Barattooti Oromoo University Dirree Daawaa Lama Wallee Artist Hirphaa Gaanfuree Raabsitan Jechuun Yakkaman.

Onkoloolessa 29,2012 Dirree Dawaa

Humni tikoota Wayyaanee Onkoloolessa 27,2012 galgala bakka ciisicha barattootaataa seenuun wallee warraaqsaa Artist Hirphaa Gaanfuree VCDn barattoota kaaniif raabisitaniittu,doormii keessattis bararttoota haaraa kutaalee biyyaa irraa University san seenan akka isaan argataniif jecha wallee adda addaa osoo kennitanii argamtaniittu jechuun yakkaman.

Barataa Hafiiz Abdullee fi barataa Qixxaataa Wagii jedhaman kun humnoota tikaan fuudhamanii erga doorsifamaniin booda akka lakkifaman gabaasi Qeerroo Dirree Daawaa irraa nu gahe addeessa.

Ammaan duras Wallaga lixaa aanaa Airaa gullisoo fi University Miizaan Teeppii keessatti wallee Artist Hirphaa Gaanfureen wal qabatee barattooti hedduun akka hidhamanii turan beekamaa dha.

Barattooti Oromoo kanneen mooraalee University adda addaa keessa jiranii fi kanneen barnoota irraa ala jiran biratti walleeleen artistoota Oromoo kanneen bilisummaa faarsanii fi  Artist Ebbisaa Adduunyaa,Hirphaa Gaanfuree,Elemoo Alii,Muktar Usman,Ilfinesh Qannoo, Dirribee fi walleen Artist Hayiluu Kitaaba  “nu biyyi keenya Oromia hin beeynu Ethiopia” jedhu Oromoo biratti haalaan kan fudhatama qabuu fi warraaqsa Qeerroof gahee guddaa akka qabu ifaadha.

1 thought on “Barattooti Oromoo University Dirree Daawaa Lama Wallee Artist Hirphaa Gaanfuree Raabsitan Jechuun Yakkaman.

  1. Pls yaa waraa sbo akkaata ittiin midiiyyaa kan guddiifnuun yadaa .gabaasnii keessan immoon oromiyaa gidduu galeessa haa tassiiftuu nannuumaa walin ittii haa qabsoofnuu!

    Simple mobil

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s