Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Madda walaabuu 15 tika mootummaa wayyaaneen halkan ukkaamsamuun bakka buuteen isaanii dhabame

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 09,2014 Madda Walaabuu

Madda Walaabuu uniMootummaan Wayyaanee hanga hundeen buqqa’u hidhaa fi ajjeechaa ilmaan Oromoo irraa kan hin dhaabbanne Yuunivarsiitiilee keessaa barattoota Oromoo maqaa ABOdhaan funaanuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Mootummaan abbaa irree faashistii wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa Uummatni gamtaan gaafataa jiru dura dhaabbachuuf tarkaanfii hidhaa fi ajjeechaatti kan xiyyeeffatte Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Madda Walaabuu keessaa funaanuudhaan isin Qeerroodha, Kan Qeerroo ijaaruu fi Uummata kakaasu isini jechuun mana hidhaatti ukkaamsitee jirti. Barattootni 15 ol bakka buuteen isaanii kan dhabame yoommuu tahu isaan keessaa

  1. Barataa Anuwaar Sayid muummee Accounting waggaa sadaffaa irraa
  2. Barataa Amaan Badhaasoo Barataa Civil Engineering waggaa 4ffaa
  3. Barataa Gurmeessaa Tujibaa Barataa Managment waggaa 2ffaa
  4. Barataa Ashannaafii Bariisoo barataa Managment waggaa 3ffaa
  5. Barataa Tasfaayee Caalaa Economics waggaa 3ffaa
  6. Barataa Hamzaa Usmaan barataa Civil engineering waggaa 4ffaa

Keessatti argamu. Mootummaan wayyaanee hanga hundeen buqqa’ee Bilisummaan oromoo fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti gocha farrummaa Uummata Oromoo dararuu irraa waan hin dhaabbanne tahuu hubachuun Uummatni gamtaan qabsoo Oromoo deemsifamaa jirutti makamuun qooda Oromummaa akka baatan jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Madda walaabuu waamicha dabarsee jira.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s