Aadaa Shammarran Oromoo Borana, Oromiyaa
Aside
Y.G(2005) kutaa 2ffaa | Sadaasa 23, 2013
Qabsoon Oromoo kan keessa dabre irraa barachuun dirqii itti ta’a. har’a waan irraa barachuu dandeenyu argachuuf, muuxannoo eenyullee qorachuun nu hin barbaachisu. Qalbii haqaa yoo qabaanneef, waan nuuti keessa dabarre irraa, warra kaaniif dhaamnu hedduutu jira. Bu’aa ba’iin qabsoo OROMOO keessa dabraa jiru salphaa miti. Jaallannus jibbinus Addunyaa haala hammaataa keessa jirtu keessa jirra. Gaaffiin keenya kana keessaan akkamiin milkaa’aa ? jedhanii irratti hojjachuuf qooda ilmaan Oromoo hundaa gaafata. Inni Qabsoo Oromoo cichoominaan gaggeessaa jirus, inni sababaa gara garaan keessaa ba’ees , inni qabsoo Oromoo akka kubbaa miilaa taa’ee daawwataa jirus, inni lakkii dhiiga ofii waliin dhaabbachuun bakka dhabuudha jedhee mana namaa keessatti rakkataa jirus,inni maaltu na dhibeen keessaa ba’ee addunyaa biraa keessa jirus, inni mee karaa kana yoo ta’e jedhee yaalaa jirus….hundumtuu, har’a Ummata kanaaf furmaati maal akka ta’e kan wallaale hin jiru.
Furmaati addunyaa kana irraa eeggannu hin jiru. Biyyoota haqa keenya odoo beekanii dantaa isaaniif nu ukkaamsaa jiran irraa waan eeggannu hin jiru.har’a dhaabbilee mormitootaa jiran irraa gonkumaa waan eeggannu hin jiru.hunda irraa jechuu ni dandeenyaa waan irraa eeggannu hin jiru. walii keenyaaf qoricha ta’uun keenya har’a ifadha. haala akkasii keessatti waan nu barbaachisu waggaa 100 booda waan wal gaafannu hin qabnu. waan nu ijaarus, waan nu diigus, waan nu laamshessus, waan nu gufachiisuus tokko tokkon beekna. Dhibee keenya kana diinni ammallee itti mikaa’uuf nu irratti hojjachuun kaayyoo isaati. Dirqama isaatis. Isatu isa jiraachisa waan ta’eef. Kan nu dinquu qabu, waan diinni nu irratti hojjatu kana irraa baraaramu dhabuu keenyadha.
Yeroo hedduu Gandummaa, dhimma Amantii fi Angoof bololuutu qabsoo keenya miidhaa jira jennee dubbanna. Garuu summiin jireenya hawaasummaa keenya keessa facaafamee, guyyuu wal nu dhamaasaa jiru qoratanii Ummata Biyya keessaas ta’uu Biyya alaa barsiisuun dhibee keenya adda duraa ta’uu ol kaafne dubbachaa hin jirru. hundeen qabsoo oromoo ititu isa dhorku isa kana. Dhalli Oromoo Ani Oromoodha ofiin jechuutti ni boona. Oromoodha ofiin jechuun duuba kan jiru keessa jiraachuu fi dhiisu isaa garu hin qalbeeffatu. Ani Oromoodha ofiin jedheen, waan na keessa jiru waan gabroonfattoonni na keessa tuulan waliin jiraadha taanaan jireenyi koo hawaasa Oromoo waliin tarkaanfachuuf na rakkisa. Keessi koo sabboonummaatti amana yoo ta’ee, jireenyi hawaasummaa warra halagaa na keessaa sirbuu hin qabu. Abshaalummaa fi haxxummaan gabroonfattootaa na keessatti mana ijaarrate odoo jiru , akkamiinan jireenyi hawaasummaa Oromoo maal akka ta’e beekuu danda’a ?
Jireenya hawaasummaa Oromoo keessa kan halagaan nu harkaa fudhatee ittiin jiraataa jiruu fi nuuti isa dhabnee ofittummaan nu maraachu hedduutu jira. Halgaan ibsituu eenyummaa keenya gaafa Ummata keenya keessaa baasu yaalu, yoo danda’e bara baraaf akka nuuti of hin taanefidha. Nuuti ammo sabboonummaatu nu keessa jira jennee itti amanna taanaan shirri diinaa nu keessaa maal hojjata ? of keessaa baasuutu nuuf qoricha. Fakkeenyaaf, sirna hangaafaa fi quxusuu hawaasa Oromoo keessa jiru, Addunyaa keessaa kan qabu jira natti hin fakkaatu. Waan umama keenya waliin jiru malee kan barannee miti. Kun har’a nu keessa jiraa ? yoo jenne deebiin laatamu malu, waan jiru irraa hubachuu dandeenya. Ofittummaa har’a guyyuu nu miidhee qophaa nu fiigsaa jiru aadaa Oromoo keessaa waan kana calaqqisiisu jiraa ? jennee yoo gaafanne, jireenya gamtaa yk waloon kan callaqisu qofaa arganna ? maarree eessaa dhufe ? nu diiguuf diinni nu keessa kaa’e. diinni itti milkaa’eera. Nuuti garuu ittiin miidhamneerra. Sobuun aadaas ta’u jireenya hawaasummaa Oromoo keessa gonkumaa hin jiru. maarree eessaa fidine. Gabrummaa waliin dhufe. Hayyee gabrummaa jibbina ega ta’ee maaf sobuu hin jibbine ? deebii isaa isinumaafan dhiisa. Hattummaan Umama Oromoo keessa jiraa ? aadaa jiru hundaa keessa hin jiru. saamichoo jireenya hawaasummaa keenya keessa jiraa ? maarree eessaa fidine.kan diinaati. Hayyee har’a ega nuu galee maaf of keessa hin baafne ?