Dhaamsaa fi dhaadannoo dhalootaa

Aside

Dhaamsaa fi dhaadannoo dhalootaa

Jiituu Lammii Waxabajji 22, 2014

barruuOromoo fi Oromiyaa ilaalchisee taateewwan dhageettii Addunyaa hawatan hedduun tibbana dhagahamaniiru. Haalli kun Oromoon humna guddaa egeree Gaanfa Afrikaa harkaa qabu tauu addunyaa waan yaadachiise fakkaata. Gama biraatiin inaaftuu gaaddidduu saba kanaa eegdee rifattu hunda yaaddesseera. Hundumaa caalaattimmoo furtuun rakkoo Oromoo harka Oromoo qofa jiraachuu fuulleetti akeekeera. Tolus badus dhimmi Oromoo harka gamtaa ummata Oromoo keessa jira. Oromoon gamtaa waliigalaatiin sochoonaan gabrummaa bara dheeraa yeroo gabaabduu keessatti ofirraa kuffisuu akka dandau taateen tibbanaa barannoo guddaa kaaeera. Gatii dhiigaa fi lubbuu keenyaan haqa dhabne deeffanna. Kun murtii dhalootaa ti. Miluu murtii dhalootaa waliin turtii goona.

Jiituu, Waxabajji22.doc

Godina Lixa Shawaatti Sabboonaa Dargaggoo Oromoo Galaanaa Nadhaa Cawwaaqaa Miidhaa Loltooti Mootummaa Itiyoophiyaa Irraan Gahaniin Boqote.

Aside

Waxabajjii 21/2014 Godina Lixa Shawaatti Sabboonaa Dargaggoo Oromoo Galaanaa Nadhaa Cawwaaqaa daraaraa mootummaan fashistii Wayyaanee irraan ga’een dhukuba sammuuf saaxilamee dhukkubsachaa kan ture, haalli dhukuba isaa yeroo irraa gara yerootti waan itti jabaateef guyyaa har’a lubbuun wareegamuu dhageenye gadda guddaatu nutti dhaga’ame.

Galaanaa Nadhaa Cawwaaqaa Godina Lixa shawaa Aanaa Tokkee Kuttaayetti abbaa isaa obboo Nadhaa cawwaqaa fi haadha isaa addee
Geexee Hachaaluu irraa bara 1972tti dhalatee. kutaa 1-8 manaa barumsaa tokkee Irressaa sadarkaa 1ffaatti xummure.Kutaa 9-12 manaa barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa tii baratee. Galaanaan namaa barumsaa issaan baay’ee cimaa ta’ee turee Akkasumaas qabsoo ummataa Orommoo irrattii namaa gumaachaa guddaa buusee turee Baratoota walittii qabee waay’ee qabsoo kan barsisaa turedhaa. baraa 1992 waay’ee bosonaa baale yeroo gubatuus adda duree tahuun gaaffii gafachaa fi fincilaa diddaa gabrumaa fininsaa kan turedha. barumaa kanaa keessa harkaa dinaan qabamee manaa hidhaa masaraa mootummaa kan magalaa amboo keessattii reebichii fi dararaan guddaan iraa gahaa kan ture keessaa issaa adda duree dha.

Kanaa qofaa mitigaa Galanaan namaa GUMII AADAA FII AFAAN Oromaa yeroo jalqabaaf manaa barumsaa Amboo sadarkaa lammaffaa keessaattii akka dhaabatuu taasissee keessaa isaa addaa duredhaa.
Baraa 1994 A.L.H qabsoo diddaa gabrummaa turee irrattiis gumaacha gudda kan raawwachaa turedha. Baraa kanaas yeroo lammafaaf harkaa dinaa galuun dararaan guddaa kan irraa gahee turee. Baraa kanaa qormaata kutaa 12ffaa waan fudhatuuf manumaa hidhaa sanatti akka kenamuuf tasifamee . Achumaa manaa hidhaa keessa tahee qabxii boonsaa 3.6 galmeesisuun barnoota sadarkaa…….. ol anaaf garaa Universitii Maqaleetti ramadamee. Akkumaa hidhaa baheen barnotaaf garaa Unversitii Maqalee qajelee barumsaa isaa itti fufee. Guyyoota murasaan booda ….. mootummaan wayyanee hordofaa turtee osoo innii garaa dormittii deema jiruu dubaan rukkuttee kuftee bakka inni kufettii summii sammuu namaa adoochuu warananii biraa sokan . Galaanaa bakka kufee sana bulee ganamaa hiriyyonni isaa achittii isaa arganii iyyanii garaa manaa yaala finfinnee Amanuel jedhamuu geesaan garuu maal godharee lubbuun keessa jirattuus sammuun isaa sirrii hin turre. Dhukkubaa isaa baatee waggaa 11 rakkachaa turee guyyaa harraa lubbuun isaa dabartee.21/6/2014 biyyoon itti haa salphatuu.
Qabsa’aan ni kufaa Qabsoon itti fufa!,
Injifannoon Uummata Oromoof!.

 

SBO Waxabajjii 22 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu – Gabaasa Hiriira Nagaa Hawaasa Oromoo Londonii fi Osloo akkasumas Gaaffii fi deebii Jaal.Xayyib A.Gojabii fi qophiilee biroo

Aside

Uummanni Oromoo Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo Humnaa fi Dirqamaan EPRDF Deggeree Akka Hiriira Bahuuf Ajajii fi Qajeelfama Aangawoota Wayyaanee Irraa Kallattiin Qophaayeef ,Jiraattoti Aanaa Amboo Diddaan Dura Dhaabachuuf Qophiitti Jiru.

Aside

Waxabajjii 21,2014 Amboo

diddaaUummaata Oromoo Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo fi Gudar irratti duula Olola Afaan faajjii uummuuf jecha Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Magaalaa Amboo irratti uummata dirqisiisee hiriira Waxabajjii 22/2014 baasuuf jiru dura dhaabbachuun dirqama ilmaan Oromoo hundaati!!.

Wayyaaneen hiriira kana Yeroo lama uummata Baasuuf yaalii gootee diddaa uummataan kan duraa fashalaa’ee yoo ta’uu yeroo 3ffaaf uummaata dirqisiisuu fi shororkeessuu irratti argamti. Haala uummata Oromoo kessaattuu jiraattoota Magaalaa Amboo yoo hiriira kana baatanii hin hirmaattan ta’ee Rakkinoota Armaan Gadii kanatu isin eeggata jechuun uummata shororkeessuu irratti argamti:

1. Manneen daldalaa keessan ni cufama,

2. Gaaffii tokkoo malee hidhaa baatii sadii hanga jahaatiin adabamtuu,

3. Ijoolleen keessan bakka isin arguu hin dandeenyetti hidhamu,

4. Namoota asiin fuldura FDG keessatti hirmaatanii ajjeefamaniif itti gaafatamtu,

5. Warraaqsaa FDG mootummaa garagalchuuf godhamaa jiruuf itti gaafatamtu jechuun uummaata humna waraanatti fayyadamuun maqaa garee fi gooxii jedhuun walitti qabuun sodaachisuuf olola kana oofa jiran illee uummaanni gochaa shororkeessuummaa mootummaan Wayyaanee Oofaa jiru kana balaaleffachuu irratti argama; kanaan wal qabatee uummaanni nagaan qe’ee isaa irra qabamee hidhamaa jira.Uummanni Amboo Qeerroo Bilisummaa Waliin Hiriire Gamtaan Ka

Raadiyoo Seife Nebelbaalii fi Sagalee Oromoo, Waxabajjii 21,2014

Aside

Minnesota State Senators write to Secretary of State John Kerry about ‪#‎OromoProtests

Aside

senators

-To whole letter click PDF

FDG Wallagga Anfilloo Keessatti Qabate Daran Jabaachuu Irraan Waraanni Wayyaanee Humni Dabalataa Naannicha Qubsiifame.

Aside

Waxabajjiii 21,2014 D.Doolloo

Gabaasa Qeerroo Qellem Dambi Doolloo waxabajjii 21 addeessuun sochii uummanni oromoo fi barattoonni Qellem irratti taasisaa jiran isa yaaddessuudhaan kanaan dura uummata oromoo hidhaatti guuruun furmaatatahuu dhabuu irraan ammas uummanni oromoo gaaffii mirgaa barataa waliin tahuudhaan dhiyeessuu isaa waan hin dhaabneef, hidhaanis uummata Oromoo godina kana keessa jiraatu boodatti waan hin jechisiisneef guyyaa har’aa mootummaan Wayyaanee tarkaanfii ummata irratti fudhachuf jecha
humna waraana Agaazii konkolaataa toorba dabalataan Anfilloo keessa akka qubachiise gabaasi Qeerroo ni addeessa.

Uummanni diddaa kanan dura eegale sochiin isa fakkaatu irratti mul’atee jennaan gaaffii tokko malee hidhaa utuu hin taanee rasaasaan reebuu kan jedhu odeeffannan isaa caasaa mootummaa irraa ibsu addeessa, barataas tahe hojjetaa kamiinuu dabalatee saalaas utuu hin qoodin tarkaanfiin irratti fudhatamuu qaba jedhe humna waraanaa fi lukkuulee isaatti dirqama kanaa kennaa akka jiru gabaasni nu gahe addeessa.

Aside

The #OromoProtests Solidarity Rally in Brussels at European Parliament,

Posted: www. Gadaa.com   Waxabajjii/June 21, 2014 · Finfinne Tribune

Members of the Oromo community in Europe staged a solidarity rally in Brussels, Belgium, at the European Parliament on June 20, 2014, to bring awareness about the human rights violations of the TPLF Ethiopian regime on the Oromo people – including the killing of more than 100 Oromo students and civilians, mass imprisonments of thousands of Oromo students as well as expulsions from universities of Oromo students for nonviolently protesting TPLF’s ‘Addis Ababa Master Plan,’ a plan that is designed to annex land from the State of Oromia and evict millions of Oromo farmers around Addis Ababa – both under the pretext of “urban development.’

Here’s the coverage of the rally by the DW/German radio (Amharic).

01:38
04:15

PHOTOS From the Rally:
BrusselsRallyJune2014_7

BrusselsRallyJune2014_1

Washington State Senators write to Secretary of State John Kerry about ‪#‎OromoProtests

Aside

letter_to_kerry_full

Wallagga,Najjoo Keessatti Hojjettooti Mootummaa 3 fi Jiraattoti Magaalaa Namni 4 Miseensummaa ABOn Shakkamuun Loltoota Wayyaanee Agaaz Jedhamuun Qabaman.

Aside

Irree diinaa ni cabsinaGabaasa Qeerroo Najjii,Waxabajjii 20,2014, FDG dhahataan itti fufee sadarkaa uumata Oromoo abdachiisuu fi Wayyaanee ammo abdii kutuun gahee jiru irratti humna waraanaa qabu fi ergamtoota mootummaan Wayyaanee qabuun diddaa ukkaamsuuf shira inni Uummata Oromoo irratti hin wixiniin jira hin fakkaatu. Sochii FDG uumata Oromoon qabateen wal qabatee Wallagga,Najjoo keessaa  ilmaan Oromoo nagaa 148 mana hidhaa keessatti ugguramaa jiran keessaa 50 kan ta’an haalaan miidhamanii maatiin isaanii yaaddoo keessa galanii akka jiran gabaasi maadheen qeerroo Wayyaanee keessaa addeessa.

Itti fufuun Wayyaaneen TPLF Waxabajjii 20,2014 Oromoota nagaa fi hoggantoota caasaa OPDO aanaa Najjoo  7 guyyaa har’aa manaa fi bakkoota hojii isaanii irraa qabuun mana hidhaatti galchanii akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa. Kanneen kunis:-

1.Ijigaayyoo Akumaa-Hojjettu Dhimma Dubartoota Aanaa Najjoo

2.Tafarii Jiraataa-Dura ta’aa gandaa

3.Sooromaa Abbayyaa-Hojjetaa buufata konkolaataa magaalaa Najjoo

4.Malkaamuu Eebbisaa-jiraataa fi qote bulaa magaalaa Najjoo

5.Nigaatuu Dheeressaa-Jiraataa magaalaa Najjoo

6.Abennet Dirribaa-Hojjettuu Dhimma Dubartootaa

7.Dhufeeraa-jiraataa magaalaa Najjoo

Jarreen kun maadhee ABO ti sababa jedhamuun akkuma qabamaniin mana hidhaa keessatti dararaan akka irraan gahame  Qeerroon magaalaa Najjoo irraa gabaasee jira.