Warraaqsi Bilisummaa Wallagga,Qellem Keessatti Daran Jabaachuun Uummanni Ajaja Mootummaa Wayyaanee Lagate.

Gabaasa Qeerroo Qeellam,Gurraandhala 10,2015

diddaa9Qellem, Jimmaa Horroo ganda qonnaan bulaa Akkoo Jirruu jedhamtu keessatti uummanni ajaja mootummaa waan lagataniif tika wayyaneen reebaman,gabaasa Qeerroo Jimmaa Horroo hara Guraandhala 9 addeessuun guyyoota murasa dura Guraandhala 4 mootummaan misooma lafaa,jedhuun daagaa qotuu jedhamu ajaja basee baadiyaalee keessa qonnan bulaa dirqisiisuun akka bahan ajaja baasaa ture, uummannis yeroo ammaa ajaja mootummaa Wayyaane bakka hundaatti waan lagataa jiruuf humnatti fayadamuu, humna milisha baatiwwan muraasa dura dhimmuma kanaaf leenjifatee ture uummata keessa gadhiisee uumata keessa deemuun WBOn isin keessa jira isintu nyaachisa jechuun jiraattota haa hiraarsan malee uumanni takkaa fudhachuufii hin dandeenye.

Haaluma kanaan halkan halkan uummata irra deemanii reebicha hamaa qote bultootaa fi dargaggoota irratti raawataa jiru guyyaa jedhame kanaa kaasee kanaan namootni miidhamanii buufata fayyaatti argamanii osoo yaalamanii gaffii taasisaniif namootni kaan hallan sa’a 9:00tti manaa waamamuudhaan, gadi fuudhanii reebamuu isaanii duubbachuun Qeerroof ibsa godhanii jiru namoota reebicha kanan miidhaman:
1.Aadde Dambalii Ruudaa
2.Dar.Mohamadnuur Siraaj
3.Dar.Ashennaafii Gindaabaa
4.Dar.Isaaquu Gindabaa fi
kanneen biroos kan maqaan nun gahin hafan jiru, tikoota uummata eebuu waliin kan hiriiranii jiran keessaa bulchaa ganda kanaa kan tahe
Shumbaa Daggafaa,milishaa gandichaa Margaa Agichoo kanneen biroo fuula isaanii ukkaamfachuudhaan namoota humna biraa mootumma irraa ergame waliin uummata dhaanuun reebicha irratti raawwataa jiraachuu gabaasni nu gahee jira.

2 thoughts on “Warraaqsi Bilisummaa Wallagga,Qellem Keessatti Daran Jabaachuun Uummanni Ajaja Mootummaa Wayyaanee Lagate.

  1. Pingback: The Oromians Protest Ethiopia’s Tyrannic Rules, Its Land Grabs And The New Master Plan Of Ethnic Cleansing Against The Indigenous Oromo People In The Name of Development Expansion Of Finfinnee (Addis Ababa) | OromianEconomist

  2. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Warraaqsi Bilisummaa Wallaggaa, Qellem Keessatti Daran Jabaachuun Uummanni Ajaja Mootummaa Wayyaanee Lagate |

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s