Labsa EPRDF Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

“Yaa garaa laafina koo, Titiisa irraa damma eeguu koo”   Jedha Oromoon yeroo mammaku.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan Wayyaanee EPRDF haalli Oromiyaa fi waliigala biyya Ethiopia jedhamee waamamu keessatti rakkoo siyaasaa fi diinagdee akkasumas hawaasumaa isa qabee jiru keessaa akka bahuu hin dandeenye tolchee hubatee jira. Haala kanaan kan muddame EPRDF(TPLF) Murtii siyaasaa fudhate keessatti rakkoo biyya sana keessaa furuuf hidhamtooti siyaasaa biyyattii keessa jiran warri murtii adabbiin itti kennamee jirus ta’e kanneen murtiin itti hin kennamiin akka gadiifamanii fi manni hidhaa Ma’ikelaawii jedhamee waamamu akka cufamu labsee jira. Continue reading