Qabsoo FDG walitti fufiinsaan adeemaa ture ABO tiin durfamee gantuus galtuus raasee bakkaa bubbutaa, kaanshee dhabama gochaa gara FXG tti ceene. Ammas qabsoon itti fufeera. Walirraa akka hincinnetti bifa miidhaan uummatarra hingeenyeen danboobee jabaatee dannabsaa jira. Tooruma magaalaalee Oromiyaa mara fakkaatuun Naqamtes yeroo gara yerootti sochii diddaa taasisuun hanga yoonaa didaa as gaheera. Leeqaanis ta’e Oromoon martuu waan godhuuf waan dalagu beeka. Qaama diinaaf fira ta’e addaan dhilee beeka. Yeroo kamuu uummatatu beekadha jenna nuti. Warri uummmata miliyoonarra beekna jedhan ammoo Taankiif Qawweenuu dadhabaa jiru. Qabsoo roga mataasaa dandaa’ateen Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya abaasaa keessa ta’ee ABO dhaan durfamee qabsoo taasisaa jiru baase bu’ureeffachuun qabsoo belbelse. Continue reading
Daily Archives: February 26, 2018
Wallagga Naqamte- Agaaziin ummata nagaa irraatti dukaasa roobsaa jira/Gurraandhala 26,2018
Aside
Gabaasaalee Oromiyaa keessaa tokko tokko
Aside
Gurraandhala 26,2018
Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti mootummaan Abbaa irree wayyaanee yakka diinummaa uummata oromoo irratti raawwatu torbanoota kana keessa daran hammeessee jira.Mootummaan sirna cunqursaa abbaa irree wayyaanee kufaatiin isaa haalaan jala ga,uusaa erga guutummaatti mirkaneeffateen booda yakka duguuggaa sanyummaa isaa dhumaa uummata oromoorratti erga labsee bubbulee jira.Haaluma kanaanis mootummaan sirna nama nyaattuu wayyaanee sodaa fi rifaatuu jabaa keessa seenuudhaan waan qabee gad lakkisus erga wallaalees bubbulee jira.torban kana keessas sanbata duraa irraa kaasee uummata Nagaan hidhamtoota siyyaasaa gara magaalaa Naqamtee dhufaa jiran kanneen akka Dr Maraaraa guddinaa ,Obbo Baqqalaa Garbaafaa simachuuf uummata bahe irratti reebichaaf hidhaa akkasumas dhukaasa jumlaan raawwachuudhaan gaaffii uummatichaa gara loliisaa fi gooliitti ofiima isaatii jijjiiree jira. Continue reading