Labsa EPRDF Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

“Yaa garaa laafina koo, Titiisa irraa damma eeguu koo”   Jedha Oromoon yeroo mammaku.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan Wayyaanee EPRDF haalli Oromiyaa fi waliigala biyya Ethiopia jedhamee waamamu keessatti rakkoo siyaasaa fi diinagdee akkasumas hawaasumaa isa qabee jiru keessaa akka bahuu hin dandeenye tolchee hubatee jira. Haala kanaan kan muddame EPRDF(TPLF) Murtii siyaasaa fudhate keessatti rakkoo biyya sana keessaa furuuf hidhamtooti siyaasaa biyyattii keessa jiran warri murtii adabbiin itti kennamee jirus ta’e kanneen murtiin itti hin kennamiin akka gadiifamanii fi manni hidhaa Ma’ikelaawii jedhamee waamamu akka cufamu labsee jira.

Labsiin EPRDF labse kun qabsoo hanga ammaatti ummanni Oromoo taasiseen dirqamee kan labse malee akka fedhii fi kennaatti ummata Oromoofis ta’e ummatoota biyyattiif kan kennan miti.  Kanas ta’u labsiin isaan amma ummata Oromoo fi saboota biyyattii ittiin afaan faajjessuuf labsan keessatti ummataaf kan ifa hin bane fi qulqullaawaa hin taane labsii gara dhabeessa muddama keessa baasan ta’uu kan muldhisan keessaa:-

  1. Manneen hidhaalee godinoota Oromiyaa keessaa fi naannoolee adda addaa akkasumas godina Tigiraay keessatti hidhamtooti siyaasaa baroota dheeraaf hidhamanii jiran hedduu dha,manneen hidhaa kamiin keessaa akka hidhamtooti hidhaman gadhiifamuu qaban waan ibsame hin jiru.
  2. Maikalawwii KEESSATTI Hojii sukkanneessaa Dargiin wagga 17 qofaa yeroo itti gaafatamu Wayyaaneen?EPRDF wagga 26f Itti gaafatama. Bara Wayyaanee Moraan waraanaa hundi Damee Maikalaawwii qaba.Isaan kun HIN cufamne,Maa’ikelaawwii haa cufan malee Hojiin Ma’ikalaawwii keessatti hojjetamu Gamoo biraa keessatti dabarsanii jiru.

 

  1. Hidhamtooti siyaasaa Oromiyaa fi godinoota biyya Ethiopia keessa jiran meeqa akka ta’anii fi hammam akka gadhiifamuu qaban hin beekamu.
  2. Hidhamtooti hiikaman kun rakkoo fi gidiraa irra gahamaa turee fi barattooti Oromoo kumaatamaan lakkaawaman manneen barnootaa irraa qabamanii wagga dheeraaf hidhaa keessa turanii akasumas kanneen hidhaa keessatti qaamaa hirdhataniif beenyaan kafalamuufii qabu hanga ammaa hin labsamne.
  3. Manni hidhaa Ma’ikelamwi jedhamu yoo cufames manni hidhaa Qaallittii,Qilinxoo fi kanneen kaan babal’atanii ijaaramaa jiru, godinootaa fi gammoojjii biyyattii keessatti mooraan hidhaa bakka beekamuu fi hin beekamnetti ijaaramanii ummanni gara malee keessatti rakkachaa jiru heddumminaan jiran ni jiru,kanneen kun hundi EPRDF biratti akka badiitti ilaalamee hin jiru.
  4. Mootummaan EPRDF rakkoon siyaasaa biyyattii keessaa hidhamtoota hiikuu fi ma’ikalaawwiin cufamuu qofaan kan furamu fakkeessee labsii baase gaaffii mirga ummatootaa kanneenii golguuf waan ta’eef mirga abbaa biyyummaa fi dachii irraa buqa’uu diduu Oromoon gaafatuuf waan lafaa kaase hin qabu.

Walumaa gala haalli EPRDF ummata Oromoo kiyyoo gabrummaa cimaa keessatti galfachuuf yeroo irraa yerootti bifa jijjiratee deemu kun gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi eenyummaa sabni Oromoo gaafatuu fi qabsoo duree Qeerroo Bilisummaa Oromoon gaggeefamu hamma galiin isaan gahutti akka duubatti hin deebifnee daandii irraa hin dabsine ummata Oromoo beeksisuu feena.

Sossobbaa fi jijjirraa kabeebsaa diinni yeroo irraa yerootti ummata Oromoo doggoggorsutti sobamtanii ykn dhimmi baatanii  qabsoon saba Oromoo akka miilla EPRDF jalatti buluuf warren hafarsitanis gochaa keessan kana irraa akka of qusattan akeekachiifna.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!

Injifatnnoon Ummata Oromoof

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee,

Amajjii 4,2018

 

 

Leave a comment