Waxabajjiii 21,2014 D.Doolloo
Gabaasa Qeerroo Qellem Dambi Doolloo waxabajjii 21 addeessuun sochii uummanni oromoo fi barattoonni Qellem irratti taasisaa jiran isa yaaddessuudhaan kanaan dura uummata oromoo hidhaatti guuruun furmaatatahuu dhabuu irraan ammas uummanni oromoo gaaffii mirgaa barataa waliin tahuudhaan dhiyeessuu isaa waan hin dhaabneef, hidhaanis uummata Oromoo godina kana keessa jiraatu boodatti waan hin jechisiisneef guyyaa har’aa mootummaan Wayyaanee tarkaanfii ummata irratti fudhachuf jecha
humna waraana Agaazii konkolaataa toorba dabalataan Anfilloo keessa akka qubachiise gabaasi Qeerroo ni addeessa.
Uummanni diddaa kanan dura eegale sochiin isa fakkaatu irratti mul’atee jennaan gaaffii tokko malee hidhaa utuu hin taanee rasaasaan reebuu kan jedhu odeeffannan isaa caasaa mootummaa irraa ibsu addeessa, barataas tahe hojjetaa kamiinuu dabalatee saalaas utuu hin qoodin tarkaanfiin irratti fudhatamuu qaba jedhe humna waraanaa fi lukkuulee isaatti dirqama kanaa kennaa akka jiru gabaasni nu gahe addeessa.