“Akka Dhiitetti Hin Haftu” Walaloo Jaal Gammachiis Naadoo.

Aside

Uummata Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumuz Godinaalee Matakkal, Asoosaa, Kamaashii, Aanaa Yaasoo, Baloo fi Ma’oo Koomoo iraati raawwachaa jirtu.

Aside

Tokkummaan Uummata Oromoo fi Haleellaa WBO iddoo garaa garaatti fudhataa jiru kan ciisa ishee dhowwe mootummaan murna bicuu Wayyaanee, filannoo fi carraa  ishee isa dhumaa Mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz godhattee jirti.

Kunis Magaalaa Asoosaa keessa Dhalattoota Tigiree TPLFn ramadaman Buufata meeshaa godhachuun Uummata Oromoo naannichaa, Mandii, Beegii, Najjoo fi Dambidoolloo jiraatu maqaa sobaa WBO rukkunne jedhuun Uummata nagaa barbadeessuuf qophii xumauranii jiru.

Magaala Asoosaa lafa itti Meeshaan waraanaa Kuufamee jirus beekamee jira:

1.      Mana abbaa qabeenyaa “Semehal Hotel” kuusaa meeshaa waraanaa

2.      Mana abbaa qabeenyaa “ Bilen Dana Hotel” Kuusaa meeshaa waraanaa

3.      Mana aabbaa qabeenyaa Garree Kompiiterii  : Kuusaa meeshaa (Faddaalaa fakkaachuun hojii basaasummaas ni hojjeta) Continue reading

Dhaamsa dhumaa  Qeerroo Bilisummaa Matakkal-Asoosaa irraa kenname

Aside

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti hacuuccaa fi hidhaan uummata romoo naannichaa irra gahaa jiru ammallee Karaa bakka bu’oota TPLF dhalattoota Shinaashaa fi Harcaatuu caasaa dulloomaa Dh.D.U.O kan haaromsi hin argineen cimee itti fufee jira.

Filatamuu MM wajjiin wal qabatee uummanni Oromoo naannicha Godina Matakkal jiraatu gammachuu isaa karaa nagaa utuu ibsachaa jiruu, Harcaatuun caasaa  Dh.D.U.Os duraanii kan aantummaa Uummata Oromoo naannichaaf qaban fakkaachuun ergama TPLF fudhachuun Uummataa fi Qeerroo miira keessa galchuun akka tarkaanfii humnaa fudhatan dhiibbaa gochaa turaniiru. Yeroo itti gammachuu isaanii karaa nagaa ibsataa turanitti sirba siyaasaa sirbitan, mirga saba biraa naannichaa sarbaa jirtu jechuun  Miseensonni DH.D.U.O duraan (Kan obbo Muktaar Kadir) ergama duraan “Uummata Oromoo naannichaa saboota biro naannichaa wajjin walitti buusuuf buqqisuu” jedhu qabatanii fi dhalattoota Shinaashaa Caasaa Dr. Amsaaluufaatiin eeramuun namoonni nagaan mana hidhaatti Guuramanii Hiraarfamaa jiru. Yeroo ammaas Sabboontonni 9 ta’an mana hidhaa tasa dhala namaaf hin mijanne keessatti hiraarfamaa jiru. Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 17,2018

Aside

SBO: Ebal 18, 2018. Oduu fi Sirna Kabajaa Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo: Ebla 15, 2018 Jiddugala WHD ABOti Geggeeffame irratti Haasawa HDn ABO Jaal Daawud Ibsaa taasisan akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Peace for the Oromo People

Aside

Ebla 15 Guyyaan Gootota Oromoo fi Hundeeffama Qeerroo Bilisummaa Waggaa 8ffaa Magaalota Oromiyaa Gara Garaa Keessatti Kabajame.

Aside

 

Continue reading

Uummaata Oromoo Hundaaf Baga Jalbultii Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Ittiin Isin Gahe. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname!! 

Aside

Baatiin Eblaa Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti baatii addaati. Addatti immoo Ebli 15 Bara 1980moota keessaa Guyyaa Goototni Oromoo Hooggantootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo Imala Qabsoo Bilisummaa Oromoof utuu tattaafatanii harka shiftaa Mootummaa Ziyad Baarree bu’uun Hoggannoonni ABO qaroon namootni 10 haala suukkaneessaan wareegamanii boolla Tokkotti awwaalamuun Tokkummaa Uummata Oromoo waliigalaaf siidaa bu’uuraa kaa’anii darbani, Guyyan Ebli 15 Guyyaa Gootota Continue reading

Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Walleelee Warraaqsaa Hawwisoo Qeeroo Bilisummaa

Aside

Continue reading

Gootota Oromoo fi Ebla 15 ilaalchisee Ibsa ABO

Aside

Gootota Oromoo fi Ebla 15

(Ibsa ABO Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisuun)

Biyyootni fi Sabootni hundumtuu Gootota seenaa isaanii keessatti waan jajjabduu biyyaa fi Ummata isaaniitiif dalaguudhaan yaadataman ni qabu. Gootummaan humna, qabeenya, beekumsaa fi lubbuu ofii illee dabalee dantaa dhuunfaa ofii caalaatti dantaa Saba ykn. biyyaaf oolchuudhaan dantaa biyyaa fi Saba ofii tiksuu danda’uu dha. Biyya ykn. Saba kamuu keessatti oggaa balaan ykn. rakkinni yookaan ammoo weerarri alagaa kan jireenya biyyaa fi Ummataa yaaddoo jala galchu mudatutti kan dura bu’ee biyyaa fi Ummata balaa irraa ittisuuf wareegama baasu Gootota. Kanaafis Goototni wabii jireenya Sabaa ykn. biyyaa ti jechuun ni danda’ama. Goototni biyyaa fi Ummata isaaniitiif Ulfinaa fi Gaachana. Waan taheefis Sabootnii fi biyyootni hundumtuu Gootota isaaniitiif kabajaa ol’aanaa kennu. Guyyaa Goototaa jechuudhaanis Gootota seenaa isaanii keessatti waan jajjabduu dalaganiifii dabran guyyaa itti yaadatan guyyaa beekamaa Sabootni/biyyootni adda addaa ni qabu. Continue reading