ቄሮ የኦሮሞ ወጣቶች፡ ለነፃነት፡ ንቅናቄ፡ ድምፅ፡ የሳምንቱ ዜና:- September 10, 2014

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, September 10, 2014

Aside

Wallagga,Najjoo Keessa Sochiin Diddaa Uummata Dabalaa Dhufe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Wallagga Najjoo,Fulbaana 10/2014

Akkuma dura gabaasaa jirrutti lixa Oromiyaa Wallagga aana Najjoo keessatti fincilli kan itti fufaa jiruudha, odeessa ganama nu qaqqabe irraan halkan edaa magaalaa Naqamtee keessatti uummanni sakattaamaa buleera,namni daandii gubbaatti qabamee waan qabuu fi baatee deemu hunda sakattaaamuudhaan waraanni wayyaanee uummata goolaa jiraachuutu dhagayama. Ammas akka odeeffannoon nu qaqqabaa jirutti magaalaa Najjoo keessatti akkuma naannolee biroo sakattauudhaaf humni waraanaa gara sanatti ergamee jiru uummatatti bobbahee jira, kaayyoon isaanii uummata keessa humni WBO galee kan jiruu fi akkasuma sochiin uummata gidduutti gaggeeffamu haal

isaan sodaachisa jiru waan taeef jiraataan magaalaa Najjoo naannolee dabalatee sakattaamuu qaba kan jedhu humni waraanaa achirratti ramadamee kan jiru yoo tahu uummanni aanichaa humna waraana wayyaanee kana dura dhaabbachuun diddaa isaa mulisaa kan jiru tahuutu gabaasni Qeerroo addeessa. Akkasuma kan mootummicha yaaddessu naannolee adda addaa irratti tarkaanfiin fudhatamaa kan jiru kan akka shawaa lixaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jiruudha, jaleewwan mootummaa wayyaanee kan uummata hiraarsuu fi diinaaf saaxiluu irratti argamanii jiran irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira, kunis mootummaa wayyaaneetti yaaddoo guddaa taee kan jirudha, toohachuu kan hin dandeenye,mootummaan wayyaanee waraana isaa humnatti fayadamuudhaan uummata keessa bobbaasee kan jiruudha, gocha isaa irrattis uummanni Oromoo balaalefachuudhaan waraqaa garagaraa fi sochii qabsoo kan agarsiisa jiraniidha, sochiin uummataa fi barataa aanaa Najjoo keessa jiru yeroo ammaa mootummicha kan yaaddessaa jiru tahuu isaa gabaasni Qeerroo nu gahaa jira.

SBO Fulbaana 10 Bara 2014 Oduu – Barruu Jiituu Lammii fi Gaaffii fi deebii Art.Kadir Sa’id kutaa 2ffaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Raadiyoo Oromoo fi Sagalee Seife Nebelbal Fulbaana 8,2014

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Fulbaana 8,2014

Aside

FDG Aanaa Manasibuu Magaalaa Mandii fi Aanaa Najjoo Keessaa Itti Fufe,Humni Waraana Wayyaanee Dachaadhaan Lixa Oromiyaa Qubate‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Magaalaa Najjoo Irraa Fulbaana 8,2014

diddaa9FDG Lixa Oromiyaa Aanaa Mana Sibuu Magaalaa Mandii fi aanaa Najjoo keessatti ka’e, waraanni wayyaanee iddootti hin hafne buqqa’ee lixa oromiyaa irra qubate,sabboonti barattootni oromoo lixa oromiyaa yuuniversitii irraa baratan walgayii yuuniversitii Naqamtee fi Gimbii irratti teessifamaa turan mufannaa fi aarii guddaadhan walgayii qondaalonni Wayyaanee guyyoota 15f gaggeessaa turan xumuranii galan,battaluma gara qe’eetti galaniin uummata kaasuudhaan FDG uummata waliin itti fufan. Akkuma duraan gabaasaa turre gaaffin mirgaa hedduun barattootaan ka’ee ture,qondaalonni Wayyaanee kuni gaaffii barattootaa deebisuuf ofitti amanamummaa waan dhabaniif, sodaa abba biddeenaa isaanii TPLF waan sodaataniif gaaffiin barattoota hedduun deebii argachuu qabu dubbii dadhabbinaa ta’ee hafe,mirgi barataa eegamuu qaba jedhanii walgayii irratti kan odeessaa turan gaaffiin kun utuu hin deebii’in mirga kamtu hojii irra oole kan jedhuun barataan yeroma xumura walgayii irrattiyyuu yaadaa fi ka’umsa fincilaa karoorsee gara qe’eetti gale, Guyyoota lama dura waraqaan dhaadannoo gaaffii mirgaa mootummaan wayyyaanee gaafatamaa ture ilaalchisee deebiin dhabamnaan gandaa fi aanaa Manasibuu keessa tamsaasuudhaan halkan tokkichatti uummata kaasanii jiru, kun Fulbaana 6 fi 7 akka tahe odeessi kan ibsu,waraqaan aanaa Manasibu magaalaa Mandii keessatti faca’ee bule barattootaan:

  1.  Mootummaan wayyaanee gaaffii uummataa deebisuu irraa tarkaanfii ajjechaa fi hidhaa itti fufuu waan karoorseef yaaa uummata Oromoo kaanee mirga keenya haa falminu
  2. Tokko-shaneedhaan qote bulaan keenyaa hin hidhamin, kun diinaaf saaxilamuu waan ta’eef tokko shaneen wayyaanee ganda keesatti diriirfatte kuni ammaa kaasee diigamuu qaba,
  3. Mirgi barataa ni eegama jedhamee kan dubbatame soba,gaaffiin haqaa gaafatamee jiru waan deebii nu dhorkaniif mirgi hin jiru mootummaan wayyaanee sobduudha,
  4. Barataan gaaffii saba isaa bakka bu’ee gaafate maalif mana hidhaa keessatti dararama, hidhamaan keenya haa gadhiifamu,ta’uu baannan qabsoon keenya uummata keenya dabalatee itti fufa,
  5. Diinni utuu nun seenin, utuu nurratti hin jabaatin,tokkummadhaan kaanee lollaa ka’I yaa Oromoo,
  6. Oromiyaan bilisoomuun qabsoo uummata isheetiin waan ta’eef uummanni oromoo dammaqee diina waliin fincila itti fufuu qaba,
  7. Fincila booda gara hiree murteeffannaatti dhufna qote bulaan,daldalaan,barsiisaan hojjetaan garagaraa diina dura dhaabbachuuf haa kaanu,
  8. Seenaa ABO kan hin beekne mootummaan wayyaanee amma irraa kaasee dhaabuu qaba,
  9. Maqaa shororkeessuumaan dhaaba keenya ABO yakkuun haa dhaabbatu,
  10. Mirgi shamarranii fi hoj-dhabdootaa haa eegamuu
  11. Oromiyaan ni bilisoomti,
  12. Muktaar Kadir Oromoo bakka bu’uu hin danda’u, Oromoof kan dhaabbatan,dhiiga Oromummaa kan qaban haa filaman,

Kan jedhuun guyyoota lama dura magaalaa Mandii keessa barattootni walgayii irraa galan barruu bittimsanii turan,sochii fi kaka’umsi uummataa aanaa Manasibuu irratti ta’e gara magaalaa Najjootti cehuudhaan kaleessaa fi har’a jechuun Fulbaana 7 fi 8 sochiin jabaatee waan dhufeef humni waraana wayyanee federaala irraa Fulbaana 6 irraa kaasee halkan halkan gara sanatti guuramaa jiru,naannoo san kan qubatee jiru hanga har’aattis kan baayyinni isaa dabalaa dhufe  halkan kaleessa Fulbaana 7 irraa kaasee aanaa Mandii,Najjoo fi naannoo isaa halkan sa’a 3:00 booda namni deemuu akka hin dandeenye ta’ee,namni daandii irra socho’u sa’a sadii booda humna waraana wayyaaneen qabamee reebamuu fi hidhamuu kan irratti raawwataa jiru tahuu isaa fi hawaasni jiraattootni lixa oromiyaa akka walii galaatti mootummaa wayyaanee mufachuudhaan fincila gaggeessuu irratti akka hiriiraa jiran gabaasni Qeerroo Mandii irraa addeessa.

Barattootni Yuunivarsiitii Addigiraat Diddaa Qabsiisuun Qondaalota Wayyaanee Dura Dhaabbatan!

Aside

Fulbaana 09,2014

Diddaan barattootaa haalaan jabaachuudhaan kan itti fufe Yuunivarsiitii Addigiraat keessatti Barattootni diddaa qabsiisuun itti fufan. Mulata Mallasaa galmaan geenya yaada jedhuun mootummaan wayyaanee barattoota kan walitti qabe yoommuu tahu barattootni gaaffiilee jajjaboo gaafachuudhaan wayyaanee dhiphina keessaa buusuun diddaa eegalanii jiran. Gaaffiileen kunneenis

1. Muldhati Mallasaa kun meeshaa ittiin uumata mookasan ta’uun uumati biyyattiin waan muldhata hin qabne fakkeesse kun hanga moom kana ta’aa?
2. Hanga yoomii Mootummaan wayyaanee uumata goyyomsaa haaka kanaan itti fufaa?
3. Barattootni barnoota xumuran maaliif hojii hin argatan?
4. Gibirri haalaan jabaate kaffalamaa jiru eessa dhaqe?
5. Mirgi sabootaa kabajamee keeyyati 39 maaliif hojii irra hin oolu

Kanneen jedhanii fi mirgi barattootaa haa kabajamu jechuun diddaa kan eegala yoo tahu, daballootni wayyaanee dura dhaabbachuu dadhabuudhaan waraana hedduumminaan bobbaasuudhaan barattoota doorsisuu irratti argamu. Keessumaa ilmaan Oromoo achitti argaman isintu kana kakaasa jechuun xiyyeeffannoo addaa keessa galchuun rakkisaa jiru. Barattootni gamtaan mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuu irratti argamu.

Ethiopia: A Generation at Risk, Plight of Oromo Students

Aside

HRLHA Urgent Action

HRLHAFOR IMMEDIATE RELEASE                

September 06, 2014

The human rights abuses against Oromo Students in different universities have continued unabated over the past six months- more than a hundred Oromo students were extra-judicially wounded or killed, while thousands were jailed by a special squad: the “Agazi” force

This harsh crackdown against the Oromo students, which resulted in deaths, arrests, detentions and disappearances, happened following a peaceful protest by the Oromo students and the Oromo people  in April –  May  2014 against  the so-called  “Integrated Master Plan of Addis Ababa”. This plan was targeted at the annexation of many small towns of Oromia to the capital Addis Ababa. It would have meant the eviction of around six million Oromos from their lands and long-time livelihoods without being consulted or giving consent. The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) has repeatedly expressed its deep concern about such human rights violations against the Oromo nation by the EPRDF government[1]

The HRLHA reporter in Addis Ababa confirmed that in connection with the April-May, 2014 peaceful protests among the many students picked from different universities and other places in the regional State of Oromia and  detained in Maikelawi /”the Ethiopian Guantanamo bay Detention camp” ,the following nine students and another four, Abdi Kamal, TofiK Kamal and Abdusamad   business men from Eastern Hararge Dirre Dawa town and Chaltu Duguma (F) an employee of Wallaga Universty    are in critical condition due to the continuous severe torture inflicted upon them in the past five months.Ethiopi1 HRLHA Urgent Action

Xumura Walgayii Barattootaa Wallaggaa Irratti Baajatni Barattootaaf Qophaaye Bashannana Qondaalota Wayyaanee Irra Oole.

Aside

Fulbaana 07,2014 Naqamte

OPDO.jpg saamtuuAkkuma beekamu Yuunniversitiilee adda addaa irratti barattootni guyyoota 15f walgayi taa’aa turan, Mootummaa Wayyaanee waliin osoo walii hin galiin barattooti Oromoo gaaffii mirgaa akka kaasaniin Fulbaana 3,2014 gara qe’ee maatii isaaniitti akka galan gabaasnee jirra, turmaata walgayii barattoota guyyoota kanaa keessatti guyyaa guyyaatti gaaffiwwaan ka’aa turan hunduu qabxiiwwan garagaraa Yuuniversitii irraa maddaa turuun beekamaa dha.

Eegala dirqiin fudhachiisuuf Wayyaaneen yaale keessatti  walgayii irratti gaaffii barattootni kaasaa turan keessaa tokko dhimma durgoo kennamuu ilaalchisee Yuuniversitii hunda irratti gaaffiin barattoota irraa utuu walgayin hin eegalin dura kaafame.Dhimma
durgoon wal qabatee fi xumura walgayii Wayyaanee qopheessite kana booda barattootaa baajatni addaan qophaaye tureera kan jedhamu odeeffamaa ture,booda irra xumura karaara walgahii Wayyaaneen booda barattoota waliin waan waliig aluu dhabaniif baajeti jedhame hojii irra ooluu hanqatee ykn dhabuun hogganooti Wayyaanee ofii isaanitiif oolchuu filatani.

Durgoon barattootaa qarshiin 450 kan kenname iyyuu bishaan haayilaandii gara qarshiitti jijjiiruun kennameef. Xumura walgayii irratti jechuun Fulbaana 3,2014 gama Wallaggaa irraa fakkeenya godhannee yoo kaane,galma guddaa Leeqaa Naqamtee fi kan
galma magaalaa Gimbii irratti argamu irratti sagantaa bashannaanaa qopheessuun baajatni hedduun barattootaa kennamuuf qophaayee jireenya hogganoota Wayyaaneef oolee jira.