Uummata Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumuz Godinaalee Matakkal, Asoosaa, Kamaashii, Aanaa Yaasoo, Baloo fi Ma’oo Koomoo iraati raawwachaa jirtu.

Tokkummaan Uummata Oromoo fi Haleellaa WBO iddoo garaa garaatti fudhataa jiru kan ciisa ishee dhowwe mootummaan murna bicuu Wayyaanee, filannoo fi carraa  ishee isa dhumaa Mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz godhattee jirti.

Kunis Magaalaa Asoosaa keessa Dhalattoota Tigiree TPLFn ramadaman Buufata meeshaa godhachuun Uummata Oromoo naannichaa, Mandii, Beegii, Najjoo fi Dambidoolloo jiraatu maqaa sobaa WBO rukkunne jedhuun Uummata nagaa barbadeessuuf qophii xumauranii jiru.

Magaala Asoosaa lafa itti Meeshaan waraanaa Kuufamee jirus beekamee jira:

1.      Mana abbaa qabeenyaa “Semehal Hotel” kuusaa meeshaa waraanaa

2.      Mana abbaa qabeenyaa “ Bilen Dana Hotel” Kuusaa meeshaa waraanaa

3.      Mana aabbaa qabeenyaa Garree Kompiiterii  : Kuusaa meeshaa (Faddaalaa fakkaachuun hojii basaasummaas ni hojjeta)

Haaluma wal fakkaatuun dhalattoonni Tigiree (Adwaa) qofa ta’an afaanii fi dandeettii addaan leenji’anii ilmaan Oromoo magaalaa Asoosaa bassasuuf Hojii daldala suuqii, Hoteela (Dubartoota), Faddaalummaa, fi Hojii Shufeerummaatti bobba’anii jiru. Haa ta’uyyuu malee meeshaa waraanaa ammayyaa karaa namni hubachuu hindandeenyeen hidhatanii socho’aa jiraachuun bira gahameera.

Akkaataa meeshaan kun magaala Asoosaa keessa seenus, mootummaa Naannicha waliin ta’uun halkan keessaa sa’aa 4 booda akka gala jiru keessa beektonni himaniiru.

Kanaan dura Baatii (Ji’a 3n) dura dhalattoonni Tigiree Garee Dhimma nageenyaa TPLF kan ta’an 100 maqaa cirracha baasuutiin bakka Bulen jedhamu qubachuun human waraanaa gar asana fiduun  dhoksaan qubachiisuufi Waraanni kunis shirri Walitii bu’insaa Uummata Oromoo fi saboota biro naannichaa gidduutti hojjetamaa jiru  yoo milkaa’e akkuma Naannoo Sumaaleetti godhame waraana dhoksaan qubachiisaniin Uummata nagaa gaaga’uu fi buqqisuu akka ta’e raggaasifameera.

Kanaafuu, Nuti dhalattoonni Oromoo naannichaas waamicha dirmannaa kanaa gadii goonee jirra:

1.      Mummicha Ministeeraa Mootummaa federaalaaf:

Akka Heera Mootummaa biyyattii Nuti ilmaan Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumuz jiraannu akka lammii lammaffaatti lakkaa’amaa jirra;  Mirgi abbaa biyyummaa keenyaa sarbamee jira; Gochi suukkanneessaa Naannoo Sumaalee irratti ta’e TPLFn nurratti ta’aa jira; Waraanni nurratti labsamuuf qophiin xumuramee jira; Uummanni Oromoo naannichaa Waggootii dheeraaf saboota naannichaa wajjin wal danda’ee, wal kabajee jiraachaa ture har’a humnoota tikaa fi nageenyaa biyyattii fi Mootummaa naannichaan boora’aa jira. Nutis haalli suukkanneessaa seenaan hin dagannee Uummata Oromoo naannoo Sumaalee jiraatan irratti raawwate nurratti akka hin raawwane soda cimaa keessa jirra.  Kanaafuu:

ü  Mootummaan biyyattii Meeshaa waraanaa humnoota tikaa TPLF magaalaa Asoosaa keessatti kuufamee Ilmaan Oromoo sanyii duguuguuf jedhan irratti Sakatta’aan akka nuuf taasifamu waamicha goona.

ü  Mootummaa naannoo Beenishaangulii fi Kaabinee naannichaa Ajajaa fi Kaayyoo TPLF baasee cinaa dhaabbachuun Uummata walitti buusaa, Hiisisaa fi Qe’ee fi qabeenya isaaniirraa ariisisaa jiran hojii isaaniirraa akka of qusatan Dhiibbaa akka gootan waamicha.

ü  Uummanni Oromoo naannichaa Yakkaa fi badii tokko malee sababaa Oromummaa isaaniitiin qofa  mana hidhaa Qiliinxoo fi Baabasii (Kaampii waraanaa) keessatti rakkachaa jiran, yeroo ammaas mana hidhaatti guuramaa jiran, haal duree tokko malee Guutummaatti akka gadhiifaman waanicha goona.

ü  Uummanni Oromoo naannichaa lakkoofsaan walakkaatti kan tilmaamamuu fi dhiittaan mirga nammuummaa, duguuggaan sanyii kana hin jedhamne irratti raawwataa tureera.  Guutummaatti Mirgi Abbaa biyyummaa jechuunis: Mirgi Afaaniin barachuu, Aadaa ofii kabajuu fi mirgi wal-qixxummaa akka nuuf kabajamu waamicha goona.

2.      Mootummaa Naannoo Oromiyaaf:

Uummanni Oromoo naannoo Beenishaangul Gumuz Jiraatu Rakkoolee hawaasummaa fi siyaasaa garaa garaa keessa jiraachuun isaa ni beekama. Haa ta’uyyuu malee Haaromsi mootummaan naannoo Oromiyaa naannoo Oromiyaatti gochaa ture Miseensotaa fi Biiroo DH.D.U.O naannoo keenyaa irratti hin godhamiin hafeera. Kun immoo siicoon kaayyoo bututaa mootummaan naannoo Oromiyaa duraanii miseensota dhaabichaa duraaniitiin hojiirra oolaa jira. Kanaafuu,

ü  Miseensonnii fi Biiroon dhaabaa naannichatti argaman Tokkummaa Uummataa diiguun, Uummata Oromoo naannichaa Mootummaa naannichaa fi humnoota tikaa TPLF wajjin ta’uun Hiisisaa, ajjeesisaa fi qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqisaa jiru. Uummannis caalaatti dhalattoota Oromoo warra Dh.D.U.O bakka bu’anii uummata miidhaa jiranirratti obsa fixate jira. Kanaafuu mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfii hatattamaa fi Haaromsa barbaachisu akka godhu waamicha goona yoo ta’uu baate uummannii fi qeerroon naannichaa dhumaatiin erga qaqqabee dhiifama wal gaafachuurra tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuuf qophii xumuruu isaa isin beeksifna;

ü  Mootummaan naannoo Oromiyaa Mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz wajjin hariiroo obbolummaa cimsuu fi gochaa suukkanneessaa mootummaan TPLF  raawwatee fi raawwachaa jiru waliin balaaleffachuu qaba; deeggarsa mootummaan naannoo Beenishaangul gumuz qaamota TPLF gochuun uummata Oromoo hiraarsaa jiru dhaabsisuu qaba.

ü  Hidhamtoonni Siyaasaa dhalattoota Oromoo naannichaa guutummaa guutuutti bilisa bahuu qabu, hidhaa fi reebichis akka dhaabbatu dhiibbaa gochuu qaba;

ü  Dhalattoonni Oromoo naannichaa Oromoo ta’anii dhalachuu isaaniin qofa jibbiifi hacuuccaan qaamota TPLFn irratti ta’aa jiruu fi Shirri walitti bu’insaa garaa garaa xaxamaa jiru dhaabsisu waamicha goona;

ü  Mirgoonni nammummaa Uummata Oromoo naannichaa kanneen akka Afaaniin Barachuu, Mirga Hojjechuu, Aadaa ofii kabajuu, mirga wal qixxummaa fi kanneen biro akka kabajaman ciminaan isin beeksifna.

3.      Uummata Oromoo maraaf:

ü  Uummanni Oromoo kaabaaf Kibbaa, Bahaa fi Dhihaa akkasumas biyya alaa jirtan, Gochi suukkanneessaa Uummata Oromoo naannoo Beenishaangul Gumuz keessumaa Godina Matakkal, Kamaashii, Asoosaa akkasumas aanaalee garaa garaa keessatti raawwachaa jiru Uummata Oromoo naannichaa cinaa dhaabbattanii akka balaalleffattan waamicha goona.

ü  Uummanni Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumuz qaama qabsoo Uummata Oromoo waan ta’eef bu’aa qabsoo, injifannoo fi Bilisummaa Uummanni Oromoo naannoo Oromiyaa argachaa jiru Nutis argachuu qabna kunis: Hidhamtoonni siyaasaa hundi hiikamuu qabu; Mirgoonni namummaa kabajamuu qabu; hidhaa fi ajjeechaan hatattamaan dhaabbachuu qaba. Kanaafuu gaaffiin keenya gaaffii Uummata Oromoo mara ta’uu qaba jenna.

Gadaan kan Bilisummaati!

                                                                          Qeerroo Matakkal-Asoosaa irraa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s