Injifannoo irraatti Injifannoo diina irratti goonfataa kan jiran Qeerroon Oromoo diddaa isaanii itti fufuuf jecha alaabaa Oromoo (ABO) magaalota Oromiyaa keessatti fannisuun itti fufee jira.
Diinni gaaffii mirga ummata Oromoo dhaamsuuf jecha dargaggoota Oromoo fi ummata Oromoo hidhuu ajjeessuu fi biyyaa arihuun furmaata jedheen gochaa kanaan yoo itti fufe iyyuu haalli Wayyaaneen ummata keenya irratti raawwatu garuu daran waan nu kakaasuuf jecha caasaa mootummaa Wayyaanee akka qiinqanii keessa gallee nyaannee jigsuun keenya mirkana jedhu dargaggoonni Oromoo.
Video-n armaa gadii kun Gurraandhala 27,2012 alaabaan ABO magaalaa itti balali’aa oolte yommuu tahu,suuraalee magaalota biros ni dhiheessina.
kun waan gamma jiisaadhaa garuu ummanni keenya waan kan sirriitti hubannaan walbira dhaabbatuu qabaa akkuma kanaan suura qofa kaasanii dabarsuu odoo hin taane hasahas haasofsiisaa ummanni diddaa dhagessiisuu qabaa waliin hiriiree hidhannaanis amma haraka wayaa jalaan dhabuun barbaachisaamiti maalifi jennaan diinni kilaashii malee kaaraa nagayaa didee jiraa ummanni kenya kanabeekee waliin dhaabatuu qabaa !