FDG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Magaalaa Naqamteetti Alaabaa Habashaa Guban. Har’a Ebla 29,2014 FDG Magaalota Gudar,Dambi Doolloo Fi Adaamaa Keessatti Eegale. Magaalaa .

Ebla 29,2014 Gabaasa Qeerroo

naqmteFincilli diddaa gabrummaa itti fufuun gootonni Qeerrooo Bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee keessa jiraan diddaa jabeessuun har’a sa’aa 6:00 ganama irraa kaasee mana barumsaa Biiftuu irratti kan eegale uumataan wal qabtee diddaan itti fufuu gabaafame. Haala kanaan loltooti Mootummaa Wayyaanee barattoota Oromoo reebuu fi dararuun eenyummaa isaanii xiqqeessuun waan itti fufee jiruuf jecha Oromiyaan biyya abbaa qabu taatee bilisummaa barbaadna jechuun alaabaa Habshaa gubuun diddaa isaanii itti fufan. Haala kanaan loltooti Wayyaanee maqaan Agaazii jedhaman humna guddaan barattoota irratti bobba’anii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

Gama biraan diddaan magaalota Gudearii fi Dambi Doolloo keessatti itti fufee jira.Magaalota Shambuu fi kannen hafan keessattis sa’aa kana akka eegalee jiru hogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo ibsee jiraachuu dhagahama.

naqaNaqamte1

2 thoughts on “FDG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Magaalaa Naqamteetti Alaabaa Habashaa Guban. Har’a Ebla 29,2014 FDG Magaalota Gudar,Dambi Doolloo Fi Adaamaa Keessatti Eegale. Magaalaa .

  1. Naannoowwan oromiyaa hedduutti quunnamtiin akka hin taaneef sararri neet woorkii balleeffamaa, humnootni poolisii bakka jiran irra gara finfinneetti guuramaa jiru. Dhaamsi an ijoollee oromoo bakka hunda jiraniif qabu
    1, Kaayyoon wayyaanee oromoon oromoo fixuudha waan ta’eef ABO Wabii keessan isa ta’e cina hiriiraa.
    2, Ijoolleen oromoo kallattii adda addaan jirtan Abjuu goototni akka Abishee Garbaa,Laggasee Wagii,fi k.k.f akka waliin dhugoomsinu malee..habashaa cina dhaabbannee of gurguruun irbaata rasaasaa akka hin taanen dhaama.
    “Injifannoon Uummata Oromoof”

  2. Maaliif gara hin taanetti harkiftanii ijollee mirga abbaa biyyummaa karaa nagaan fincilaa jiran karaa hokaraa waliin wal qabachisuu yaaltu.Yoo karaa ABO barbaaddan qwawwee fudhaatii woyanee waranaa,ijolee qalamaa fi waraqaan lolaa jiran haal hin taane kessa galchitanii qabsoo karaa nagaa deemaa jiru kana gufachisuu hin yaaliinaa seenaan isi gafataa!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s