Aside

qeerroo-edit

Dhaabni Oromoof Wareegama Hin Kaffalle Oromoofiin Qabsaa’e Jechuu Hin Danda’u!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa Bahe

Ummanni Oromoo waanjoo garbummaa jalatti erga kufee guyyaa tole jedhee walabummaaf hin qabsaawiin bule hin qabu. Guyyaadhaa gara guyyaattu Fincila diddaa garbummaa gaggeessaa warraaqsaa bilisummaa gaggeessaa asiin gahee jira. Kun Uummatni Oromoo dhaaba isaaf qabsaa’u cinaa dhaabbachuudhaan qabsoo gaggeessaa akka jiru kan mirkaanessu dha. Kana jechuun ammoo Uummata Oromoof qabsaa’ee hiree Murteeffannaa Oromoo guutummaan mirkaneesseen jira kan jedhu OPDOn Oromoof qabsoo kamuu akka hin taasisne ykn fedhii Uummata Oromoo akka hin guutneef mirkaneessa. Osoo OPDOn Uummata Oromoof qabsaa’ee Mootummaa Dargii hundeedhaan buqqise tahe qabsaa’ota OPDO keessaa wareegaman ni qabaata ture. Garuu OPDO keessaa ykn ammoo Miseensa OPDO tahee kan Uummata kanaaf wareegama lubbuu kaffale tokko illee hin jiru. Bilisummaa wareegama malee hin dhufne Uumamni OPDO kun ni fashalsa jechuu dha. Ilmaan Oromoo qaqqaalii Oromoof of wareegan kanneen akka Elemoo Qilxuu, Baaroo Tumsaa, Guutamaa Hawaasii fii kanneen biroo ammoo OPDOn maqaa dha’uu illee ni lagatti. Wareegamni Gootawwan kun kaffalan wareegama Barattootni, Barsiisotni Uummatni Oromoo walii gala har’a itti kaffalaa jiru waliin waan wal fakkaatuufi. Uummatni Bilisummaa isaa mirkaneeffate Eenyummaa isaan hin hidhamu, hin ajjeefamu. Uummatni Oromoo garuu Oromummaan hidhama ni ajjeefama.

Kanaaf Uummatni kun hanga ammaa qabsoo irra jiraachuu mirkaaneessa. Sabni qabsoo irra jiru ammoo garboome jechuun hin danda’amu. Kan garboome shira diinaa fi akeeka diinaa fudhatee kan tarkaanfachiisaa jiru dhaaba OPDO fi kanneen Oromoo keessatti of bixxiluun akeeka diinaa galmaan geessiaa jirani dha. Dhaabotni akkanaa Oromoof wareegama kaffaluu irra Oromoo garbummaa keessatti hambisuuf hojjechaa akka jirtan hubachuudhaan waanjoo garbummaa diinaa jalatti kan kufe isin tahuu hubattanii garbummaa jalaa of baasuun keessan amma jenna.

Qeerroo Bilisummaa Guraandhala 2015

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Guraandhala 2015 Bahe

Warraaqsi Bilisummaa Wallagga,Qellem Keessatti Daran Jabaachuun Uummanni Ajaja Mootummaa Wayyaanee Lagate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Qeellam,Gurraandhala 10,2015

diddaa9Qellem, Jimmaa Horroo ganda qonnaan bulaa Akkoo Jirruu jedhamtu keessatti uummanni ajaja mootummaa waan lagataniif tika wayyaneen reebaman,gabaasa Qeerroo Jimmaa Horroo hara Guraandhala 9 addeessuun guyyoota murasa dura Guraandhala 4 mootummaan misooma lafaa,jedhuun daagaa qotuu jedhamu ajaja basee baadiyaalee keessa qonnan bulaa dirqisiisuun akka bahan ajaja baasaa ture, uummannis yeroo ammaa ajaja mootummaa Wayyaane bakka hundaatti waan lagataa jiruuf humnatti fayadamuu, humna milisha baatiwwan muraasa dura dhimmuma kanaaf leenjifatee ture uummata keessa gadhiisee uumata keessa deemuun WBOn isin keessa jira isintu nyaachisa jechuun jiraattota haa hiraarsan malee uumanni takkaa fudhachuufii hin dandeenye.

Haaluma kanaan halkan halkan uummata irra deemanii reebicha hamaa qote bultootaa fi dargaggoota irratti raawataa jiru guyyaa jedhame kanaa kaasee kanaan namootni miidhamanii buufata fayyaatti argamanii osoo yaalamanii gaffii taasisaniif namootni kaan hallan sa’a 9:00tti manaa waamamuudhaan, gadi fuudhanii reebamuu isaanii duubbachuun Qeerroof ibsa godhanii jiru namoota reebicha kanan miidhaman:
1.Aadde Dambalii Ruudaa
2.Dar.Mohamadnuur Siraaj
3.Dar.Ashennaafii Gindaabaa
4.Dar.Isaaquu Gindabaa fi
kanneen biroos kan maqaan nun gahin hafan jiru, tikoota uummata eebuu waliin kan hiriiranii jiran keessaa bulchaa ganda kanaa kan tahe
Shumbaa Daggafaa,milishaa gandichaa Margaa Agichoo kanneen biroo fuula isaanii ukkaamfachuudhaan namoota humna biraa mootumma irraa ergame waliin uummata dhaanuun reebicha irratti raawwataa jiraachuu gabaasni nu gahee jira.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, February 9, 2015 with 15-minute English Program, Oromia Insight

Aside

Seife Nebelbal Radio, February 9, 2015

Aside