SBO Amajjii 14, 2018. Oduu, Haasawaa HD ABO Jaal Daawud Ibsaa Sirna Kabaja guyyaa WBO Amajjii 1, 2018 Jiddugala Mooraa Leenjii ABOtti taasisan Kutaa 2ffaa fi gaaffii fi deebii Artistoota Miseensota WBO waliin taasifne Kutaa 6ffaa.

Aside

Gabaasaa Addaa Saamicha Lafa Qabiyyee Uummataa!!

Aside

No automatic alt text available.Mootummaan Wayyaanee Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Saqqaatti Uummata Oromoo Abbootii Warraa 208 Ol Irraa Lafa qabiyyee isaanii 315 heektaara fudhachuun Qe’eef qabeenyaa malee uummata hambisee rakkoo ulfaataaf saaxilamani jiru.
Uummata Oromoo Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Saqqaa Abbootii Warraa 208 Irraa Mootummaan wayyaanee Lafa Qabiyyee isaanii Hektaara 315 humnaan fudhatame Uummaanni Mana Murtii Oromiyaatti Himannaa Dhiyeeffatanii Manni Murtii Oromiyaa Uummataaf Murteessinaan Bakka Bu’oonni Dhaabbata Mootummaa Wayyaanee ol iyyaannoo Mana Murtii Federaalaatti Dhiyeeffachuun Murtiin Manni Murtii Oromiyaa Uummataaf Murteesse Deegamee Manni Murtii Federaalaa Wayyaanee Uummatatti Murteessuun Uummata Oromoo lafa Qabiyyee isaa dhabsiise jira. Murtiin dabaa kun ji’oota darban keessa uummata keenyarratti kenname.
Uummata Oromoo Aanaa Limmuu Saqqaa irraa Maqaa Qonnaa Jallisiifi tajaajila adda addaaf barbaadna jedhuun Lafa heektaara guddaa hangana gahuu kanfaltii beenyaa tokko malee qonnaan bultoota Oromoo irraa fudhachuun hagabsaa jiraachuu Qeerroon gabase.
Qonnaan bultootni Kun korporeeshinoota wayyaanee ijaaramanii Uummata Oromoo Saamuu qofaaf Oromiyaa keessaatti bobbaafaman kanneen akka :
-korporeshinii Sukkaara Itoophiyaa Continue reading

Gadda Guddaa!!

Aside

Image may contain: one or more people and people standingQeerroon Oromoo jaalatamaafi Kabajamaa Sabboonaa Oromoo Dargaggoo Dajanee Dassuu Gabbisaa balaa konkolaataa akka tasaa isa mudateen kan Wareegame ta’uu Maddeen Qeerroo Mogor gadda guddaa itti dhagaahame ibsatan.
Qeerroon Oromoo Dajanee Dassuu Gabbisaa waan akkaan nama gaddisiisuufi onnee ummata Oromoo madeessudha.
Qaroo ummataa, Qeerroo kana du’aan of biraa dhabuun keenya gadda guddaa sammuufi onnee ummataa keessaa hinbaane akka tahe ummatuma isa beekutu ragaadha. Gadda, gadda caalu ture…!
Dajaneen Sabboonaa, Qabsaa’aa Qeerroo Oromoo Sochii Warraaqsa Biyyooleessa Oromiyaa FXG finiinsaa jiran keessaa nama tokko yommuu tahu, ummata Oromoo biratti kabaja, naamusaafi amala hayyummaa qabaachuun nama beekamuudha.
Dajaneen balaa konkolaataa Amajjii 10/2018 isa muudateen lubbuun isaa dabartee ummataafi kaayyoo isaa irraa gargar bahuun guyyaa kaleessaa Amajjii 11/2018 sirni awwaalchaa lafa dhaloota isaa Mogoritti bakka hiriyootnifi ummatni Oromoo heddumminaan argamanitti raawwatee jira.
Continue reading