Guyyaa FDG Sadaasa 9 Ilaalchiisuun Bakka Bu’ooti Qeerroo Godinoota Adda Addaa Magaala Jimmatti Walitti Dhufanii Dhaamsa/ Ibsa Dabarsan.

Aside

Sadaasa 9,013Gareen gaafatamtoota Qeerroo bilisummaa Oromoo biyya keessaatti sochii warraaqsa FDG gaggeessaa jiru Yaadannoo sadaasa 9 guyyaa FDG sababeeffaachuun walga’ii isaa Sadaasa 6/2013 godina dhiha Oromiyaa keessatti gaggeessuun Uummata Oromoo hundaaf ibsa armaan gadii dabarsee jira.

Addunyaa kana irratti ilmi namaa bara inni tole jedhee roorroo, gadiqabaa, hacuuccaa fi garbummaa fudhatee jiraate hin jiru; Ummaannii Oromoos akkuma uummata addunyaa kamiiyyuu guyyaa inni garbummaa, roorroo, gadi qabaa fi hacuuccaa tole jedhee fudhate hin jiru. Keessattuu gita bittoota abbootii irree afaan qawweetti malee sirna bulchinsa dimookiraasii fi kabajamuu mirga namummaatti warraa hin amanne dura dhaabbachuun falmaa hiriyaa hin qabne uummata gaggeessaa as ga’ee ta’uun seenaan ragaa guddadha. Haala kanaan uummaanni Oromoo mootota abbootii irree Habashootaa kaleessaa irraa qabee hanga mootummaa faashisti fi shororkeessaa Wayyaanee hara’aa jirtuu kanatti falmaa bilisummaa gaggeessaa turee fi itti jiru keessatti injifannoo cucululuqaa galmeessa as ga’edha.

Bara 2005 keessa maqaa filannoo waliin dhahaa fi fakkeessaa Wayyaaneen gaggeesseen walqabatee sagaleen uummata Oromoo ukkanfamee; Oromoo fi Oromiyaa bituuf ilmaan habashaa waldhansoo jabaa Finfinnee irratti gaggeessa turtetti, Oromoon caljedhee hin ilaallee, Dhaabni isaa Abdii fi gaachanni uummataa Oromoo ABO’n mirgi uummata Oromoo fi kan saboota rakkoo fakkaataa Oromoo qabanii haa kabajamu jechuun waamicha FDGf ibsa uummata Oromoof taasise.  Gutummaan ibsa kanaa:- Sadaasa 6.docx Jimma.pdf

Gogiinsa Bishaan Dhugaatin Wal Qabatee Barattootni Yuniversitii Adaamaa Gaaffii Mirgaa Kaasan!

Aside

Sadaasa 07,2013 Adaamaa

Madda gabaasaa Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa irraa,kanaan dura rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa Adaamaa keessaa badeen uummanni rakkina hangana hin jedhamne keessa seenee jiraachuun isaa gabaafamee jira. Akka gabaasaa Qeerroo Adaamaa Yuuniversiitii irraa addeessutti barattootni erga dhufanii mooraa seenanii baatii lammaffaa keessa jiru,hanga haraatti bishaan argannee hin jirru,rakkina gama bishaaniitin nu qaqqabee jiru hedduutu jira jedhuun Sadaasa 03/2013 barattoontni mooraa Yuuniversitii Adaamaa keessatti jgaaffii mirgaa kaasanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira. Rakkoon kunis rakkoo walii galaa waan taheef baratootni hunduu tokkummaadhaan dhimma gogiinsa kana irratti gaaffiilee mirgaa bu’uura ta’an kaasuudhaan mootummaa Wayyaaneetti mataa dhukkubbii fi yaaddoo itti tahanii akka jiran Qeerroon mooraa Adaamaa Yuuniversitii Adaamaa Addeessa.

Aside

FINCILA DIDDAA GABRUMMAA

Fincila roorroon dhalchu, fincila aadaa gootaa,

Ittisaa roorroo alagaa, tiksaa mirga dhalootaa.

Ni fincilla gurmoofnee, ni didanna gabrummaa,

Cunqursaa dhabamsiisnee, gonfachuuf bilisummaa.

Itti hin lakkifnu diina, saamichaan nu quncisuu,

Lafa keenya gurguree, abbaa biyyaa buqqisuu.

Addunyaattis ni himna, deebisnee deddeebisnee,

Daba diinaa saaxiluuf, dhugaa keenya beeksisnee.

Ijaaramnee falmannee, jilbeenfachiisna diina,

Diddaa keenya cimsinee, sirna gabrummaa diigna.

Daandii dhugaa irra jirraa, bilisummaa gaafannee,

Alagaa jala hin bullu, haqa keenya haalamnee.

Addunyaa dharti mootee, dhugaan yeroof qallattus,

Gaaffiin haqaa dhiibamtee, abbaa humnaaf bal’attus,

Abdii kutnee mohamnee, gabrummaaf hin hoggollu,

Bakka jirruu murannee, mirga keenyaaf haa lollu.

Rakkoo qabsoo obsinee, roorroo alagaa faccisnaa,

Ulfinaa fi bilisummaa ilmaan keenya dhaalchisna.

Mirga keenyaaf finciluun sirrii tahuu hin shakkinuu,

Mootummaa gabroomfataa hanga of irraa darbinuu.

Akka roorroon dhabamee sirni haqaa gad dhaabbatuu,

Amma illee ni fincilla diddaan keenya hin laaffatu ! (2)

Malkaa Caffee

Sadaasa 06, 2013

malkaacaffee@gamil.com