DIINA IRRATTI WAL-TUMSUUF, YEROOTU GA’E !!
SEENAA Y.G (2005) kutaa 2ffaa.
Diina irratti wal tumsuuf, waamicha tarrisuun furmaata hin ta’u. Dhaabbileen Siyaasaa Oromoo adeemsa kana keessa jiran dogoggoratti jiruu jedheen yaada. Muxannoon Qabsoo keessa qaxxaamurree jirru, salphaa miti. Aadaa keenyatti amanna yoo ta’es, waan jiru sirreessuuf karaa salphaa qabna Irraa barbaachuun fardiidha. Dhalli Oromoo Addunyaa kana irra jiraatu hundumtuu, keessa isaatti waan of gaafatuu fi waan ta’uu qabu ilaalchisee keessa isaatti bilcheessee mala malachaa jiraachuun ifadha. Tumsa barbaachisuuf gumaacha irraa eegamu taasisuuf qophiidha. Amma gaaffii guddaan Tumsa kana akkamiin Ummachuu dandeenya ? Tumsa akkamii nu barbaachisa ? Tumsaa fi kaayyoo akkamitti araarsina ? Daangaan isaa maalii ? Tumsi nuuti barbaannu fi kan addunyaan itti jirtu wal simaayi ? akka isaanii taana jennee aadaa keenya keessaa ceenee, waan kolfaa hojjachuu wayya ? moo, Makaanizimii Tumsaa Mataa keenyaa addunyaattu qabannee ba’uu dandeenyu uumnee, bu’ura aadaa fi Gadaa gadi dhaabnee, hegaree keenyaaf yaadutu furmaata nu ta’aa ??? jennee of gaafachuu nu barbaachisa. Sadarkaa kana irra ga’uuf wareegama qaalii kafaluu keenya dagachuu hin qabnu. Karaan nu eeggatu kana irra ulfaataa ta’uu waan maluuf, Tumsa Ummachuun amma shamiza of irraa baasanii geeddarachutti fudhachuu dhiifnee, gadi jabeessinee irratti hojjachuutu hegaree isaa mi’eessa.
DIINA IRRATTI WAL-TUMSUUF YEROOTU GA’E !!! kutaa 2ffaa.docx
GAAFFIIN FINFINNEE FI RAAYYAA, WALLOO, DIRREE DAWAA, SODDOO…..TOOKODHA !!!!.docx
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk