Waxabajjii 23/2014 Sirni Awwalcha Gooticha Sabboonaa Oromoo dargaggoo Galanaa Nadhaa guyyaa har’a ganda dhaloota isaa Godina Lixa Shawaa Aanaa Tokkee Kuttaayee ganda qonnaan bulaa Tokkee Konbolchaatti bakka uummaanni Oromoo Godinotaa fi aanaawwaaan garaagaraa irra irraatti argamanitti gaggeeffama jira. keessattuu uummaanni aanaawwaan kanneen akka Aanaa Amboo, Gudar, Xiiqur Incinnii, Tokkee kuttaayee, Calliyaa Geedoo, Midaa Qanyii ,Shanaan, Finfinnee, fi bakkota hedduu irra uummaatni Oromoo tilmaamaan 3000 olitti lakka’amu irratti argamuun gaddaa guddaa sabboonaa Oromoo kana ibsachuun Dhaadannoo, eessaan dhaqxu sabboonaa Oromoo isa bilisummaa keenyaaf falmuu, Goota Oromoo mucaa dandeetii fi sabboonummaan nama boonsuu Galaanaa Nadhaa jechuun uummaanni haal;a ulfataa ta’een gaddee, jira. Qeerroowwan sabboontotni Oromoo sirna awwaalchaa kanarratti argamuun gumaan ilmaan Oromoo hin haftu, gumaa Galaanaa Nadhaa ni baasna, qabsoo goototni ilmaan Oromoo irraatti wareegamaan galmaan ga’uuf kutannoon qabsoofnaa, Wareegama ilmaan isheetiin Oromiyaan ni bilisoomti, Mootummaan wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n seeraatti dhiyaachuu qabu jechuun yeroo amma kanatti dhaadannoo dhageesisaa jiru. ummaanni Fardeen fe’atee dhaadannoo akkam jabaa ta’ee fi dheekkamsaan guutame dhageesisaa jira, kanneen kaan garaftuudhaan of reebuun hanga of dhiigsanitti gaddaa guddaa isanitti dhaga’amee fi roorroo garbummaa uummata irraa jiru ibsacha jiru.

QerroooWaxabajjii 22,2014 Mootummaan Wayyaanee olola afaan faajjii uumuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummaanni Oromoo gaafachaa ture dhabamsiisuuf ykn sagaleen uumata cunqurfamaa akka hin dhagahameef jecha meeshaa waraanaa fi human waraanaan uumata nagaa goolaa fi jeeqaa jira.

Haala kanaan guyyaa har’aa FDG Lixa Shawaa Amboo gara dabarsuuf jecha uumata humnaan dirqisiisee karaa dabballoota isaa hiriira deggersa mootummaa wayyaanee akka bahamu yaalii gochaa ture. Hiriira humnaan dirqisiisee uummataa fi dabballoota isaa baasuun shira dalaguuf baajata guddaa fi humna waraanaa guddaa bobbaasuun shirri diinummaa magaalaa Amboo irratti gaggeeffamuuf sochii guddaa godhee ture sun  diddaa uummataa fi dura dhaabbannaa dargaggoota Oromootiin waan Wayyaanee fi aangawoonni isaanii barbaadan jalaa fashalee jira.

Wayyaaneen dabballoota garaaf bitamanii fi kanneen afaan Oromoo dubbachuu malee dhalootan Oromoo hin ta’iin walitti qabuun namoota baay’inaan 100 hin callee of dura qabuun shira abdii kutannaa uummata keenya irratti gaggeessuun hubatamera. Keessaattuu uummaanni Oromoo jiraattootni magaalaa Amboo fi dargaggoonni Oromoo guutummaatti shira diinaa kana irraa qooda fudhachuun hojii dhabuun waammicha Wayyaanee irraa qooda kan fudhatu diina uummata Oromooti jechuun jibbinsa wayyaaneef qaban ibsataniru.

Gochaa Fashistummaa Wayyaanee kana balaaleffachuu fi dura dhaabbachuuf dargaaggootni oromoo fi uummaatni Oromoo Magaalaa Amboo ganda 03 naannoo M/B Sadarkaa tokkoffaa Cariitti walitti qabamuun uummaata warraaqsa gaggeessuuf jiru homaan waraanaa magaalaa Amboo irra qubsiifameen bitineeffaman, dargaggootni Oromoo 6 humna waraanaan qabamanii mana hidhaa wajjiraa poolisii Godina lixa shawaatti darbataman.

Sochii Mootummaan Wayyaanee gaggeesite kana keessatti hoomaan waraanaa uffata of irraa baasee uummata fakkachuun akka hiriira Wayyaanee irraa qooda fudhatu dirqisifaamee, humnootni milishaa fi poolisaa illee haaluma kanaan akka ba’an qajeelfama wayyaanee hojirra olchuuf dirqaman illee gochaa kana rawwachuu irra fedhii akka hin qabnee odeessii keessa isanii ba’aa jiru ifa godhee jira. Kana malees Wayyaaneen abdii kutatee waan qabee gadhiisuu wallaale kun sabaa fi sablammoota biyyaatti jiraattoota baadiyaa fi dabbaloota Wayyaanee garaa qofaaf jiraattan baadiyaa irraa walitti qabuun xaa’oo fudhattanii galtu jechuun uummata gowwomsaa ture, Uummaanni Oromoo baadiyaa Magaalaa shira wayyaanee irratti dammaqee gaafa dura dhaabbatuu, saboota kanneen gowwomsuun olola isaa oofuuf yaalii akka godhee hubachuun danda’amera.
Qondalootni Wayyaaneef ergamanii jiraatan walga’ii maqaa hiriira baha nu deeggara Wayyaanee kana gaggeessuuf wareegaman biro bishanii fi albuudaaf energy Oromiyaatti nama Mootummaa Maqaasaa jedhamuu fi bulchiinsa Godina Lixa Shawaa wayyaaneedhaan doorsifamaa jiru nama maqaan isaa jedhamuu fi dabbaloota ilmaan TPLF maqaa isaanii dhoksuun waltajjichaa gaggeessuuf bobbaafaman yoo ta’uun, haaluma kanaan dabballootni kunneen namoota miseensota,:Waraanaa, milishaa, poolisa, sabaaf sablamoota Oromiyaa Lixa shawaa naannawaa Amboo jiraattan fi dabbaloota humnaan dirqisiifaman dabalatee namootni lakkofsaan 100 hin caallee Isteediyeemii Ambootti humna waraanaa guddaan marfamanii ololaa afaan faajjii wayyaaneen uummata Oromoo irratti gaggeessuun saaxilamee jira. Haala kana irraa Wayyaaneen Ololaa TV olola kijibaaf tolu waan waraabdu dhabdee dabballoota godinaa dorsisaa turuun ni yaadatama. Sochii kanaan walqabatee Magaalaan Amboo humna waraanaa guddaan marfamtee eegamaa jirti. Haala kanaarraa uummaanni oromoo magaalaa amboo fi nannawaa ishee gochaa diinummaa dhiiga namaadanfisuu kanatti aaruun wareegama qaalii kan faluuf qopha’aa jiraachuun sochii uummataa irraa hubatamee jira. Wayyaaneen diddaa uummata Magaalaa Amboo fi dargaggoota kanatti waan haalan yaaddoofteef dabbaloota fi garaaf bultoota, akkasumaas ilmaan saboota biroo walitti qabdee kanaan callisanii gargar bittinna’uun gara mana isaanitti akka galaan goochuun soda jiruu dabballootuma meeshaa diinaa kanaaf saaxiluun illee hubatamera.
Uummaanni Oromoo godina lixa shawaa fi Magaalaa Amboo fi naannawaa ishee sagantaa wayyaaneen fuldratti gootu kamuu dura
dhaabbachuu fi lagannoo (boycotts) gochuuf dhaamsa waliif dabarsaa jiraachuun hubatamera.

 

Dhaamsaa fi dhaadannoo dhalootaa

Jiituu Lammii Waxabajji 22, 2014

barruuOromoo fi Oromiyaa ilaalchisee taateewwan dhageettii Addunyaa hawatan hedduun tibbana dhagahamaniiru. Haalli kun Oromoon humna guddaa egeree Gaanfa Afrikaa harkaa qabu tauu addunyaa waan yaadachiise fakkaata. Gama biraatiin inaaftuu gaaddidduu saba kanaa eegdee rifattu hunda yaaddesseera. Hundumaa caalaattimmoo furtuun rakkoo Oromoo harka Oromoo qofa jiraachuu fuulleetti akeekeera. Tolus badus dhimmi Oromoo harka gamtaa ummata Oromoo keessa jira. Oromoon gamtaa waliigalaatiin sochoonaan gabrummaa bara dheeraa yeroo gabaabduu keessatti ofirraa kuffisuu akka dandau taateen tibbanaa barannoo guddaa kaaeera. Gatii dhiigaa fi lubbuu keenyaan haqa dhabne deeffanna. Kun murtii dhalootaa ti. Miluu murtii dhalootaa waliin turtii goona.

Jiituu, Waxabajji22.doc