Qophii jala bultii irreecha Bishooftuuf Qeerroon dursee bakkichatti alaabaa Oromoo fannisuu fi waraqaalee warraaqsaa Qeerroon barreefame maxxansuu fi ummanni kan hiratu qindeessee qopheessuu ture,haalli kun guyyaa jala bultii isaa milkiin xumurame,ummanni Oromoo malkcha gahe ganama isaa yeroo alaabaa argu guddoo gammade,gammachuu keessa darbee sirboota WBO fi ABO faarsuun ayyaanicha haalaan howwise. Wayyaanonni haala kanatti daran aaranii dargaggoota hidhaatti guuran iyyuu kanneen hafan dhiichisaa fi shubbisaan gootota Oromoo faarsuu fi ABO faarsuutti fufan. Videoleen waraabaman gariin rakkoo network biyya Itophiyaa keessaaf akka babaachisetti nuu maxxanuu haadidu iyyuu malee jala jalaan maxxansaa deemna.



(Qeerroo, Bishooftuu, Fulbaanaa 30/2012) Kabajaa Ayyanaa Irreechaa Baraa kanaa wanneen addaa godhan keessaa gariin

1. FDG qabachuu isaa fi

2. Godinaalee Oromiyaa maraa irraa ilmaan Oromoo irraattii Argamuu isaanoo,

3. Baraa kana Godinaa Wallaaggaa Bahaa Qofaa Irraa Ummaannii Konkolaataa 20

4. Godinaa Lixaa Shawaa Irraa Konkolaataa 27

5. Godinaa Lixaa Waallaaggaa Irraa Konkolaataa 12n

6. Godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa irraa Konkolaataa 14

7. Booraanaa fi Gujii irraa Kokolaataa 11,

8. Arsii fi Baalee irraa Konkolaataa 19

9. Kamisee irraa Ummaannii konkolaataa 6

10. Haalumaa kanaan Ummaannii Garaa Miliyoonaa 4 sirnnaa Kabajannaa Ayyaanaa irreechaa irraatti Argamuun

11. Ayyaanaa Irreechaa Ilaalchisuun Qophii Guddaan Magaalaa Duukaam Hoteelaa Obboo Warquu Biqilaattii Baandii Salgaan Booraanaatiin Qophaa’ee,

12. Artistoonnii Oromoo Haacaaluu Hundeessaa, Adinaal Mohaamed, Kadir Martuu, Dirribee Gadaa ffaa Weelluu utuu hin ta’iin FDG labsaan jechuun ni danda’ama,

13. Sirnaa Kanaa Irraattii Ummaannii Keenyaa Godinaa Wallaggaa Bahaa, Wallaggaa Lixaa , Shawaa Lixaa , SHawaa kibbaa Lixaa, fi Shawaa Kaabaa Walittii Dhufuun Harkaa Walqabatanii Faruu Tokkummaa Faarsaan Waadaas Waliif Galaan,

14. Adinaal Mohaamed ”Maalii Sabni Oromoo Yoo Fincilee Lolee Diinaasaa Mo’ee Gafaa tokkoo Sabaa isaan Bulee jechuun Ummataa Raasee,

15. Haacaluu Hundeessaa Gootichaa Oromoo Laggasaa Wagii Farsuun Uummataa Boosisee,

16. EEEmilee yaa Garba ciisaa Oromiyaa Maaltu Gadhisaa jechuun Ummataa Oromoof Barumsaa Guddaa dabarsan fi kkf sirna kana adda godhe

17. Sabboontonni Oromoo 150 ol badii tokkoon malee loltoota Wayyaaneen qabamanii hidhaa galan.

Kanneen olitti kaafne sirnicha adda godhanii jiru.Video fi suuraalee Qeerroon waraabe gariin harka diinaa haagalu malee kan argame rakkoo networkiin sirnaan dabarsuu waan hin dandeenyeef akka dandayameen irraa jalaan ni dabarsina.

Qabsoon Ittti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

(Qeerroo, Finfinnee, 2 Onkoloolessa 2012) Kun sagantaa gabaabaa Ayyaana Irreechaa 2012 kan Oromiyaa,Hora HArsadii, Bishooftuutti kabajame ilaalchisee Gareen Qunnamtii Qeerroo kan sagalee fi suuraan qindeessee dha.

Ayyaana kana irratti humnooti tikaa fi poolisooti Wayyaanee haalaan bobbaa guddaa fi eegumsa cimaa gochuun  akka ayyaanichi waltajjii ololaa fi dhaaduu Wayyaanee ta’u gochuuf yaalanii turan iyyuu, dhalooti Qeerroo karaa hundaan akka haawaasti ayyaanicha irratti argame, haala Oromoo fi Oromiyaanm keessatti argaman akka hubatan godhamee jira.

Jala bultii ayyaanichaa irraa eegalee dhaamsoliin addaddaa kan dhiibbaa fi miidhaa ummata Oromoo irra jiru saaxilanii fi hubachiisan akka ummata bira gahu godhamee jira.

Qeerroonis akka gaaffii mirgaa hin kaafnee fi warraaqsa Bilisummaa hin leellisne gochuuf humnooti Wayyaanee tattaaffii guddaa godhanii jiru. Haata’uutii, dhalooti Bilisummaa isaa karaa nagaa gaafachuu irraa duubatti  hin deebine, Qeerroon Oromiyaa,  weedduu fi sirbootaan warraaqsaan gaaffii fi fedhii saba isaanii beeksisaa fi dhaadhessaa  oolanii  jiru.

Sirna kana irrattis, diddaa isaanii mul’isuuf weedduu fi dhiichisa kan WBO leellisu, yeroo kamiyyuu “alagaaf hin gaabroomnu!” kan jedhu fi qabsoo Bilisummaa jabeessuuf akka kutatanii jiran mul’isanii jiru. Kana malees,  Qeerroon Oromiyaa tokkummaa isaanii daran jabeessanii falmaa Bilisummaa finiinsuuf illee waadaa waliif seenanii jiru.

This slideshow requires JavaScript.

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 1, 2012

Waggaa waggaan lammiileen Oromoo miiliyoonotatti lakkaayaman Bushooftuu Hora Harsadiitti bahanii ayyaana Irreechaa mallattoo Oromummaa tahe ayyaaneffatu. Daawáttoonni biyyoota Awrooppaa, Ameerikaa fi bakkoota biroo irraa dhufan gariin ‘Afriikaa keessatti ayyaanni guddaan ummata miliyoonotaan lakkaawamu hirmaachisu akkasii hin mulánne’ jechuudhaan guddina ayyaana Irreechaaf ragaa bahaa jiraachuunis beekamaa dha.

Sirna aangoo irra jirus tahee kannee Oromoon akka dirqiin Itoophiyummaatti amanu gochuu barbaadan garuu ayyaana Irreechaa eenyummaa Oromoo calaqqisu kana irraa gammachuu hin qaban. Aadaa ofii isaanii dirqiidhaan Oromoo irratti feúu barbaadu malee kan Oromoo kanaaf dinqisiifannoo qabaachuun hafnaan bakka isaaf malu illee hin laanneef. Sirnoonni Itoophiyaa haráas tahee kaleessaa ayyaana Irreechaa Itoophiyaa bira dabree Afriikaa maraaf boonsaa tahe kanaaf akka mootummaatti beekkamtii ayyaanummaa hin kennineef. Oromoon isaan bara baraan gad xiqqeessuu fi eenyummaa isaa ukkaamsuu barbaadan kana booda akka isaan jalatti jilbeenfatee buluuf hin jirre, walabummaa biyya isaa labsachuu fi bilisummaa isaa deeffachuuf qophii tahuu isaa itti garsiisaa jira.

Hidhaa Ayyaana Irreechaa irratti Ibsa ABO.pdf
Mass arrest on Erecha cermony-Amhaic.pdf