” Akka Jedhan Miti !! Akka Oromoon Jedhe”

Aside

Habashoota biratti waayeen saba keenyaa waan baayyee jedhamee jira.Sanaan wal qabatee walaloon olitti dhihaate Dargagoota Oromootiini.

Gama kaaniin   http://www.gadaa.com  irraa  mata duree From Editor’s Notebook jedhutti qabatee kan  jiru ilaaluun kan dur hafnaan amma illee  “Akka Jedhan” caalaatti hubachuun ni dandayama

Diddaan Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Gondar Haalaan Jabaatee Barataan Oromoo Tokko Loltoota Wayyaaneen Ajjeefamee Kaan Ammoo Hedduminaan Hidhaa Seenan.

Aside

Sadaasa 26,2013 Gabaasa Qeerroo Yuni Gondar

Gonder UniGaaffii mirgaa Oromoo fi addattis lafti Oromoo gurguramuu fi barattooti Yuuniversitiilee adda addaa irraa hidhamuun haadhabatu jechuun barattooti Oromoo diiddaa kaasuun wal qabatee Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo keessumaa ammoo barattoota Oromoo hidhaa fi ajjeesaa kan as gehe ammas ittuma fufuun Yuunivarsiitii Gondar keessatti barataa Oromoo ajjeesuu irraan eegalee heddumminaan hiraaresee hidhaatti naqaa jira. Barataan Oromoo Anteeneh jedhamu   barataa FBE marketing tahee waggaa sadaffaa baratu yakka tokko malee mooraa Yuunivarsiitii Gonder keessatti ajjeefamee jira. Barattootni Oromoo gumaa ilma keenyaa ni baafna jechuun diddaa dhageessisuu irratti argamu. Mooraan Yuunivarsiitii Gondaris diddaa kanaan guutamtee mootummaan Wayyaanee TPLF waraana hedduumminaan bobbaasuun dhiphina keessa galee jira.

Waraanni TPLF Yuuniversitichatti bobba’uun barattoota irratti rasaasa dhukaasuun diddaa dura dhaabbachaa jira. Wayyaaneen barattoota ajjeesaa, rasaasaan rukkutaa fi hidhaa as gahe itti fufuun gara jabinaan raawwachuu irraa diddaan jabaatee itti fufee jira. Haala kanaan Sadaasa 25,2013 barattoota Oromoo diddaa gaggeesitan sababa jedhuun hedduu hiraarsaanii kanneen diddicha qindeessitan jedhaman ammo nama 3 fi kanneen kaan hedduun gara mana hidhaa hin beekamneetti ukkaamsee fudhate,kanneen kunis:-

  1. Barataa Taarikuu Tolosaa veternary waggaa 4ffaa
  2. Barataa Teediroos Beezii barataa Veternary waggaa 4ffaa
  3. Barataa Teediroos barataa waggaa 4ffaa veternary dhalootaan naannoo Bishooftu

Kanneen jedhaman dabalatee barattootni hedduun mana hidhaatti ukkaamsamanii jiran. Barattooti Oromoo Yuuniversitii Goonder keessatti argaman kaanis  Ilmaan Oromoo martis iyya  keenya akka nuu dhageessan jechuun dabarfatanii jiru.

Gama kaaniin barattooti Oromoo mooraa Yuuniverstii keessaa bahanii magaala keessa deemuu fi afaan Oromoon haasawaa daandii irra deemuun sadarkaa sodaachisaa ta’etti yakka ta’ee akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Waraanni Wayyaanee maqaa sakatta’insa jedhuun baadiyyaa keessa bobba’e uumata saamuu fi humnaan gudeedduun yakka daangaa hin qabne hojjechaa jira.

Aside

Sadaasa 25,2013 Finfinnee

Qeerroo bilisummaaBara dhumaatii abbaa irrummaa isaa keessa mootummaan Wayyaanee waan hojjetu walaaluun bujaajjauu irraan darbee kadhaa biyyoottan alagaa irraa argamuun bittaa umrii isaa dheereffachuuf tattaafachaa ture. Haalli kadhaa fi saaminsaan dinagdee isaa guddisee uummata ittiin bitu wayita fashalu uummata Jumlaan hidhuu, sakattainsaan uummata nagaa rakkisuu fi doorsisuu akkasumas uummata nagaa ajjeesuu filannoo jabaa godhatee jira. Filannoowwan kanneen keessaa maqaa alshabab sakattaana dahoo kan godhateen uummata nagaa golee Oromiyaa mara keessatti doorsisaa fi sakattaa jabaa gaggeessaa jiran. Waraanni mootummaa wayyaanee sakattainsa kanaaf bobbaan kumaataman kan lakkaawaman yoommuu tahu sakattainsaan alatti darbuun afaan qawwee fayyadamuun qabeenya uummataa saamuu fi dubartoota gudeeduu irratti argamu.

Godina Shawaa kaabaa aanaa Alaltuu bakka Fiichee jedhamutti waraanni mootummaa Wayyaanee sakattainsaaf bobbae qabeenyaa ilmaan Oromoo saamee jira. Ilmaan Oromoo hojii isaaniitti bobbaanii jiran dhaabuun maallaqa baaftan fidaa jechuun humnaan irraa fudhachuu irratti argamu. Midhaan konkolaattotaan feamus hin dabarsitan jechuun ilmaan Oromoo rakkoo addaaf saaxiluu irratti argamu.

Qeerroon Godina kanaa diinni maaliif akkas nu godhee irra dura dhaabbanna jechuun uummatni waraana wayyaanee bobbae akka hin nyaachisne, hin obaasne homaa itti hin gurgurre taasisuun hojii waraana mootummaa wayyaanee fashalsuu irratti argamu.