jalaa of baasuun keessan amma jenna.

Qeerroo Bilisummaa Guraandhala 2015

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Guraandhala 2015 Bahe

Warraaqsi Bilisummaa Wallagga,Qellem Keessatti Daran Jabaachuun Uummanni Ajaja Mootummaa Wayyaanee Lagate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Qeellam,Gurraandhala 10,2015

diddaa9Qellem, Jimmaa Horroo ganda qonnaan bulaa Akkoo Jirruu jedhamtu keessatti uummanni ajaja mootummaa waan lagataniif tika wayyaneen reebaman,gabaasa Qeerroo Jimmaa Horroo hara Guraandhala 9 addeessuun guyyoota murasa dura Guraandhala 4 mootummaan misooma lafaa,jedhuun daagaa qotuu jedhamu ajaja basee baadiyaalee keessa qonnan bulaa dirqisiisuun akka bahan ajaja baasaa ture, uummannis yeroo ammaa ajaja mootummaa Wayyaane bakka hundaatti waan lagataa jiruuf humnatti fayadamuu, humna milisha baatiwwan muraasa dura dhimmuma kanaaf leenjifatee ture uummata keessa gadhiisee uumata keessa deemuun WBOn isin keessa jira isintu nyaachisa jechuun jiraattota haa hiraarsan malee uumanni takkaa fudhachuufii hin dandeenye.

Haaluma kanaan halkan halkan uummata irra deemanii reebicha hamaa qote bultootaa fi dargaggoota irratti raawataa jiru guyyaa jedhame kanaa kaasee kanaan namootni miidhamanii buufata fayyaatti argamanii osoo yaalamanii gaffii taasisaniif namootni kaan hallan sa’a 9:00tti manaa waamamuudhaan, gadi fuudhanii reebamuu isaanii duubbachuun Qeerroof ibsa godhanii jiru namoota reebicha kanan miidhaman:
1.Aadde Dambalii Ruudaa
2.Dar.Mohamadnuur Siraaj
3.Dar.Ashennaafii Gindaabaa
4.Dar.Isaaquu Gindabaa fi
kanneen biroos kan maqaan nun gahin hafan jiru, tikoota uummata eebuu waliin kan hiriiranii jiran keessaa bulchaa ganda kanaa kan tahe
Shumbaa Daggafaa,milishaa gandichaa Margaa Agichoo kanneen biroo fuula isaanii ukkaamfachuudhaan namoota humna biraa mootumma irraa ergame waliin uummata dhaanuun reebicha irratti raawwataa jiraachuu gabaasni nu gahee jira.