Daily Archives: November 19, 2013
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Hawaasaa Guyyaa FDG Sadaasa 9 Sirna Howwaan Kabajatan.
Aside
Sadaasa 20,2013 Gabaasa QB-Hawaasaa
Yaadannoon FDG Sadaasa 9,2013 Yunivarsiitii Hawaasaa Kampaasii Awaadaatti sadaasa 17,2013 haala hoo’an yaadatamee oole.
Qeerroon Yunivarsiitii Hawaasaa kampaasii Awaadaa Oromoota jiraattota magaalaa Yirgaalam waliin ta’uun mooraa yuunivarsiitichaatin alatti haala hoo’an sagantaa isaanii dabarsanii jiru.
Tartiibni qophii sagantichaa akka itti aanutti qindaa’ee jira;
-Hirmaattota sagantichaatu iddoo qabate
-Mana keessaa qeerroon tokko olka’uun akkas jedhee saganticha jalqabsiise” kuun sagalee qeerroo oromoo yuunivarsiitii hawaasati amma sagantaan keenya jalqabee jira”
-Sagantaa dungoo qabsiifannaatu raawwatame
-Sagantichi eebba namoota sadiin baname
-Hundumtuu lafa taa’uu olka’eet gootota Oromoo osoo hadhaa qabsoo dhandhamanuu dirree irratti hafaniif daqiiqaa sadihii yaadannoo sammuu taasisan
-Haasawa baniinsa sagantichaatu taasifame walitti qabaa qeerroo yuunivarsiitichaa kan ta’e jaal Sabboonaa Roobatiin
Walitti qabaan qeerroo yuunivarsiitichaa akkas jechuun yaada jajjabinaa dubbate guyyaan kun akka mooraa keenyatti qofa osoo hin ta’in akka guutummaa oromiyaa fi idila addunyaatti waanta’eef hundumti keessanuu waggaa waggaadhan lafuma jirtanitti haala qajeelcha fi labsii ABOn baasun masakamtanii kabajuun dirqama oromummaa tokkoon tokkoon keessan irra jiru jedhe. Guyyaa kana sababeeffachuunis irbuu isaanii haaromfatanii jiru, akkasumas immoo koree hojii raawwachiiftuu haaraa namoota shan filatanii jiru.GABAASA QEERROO YUNIVARSIITII HAWAASAA
Barattooti Yuniversitii Jimmaa Governance and Developmental Studies Kanneen Baratan Gaaffii Belbeltuu Kaasan.
Aside
“Mootummaan Wayyaanee bakka dimokraasiin hin jirretti dimokraasii lallaba,bakka mishoomi hin jirretti mishooma lallaba,iddoo nagaan hin jirretti nageenya lallaba” Barattoota Yuni Jimmaa
Gabaasaa: Sadaasaa 19, 2013 Baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa Mummee Baranota ”Governance and Developmental Studies” waggaa
tokkooffaa hanga waggaa sadaffaa barachaa jiran walitti dhufuun imaamatni barnota Wayyaaneen gaggeessaa jirtu, sirrii akka hin taane ibsuun ifatti mootummaa EPRDF balaaleffatan.
Imaammatni barnotaa Wayyaanee TPLF fi EPRDF baasee ittiin ummata barsiisu biyyattiis ta’e uumataaf faayidaa kan qabu osoo hin taane dabballoota sirnicha tajaajilu oomishee akka baasu kan gargaaru qofa ta’uu hubachiisan. Lammiileen biyyaattiis ogummaa qabaniin uummata isaanii tajajilanii ofis kan gargara jiran miti.
Yeroo ammaa kanatti baratootni dhaabbiilee olaanoo biyyaatti hunda keessaa waggaa waggaatti baratootni kumaataman lakka’aman degree jalqaba fi lammaffan ni eebbifamu, garuu hojii dhabdee ta’uun jiruuf jireenyaan dararamaa jiraatu.Gama biraan lafa dimookiraasiin hin jirreetti maqaa dimookiraasiin lallabuun lafa mishoomi hin jirretti maqaa mishoomaan lallabuun EPRDF haadhaabbatu kan jedhu kaasanii dabarsaniis department head mummee barnotaa ”Governance and Developmental Studies tti dhiyeeffatan. Gaaffii kana gaafachuuf kan nu dirqee yeroo hundaa biyyaa Ethiopia jedhamtu kan amma Wayyaaneen EPRDF gaggeessaa jirtu kana keessaatti ” barnoonni saayinsiin” barannuu fi kan qabataman argaa jirruu tasuma kan wal hin madaalle ta’uu waan hubanneef sirni kun lammii biyyaa kanaa midhaa jira malee fayyada hin jiru jedhuu baratootni gaaffii mirgaa kaasan. Barattoota Developmental Studies Jimmaa
Roorroo Abbaatu Dhoowwata!
Aside
Roorroo Abbaatu Dhoowwata!
Sadaasa 9, 2013
Jiituu Lammii – Unbarsiitii Finfinnee
“Karaa nama yartuu sareen abidda qaqqaammatti.” jedha Oromoon yoo mammaaku. Akkaataa duudhaa Oromoottii, Uumaafi uumamni, jiruufi jireenyi, hangafaa quxusuun, dufaa darbaan, dhiyaa bariin,…. Hunduu safuu qaba. Safuutti bula. Kanaafidha hagamuu jaalatanillee kan sareen gulantaa ol tarkaanfattee namaan qixxee abidda bira hinteenyeef. Kun safuudha! Safuu sabaa eegun ammoo matuma isaattuu ammas safuudha. Kanaaf safuudhaan safuu keessa jiraatu. Maammaaksa olii yoo ilaallu irra keessoon isaa safuu kana tiksuuf. Keessa isaatti garuu dhugaa fageessee akeekutu jira.
Mammaaksi koobaa dubbiitii isaa koobaa beekutu qalbeeffata. Irra keessoo namaatiif dubbii hinmammaakani. Gamna aqlii qabuuf ammoo mammaaksa hiniikani. Abbaatu haala dubbichaa keessaa dhimbiibee baafata. Kanaafan faana mammaaksa kiyyaa isinuumaaf dhiiseen gara waliigala dubbii kootti fuulleffadha. Roorroon salphina dhala. Salphinni dhukkuba. Huuqqisee, yuuyyesseetu cabsee nama hambisa. Kana abbaatu alaalatti ofirraa eega. Kanaaf akka namuu dagatee roorroofi salphinni ulaa isaatiin biyya hinseenne yaadachiisuuf buleessi Oromoo dubbii kana dhalootaaf mammaake. Roorroo Abbaatu