Dhaamsa dhumaa  Qeerroo Bilisummaa Matakkal-Asoosaa irraa kenname

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti hacuuccaa fi hidhaan uummata romoo naannichaa irra gahaa jiru ammallee Karaa bakka bu’oota TPLF dhalattoota Shinaashaa fi Harcaatuu caasaa dulloomaa Dh.D.U.O kan haaromsi hin argineen cimee itti fufee jira.

Filatamuu MM wajjiin wal qabatee uummanni Oromoo naannicha Godina Matakkal jiraatu gammachuu isaa karaa nagaa utuu ibsachaa jiruu, Harcaatuun caasaa  Dh.D.U.Os duraanii kan aantummaa Uummata Oromoo naannichaaf qaban fakkaachuun ergama TPLF fudhachuun Uummataa fi Qeerroo miira keessa galchuun akka tarkaanfii humnaa fudhatan dhiibbaa gochaa turaniiru. Yeroo itti gammachuu isaanii karaa nagaa ibsataa turanitti sirba siyaasaa sirbitan, mirga saba biraa naannichaa sarbaa jirtu jechuun  Miseensonni DH.D.U.O duraan (Kan obbo Muktaar Kadir) ergama duraan “Uummata Oromoo naannichaa saboota biro naannichaa wajjin walitti buusuuf buqqisuu” jedhu qabatanii fi dhalattoota Shinaashaa Caasaa Dr. Amsaaluufaatiin eeramuun namoonni nagaan mana hidhaatti Guuramanii Hiraarfamaa jiru. Yeroo ammaas Sabboontonni 9 ta’an mana hidhaa tasa dhala namaaf hin mijanne keessatti hiraarfamaa jiru.

Namoonni caasaa tortoraa duraanii fi Ergama TPLF kufuuf raafamaa jirtu galmaan gahuuf munyuuqaa jiran, akkasumas sabboonto Oromoo naannichaa yeroo adda addaa qaama mootummaaf eeruu kennuun gaaga’aa fi mana hidhaatti guursisaa turanii fi jiran keessaa:

1.      Obbo waajiraa Gurmuu : Dhalataa Oromoo

2.      Obbo Warquu : Dhalataa Oromoo

3.      Obbo  Waaqtolee GannatiiP Dhalataa Oromoo

4.      Obbo Zabargaa Hirphaa : Dhalataa Oromoo Miseensa Obbo Muktaar Kadir kan hi haaromne, Kanaan Dura sabboontota Oromoo Matakkal 15 ol ta’an mana hidhaatti guursisuu keessatti gahee guddaa kan qabuufi yeroo ammaa sabboonaa of fakkeessuun qeerroo irratti xiyyeeffannoo kan hojjetaa jiru.

5.      Obbo Moges Negeroo: Dhalataa Oromoo, asiif achi fakkaattuu, Basaastuu yeroo dheeraaf dogoggora isaarraa ni barata jedhamee eegamaa ture, garuu yeroo ammaa uummata Oromoo fi Qeerroo naannichaa kan saaxilaa fi basaasaa jiru/

6.      Shibaabbaaw  Ayyaanaa

7.      Zallaqaa Ayyaanaaw : Obbolaa lamaanii fi dhalootaan shinaashaa kan ta’an, keessumaa Gaalessa keessatti uummata Obsa fixachiisaa kan jiran.

akkasumas caasaan ammaaf maqaa dhahuu hin barbaachifne maqaa Oromootiin ijaaramee wixxifachaa jiru akka jirus bira gahameera.

Namootiin maqaan isaanii tarreeffame hundi yeroo ammaa yeroo ittii Uummanni Oromoo waliif dirmatee, inni kanaan dura balleessee dhiifama gaafatee lammii isaa cinaa dhaabbatutti, uummata Oromoo Godina Matakkalii fi naannoo ishee nagaan jireenya isaa jiraachaa jira ciisa dhowwaa turtaniittu ammas ittuma jirtu. Karaa fi haala danda’ameen Gorsii fi akeekkachiisi isiniif kennamus dhagahuu hin dandeenye, kanaafuu yeroo gabaabaa keessaati ifatti gochaa dabaa Uumma irratti raawwachaa jirtan yoo hin dhiiftan ta’e, tokkoon tokkoon keessan irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabnee fi seenaan hin irraanfanne akka isinirratti fudhatamu isin hubachiisuu barbaanna.

                                                                 Injifannoon Uummata Oromoof!

                                                               Qeerroo Matakkal-Asoosaa irraa.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s