Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, September 6, 2014

Aside

SBO Fulbaana 07 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Addaa FDG – Gaaffii fi deebii Artist Kadir Sa’id akkasumas qophiilee adda addaa haala yeroo irratti hunda’an of jalatti hammatee jira

Aside

FDG Itti Fufuun Barattooti Oromoo Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa fi Geedoo Diddaa Qabsiisan.

Aside

diddaa9Fulbaana 5,2014 Mootummaan Wayyaanee EPRDF barattoota Oromoo  Godina Lixaa Shaggar Aanaa Calliyaa Geedoo irraa maqaa walga’ii jedhuun humna waraanatti fayyadamee torbee lamaaf Yuunibarsiitii Ambootti darara ture, bu’aa tokko malee FDG barattootatin waan xummurameef,  guyyaa har’aa gara maatii isanitti deebisuuf utuu konkolaataa tokkootti  barattoota humnaa ol fee’ee adeema jiruu karatti  balaa konkolaataa qaqqabsiiseen barattootni Oromoo 7 ol balaaf saaxilamaniru.

Walga’ii Wayyaaneen dirqamaan teesisaa ture irratti kayyoon mootummaa wayyaanee maqaa walga’ichaaf waame waan fashalaa’eef  karaatti balaa konkolaataa qaqabsiisuun  battalatti barattootni Oromoo aanaa calliyaa namootni 7 ol balaa ulfaataa fi salphaaf saaxilamaniiru. Barattootni balaa kanaan balaan irraa ga’een madeeffamanii midhamanii jiran :

  1. Barattuu ayyaantuu Leejjisaa
  2. Barattuu Tiblexi Taayyee
  3. Barataa Kumaa Dajanee
  4. Barataa maarii kanneen jedhaman barattootni Oromoo 7 madeefamani, yeroo amma kanatti waldhansa illee dhabuun rakkachaa jiraachuun ibsamera. Mootummaan wayyaanee barattoota karaa irratti balaa konkolaataa qaqqabsiise midhaa irraan ga’ee utuu mana yaalaa illee hin geessiin Magaalaa Geedoo keessatti konkolaataa irraa buusee kan biraa deebi’ee ta’uu madden keenya ijaan argan magaalaa Geedoo irraa nuuf gabaasan.

Yakkii dugugginsa sanyii barattoota Oromoo irratti mootummaan wayyaanee fudhachaa jiru seenaa keessatti kan dagatamu miti. Mootummaan abbaa irree  EPRDF  maqaa walga’ii jedhuun barattoota Oromoo nagaa qe’ee maatii isaanii irraa humna waraanaan dirqisiisee gara mooraa Yuunibarsiitii Oromiyaa garaagaraatti utuu geessuu fi deebisuu balaa konkolaataa qaqabsiisuun barattootni hedduun madeeffamanii kan qaama hir’adhatanii fi mada’aanii yaala ga’aa illee dhabuun rakkina guddaaf saaxilamaniru.  Jalqabbii walga’ii mootummaa wayyaanee injifannoo FDG barattoota Oromootiin xummurame kana irrattis Mootummaan wayyaanee Oromiyaa bakkoota garaagaraatti balaa konkolaataa barattoota Oromoo humnaan fe’ee adeemu irraan ga’uun barattoota hedduu irraan midhaa ulfaata ga’uun yeroo ammaa gariin isaanii illee yaalaa ga’aa dhabuun rakkachaa jiraachuun ibsame jira. Akkuma asiin dura isiniif gabaafne ture, Godina Kibba Lixa shawaa Magaalaa Diilallaa irraa barattoota Oromoo humna konkolaatatti fe’ee utuu gara Yuunibarsiitii Jimmaatti geessuu balaa qaqqabsiiseen barattootni Oromoo 20 olitti lakka’aman qaama madaa’anii yeroof hospitalaa Walisootti ergamuu gabaafne turre, Godina Kaaba Shawaa irraa gara Adaamaatti humnaan dirqee konkolaataan fe’ee utuu adeemaa jiruu balaa fakkataa bakka Caancoo jedhamtutti qaqqabsiisuun barattootni Oromoo 6 olitti lakka’aman balaa kanaan qamaa madeeffamuun waldhansa illee kan hin argatne ta’uu fi Godina Lixa shawaa aanaa Gindabarat irraa barattoota Oromoo humna waraanaan dirqee fe’ee utuu adeemuu balaa konkolaataa fakkataa geesisuun barattootni Oromoo hedduun midhaaf saaxilamuu gabaasaa keenya yeroo sanaa keessatti tuqnee jirra.

Wayyaanee ERDF/TPLF/OPDO’n guyyaa saafaa itti yaaduun yakkaa dugugginsa sanyii uummata keenya irraatti raawwacha jirti, kan rasaasan reebdee, kan tootcherii garaagaraan ajjeesaa, kan jumlaan guurtee hidhaa , kaan barnoota irraa arii’achaa har’a geesse malee akka fedhii uummata keenyaatiin tole jennee bitamaa hin jirree ragaan uummata bal’a Oromoo irra darbee addunyaa biyyaa lafaa hubacha jira.

Goototni barattootni Oromoo maal balleessanii??? Gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo  karaa nagaa fi dimookiraasii seeraan qindeeffachuun barreeffatanii karaa nagaa gaafatan, Oromiyaan kan uummata Oromooti jedha, Oromoon biyyaa abbaa isaa fi uummata isaa ofiin bulchuu qaba malee halagaan nu bulchuu hin qabuu jedhan, Finfinneen hadhura Oromiyaati fiyidaa guddaa uummata Oromoof kennuu qabdi bulchiinsi Finfinnee Oromiyaa jalatti deebi’uu qaba jedhan, Master Pilaaniin Finfinnee Oromoo ni miidha malee hin fayyaduu jedhan,  Qabeenyaa uummata Oromoo saamuun dhaabbachuu qabaa gaaffii jedhuu fi wkkf waan gaafataniif  yakki diinummaa kun irratta akka rawwatamu ta’aa jira.

Kanuma keessa Goototni dargaggootni Qeerroon Oromoo bifa gurmaa’ee fi karaa qindoominaa fi qaroomina qabuun FDG jabeessuun mootummaa humna waraanaan Oromiyaa bitaa jiruun nu hin bittuu, hin bitamnuu mirga keenyaaf duuna, gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, hidhaa hin sodaannuu, du’a hin sodaannuu jechuun harka qullaa waraana wayyaanee dura dhaabbachuun qabsoo finiinsuun walga’ii mootummaan shororkeessaa wayyaanee yakka gochaa jiruuf deebii sirrii nuuf hin kenineetti qabsoon FDG daran jabaatee itti fufa jechuun ibsa ejjennoo garaagaraa qopheeffachuun uummataaf bittinneessuun walga’ii wayyaanee irratti wareegama qaalii kanfaluun fudhatama dhabsiisuun xummuran.

 

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fulbaana 5, 2014/ Qophii “Hidda Malee Xannachi Hin Dhiigu”

Aside

IRREECHI MALLATTOO TOKKUMMAA KEENYAA TI !

Aside

SEENAA Y.G(2005)

Photo0348
Addunyaan keessa jiraannu kun, irra jireessa Seenaa Abbooti Biyyaa Saamanii kan kooti jechuun waan nu dursaniif malee, Itoophiyaanis taatu Addunyaan biraa akka nu duuba jiran ragaalee hedduu tarrisuu dandeenya. Har’a Gabrummaa jala waan jirruuf, haqa kana fudhachiisuun ni ulfaata ta’a. Gaafa jabaannee humna taanee garuu addunyaan waan har’a aguugdee irra teesse kana ifa baasuun waan hin hafne. Gadaa nuuti waraqaa fi Maanguddoota keenya irraa dhaga’uun ala hojiin hin mul’ifne ykn, Beektoonni keenyas baratanii ittiin eebbifamuu malee, hanga har’atti Gadaan akkamiin hojii irra akka ooluu danda’u qorannoo gaggeessanii dhalootaaf dhiheessuu dadhaban kun, Dimokiraasii Ameerikaa har’aaf ka’umsa ta’uu isaa , Gola-hambaa yk Muziyeemiin Ameerikaa keessaa adda addaa , waan Oromoo addatti Booranaa keessaa guurame hedduu akka qaban, warri carraa argatanii ijaan argan ni dubbatu.

IRREECHI MALLATTOO TOKKUMMAA KEENYAA TI !!!!.docx

Seife Nebelbal Radio Program, September 5, 2014

Aside

Qalbeeffadha! “Walii galan alaa galan”

Aside

Fulbaana 4,2014 Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Gara Garaa Haasaa Muktaar Kadir(OPDO) TV Irratti Taasise Dubbii Dharaa fi Kan Ummata Oromoo Ilaallatu Miti Jechuun Sagalee Dadhatnoo Warraaqsaan Diddaa Kaasan

Aside

Fulbaana 4,2014 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

diddaa9Ergamaan Wayyaanee Muktaar Kadir ilmaan Oromoo ajjeesisaa, hiisisaa, barnoota irraa ariisisaa, qe’ee fi qabeenyaa irra buqqisiisa, mirgoota nomummaa fi dimookiraasii sarbisiisa  turee fi Oromiyaan akka waraanaan eegamtuu gochaa kan jiru Muktar Kadir guyyaa har’a foodda TVtti ba’uun olola garbummaa tamsaasuu yeroo egalu itti,goototni barattootni Oromoo sagaalee guddaadhaan dheekamuun itti iyyuun Muktaar Oromiyaa bakka bu’uu hin danda’uu jechuun waa’ee Muktaarii fi Mootummaa naannoo Oromiyaa yaada armaan gadii kaasuun mooraa keessa naannawuun sagalee  dheekkamsaa fi mormii barattootni Muktaar irratti dhageesisan:

  1. Muktaar Kadir filannoo uummataa fi fedhii uummataa Oromoo fi fedhii keenya malee fedhii wayyaanee fi abdii qawweetiin aangoo mootummaa naannoo Oromiyaa qabate gadhiisuu qaba.
  2. Master Pilaaniin Finfinnee gutummaatti haqamuu qaba.
  3. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebi’uu qaba.
  4. Yakka Ajjeechaa jumlaa, hidhaa jumlaa, barnoota irraa arii’amuu fi reebichaa fi Oromiyaan akka waraanaan shororkeeffamtu waan godheef seeraatti dhiyaachuu qaba.
  5. Muktaar Kadir ergaamaan wayyaanee addatti dugugginsa sanyii uummata Oromoo irraatti gaggeeffamaa jiruuf gaafatamuu qaba.
  6. Muktaar Kadir uummataa Oromoo bakka bu’uu hin danda’u.
  7. Lallabaa ergamaan Muktaar Kadir karaa foddaa TV online (plasma) dabarsaa jiruu nuti hin fudhannu, namni kun ofiifuu gorsaa fi qajeelcha isa barbaachisa.
  8. Ergaamaan Wayyaanee kunii fi mataan mootummaa Wayyaanee gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf  deebii ajjeechaa, hidhaa, reebicha, barnoota irra arii’uu, humna waraanaan uummata goola jiraniif seeraatti dhiyaachuun itti gaafatmuu qabu. Tarkaanfiin abbootiin irree EPRDF fudhachaa jiran FDG ittumaa ni finiinsa malee dhaabuu hin danda’u.
  9. Walumaa galattii gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba hanga bilisummaa keenya mirkaaneeffanutti warraaqsi FDG jabaatee itti fufa, jechuun barruulee warraqsaa garaagaraa bittineessuun lallaba garbummaa balaaleffatan jedha gabaasni madden keenyaa Oromiyaa Yuunibarsiitii Wallaggaa Naqemtee, Yunibarsiitii Mattuu, Yuunibarsitii Amboo, Yuunibarsiitii Harammayyaa,Maddaa Walaabuu, Dirree Dawaa ,Bulee Horaa, Adaamaa irra amma nu qaqqaba jiruu addeessera.

Gootni Baroode!! Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Fulbaana 3 2014 / Sabboontuu Artist Seenaa Solomooniin

Aside

Ibsa Ejjennoo Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa

Aside

QeerrooMootummaan faashistii EPRDF/TPLF/OPDO humna waraanaatiin biyya bulchaa jiru humnaan walitti nuqabuun walga’ii isaanii akka teenyu nu dirqisiisus nuti Qeerroon barattooni Yunbarisitii Jimmaa ibsa ejjennoo baafannee ka’uuf dirqamneerra.

Akkuma beekamu guyyaa 16n darban kana humna waraanaatti fayyadamuun tarsiimoo maqaa walga’ii jedhuun  dirqamaan humna waraanaan walitti nu qabee, holola sobaa tole jennee akka fudhannuuf hoomaa waraanaa fi humna agaaziitiin doorsifamaa guyyaa har’aa geenyeerra.

Walga’ii dirqamaa kana yeroo xumurru mootummaan Wayyaanee EPRDF farra misoomaa,  dimokiraasii fi abbaa irree ta’uu isaa, dugugginsa sanyii uummata keenya Oromoo irratti gaggeessaa jiraachuu, diina ilmaan Oromoo akka ta’ee fi darbee caalaadhumattuu OPDOn ergamtuu fi galtuu Wayyaanee akka taate haalaan kan mirkaneeffannee yeroo ta’u, nuti barattootni Oromoo Qeerroon Bilisummaa Yunbersiitii Jimmaa abbaa irree Wayyaanee dhabamsiisuuf Warraaqsa FDG karaa nagaa fi dimookiraasii eegallee jirru jabeessinee kan itti fufnu ta’uu gadi jabeessinee beeksisuun ibsa ejjennoo armaan gadii dabarfannee jirra:

1. Karoorri Master pilaanii Finfinnee fi gurgurtaa magaalota naannawaa Finfinnee haqamee hanga miidiyaa hawaasaatiin beeksifamutti;
2. Hidhaa fi reebichi barattootaa fi hawaasa Oromoo guyyaa guyyaan itti fufaa jiru hanga nurraa dhaabbatutti;
3. Barattootnii fi hawaasni Oromoo mana hidhaa jiranis hanga gadi lakkifamanitti;
4. Mirgi namoomaa fi dimokiraasii hawaasa keenyaa hanga kabajamutti;
5. Doorsifni hoomaa waraanaa fi humna Agaazii hanga nurraa dhaabbatutti;
6. Sobni midiiyaa biyyattiitiin hawaasatti lallabamaa jiru fi ololli kijibaa miidiyaalee kanaan afarsaa jiran hanga nurraa dhaabbatanitti;
7. Waajjiraaleen bulchinsa biyyaa Oromiyaa hanga ilmaan Oromootiin hogganamanitti;
8. Barattootaa fi hawaasa Oromoo gaaffii haqaa, mirga abbaa biyyummaa isaanii karaa nagaa gaafataniif  qaabani farra misoomaa fi dimokiraasiiti jedhuun maqaa yakkee dararaa jiran hanga seeratti nuuf dhiyaatutti;
9. Qaamni barattoota Oromoo barnoota irraa hiisisee fi ariisise amma illee gochaa kana itti fufee jiru farra misoomaa fi guddinaa waan ta’eef hanga seeratti nuuf dhitaatutti.

10.Qaamni barattootaa fi hawaasa keenya karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafateef deebii rasaasaa taasise farra dimokiraasii waan ta’eef hanga seeratti nuuf dhiyaatutti;

11. Barattoota Oromoo seeraan ala wareegamaniif mootummaan kun seeratti dhiyaatee hanga itti gaafatamutti;
12. Walumaa galatti gaaffii uummata Oromoo hanga aammaatti gaafatamaa ture hundi hanga deebii sirnaa argatutti nuti barattoonni Oromoo fi Uummatni Keenyaa Oromoon sadarkaa fi haala garaagaraa keessa jirru bakka jirruutti FDG jabeessuun itti fufna.

Ilmaan Oromoo maqaa ‘Oromoo’ jettuun wal-barbaadnee walgurmeessuun mirga abbaa biyyummaa keenya kabachiifachuuf qabsoo egallee jirru daran jabeesinee kan itti fufnu  ta’uu sagalee tokkoon waadaa qabsoo bilisummaa Oromoof qabnu haaromsanna. FDG jabeesinee itti fufuun walga’ii fi olola wayyaanee kamuu uummatni Oromoo bakka jirtan hundaa akka dura dhaabbatnu. Harka walqabannee bilisummaa uummataa keenyaa fi walabummaa biyyaa keenyaa Oromiyaatiif ni falmanna jechuun ibsa ejjeennoo qabxii 12 of keessa qabu dabarsuun guyyaa har’aas FDG gaggeessa jirruu jabeessuun itti fufnee jirra.

Akkasumas gochaan diinummaa Wayyaanee yeroo ammaa kana barattootaa fi hawaasa keenya irratti raawwatamaa jiruu fi raawwatamuuf aggaammatee jiru kamiyyuu diddaa gabrummaa uummata keenyaa kan duubatti hin deebifne ta’uu isaa cimsinee hubachiifna!
Injifannoo Uummata Oromoof !
Fulbaana 3/2014
Jimmaa