Waxabajjii 09,2013 Baddallee
Diddaan uummataa jabaachaa dhufuun waraqaaleen dhaadannoo hedduumminaan Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Baddallee keessatti hedduumminaan maxxanfame.Waraqaaleen dhaadannoo mootummaan wayyaanee garboomfataa tahuu ibsanii fi uummata kakaasan hedduumminaan kan maxxanfaman yoommuu tahu wayyaaneen gocha kanaan kana baarage dargaggoota Oromoo hojii dhabdummaan rakkachaa jiran isintu kana godhe jechuun qorannoo eegalee jira.Waraqaaleen dhaadannoo
1. Qeerroo kai!
2. Wayyaaneen abbaa irree dha.
3. Hidhaa fi ajjeechaan haa dhaabbatu
4. ABO Gaachana ilmaan oromooti
Kanneen jedhan diimaa magariisa diimaan barreessuun bakkeewwan bulchinsaa fi uummatni hedduumminaan dubbisuu dandautti maxxansamee jira.Mootummaan wayyaanee duula hidhaa Jumlaa gaggeessaa jiru irraa akka dhaabbatus kan tuqame yoommuu tahu uummatni waamicha argateen wal gahii mootummaa wayyaanee guyyuu waamtu lagachuun QBOtti of makuu qeerroof ibsee jira.


