[SQ,mudde, 6,2017] Meettaa Gootowwan Qeerroo barattoota Qeerroo Magaalaa Qullubbii(baha Harargee) Guyyaa Arraa Maatii Police Oromiyaa Lola Liyyuu fii Agaazii Magaalaa gursumitti aggaammate ittisuu irratti wareegame Aliyyii Ahmed Jajjabeeysuuf hiriiraan Bahanii Dhaadannoo gootummaa fii faaruu warraaqsaa faarfachaa yeroo deeman. Continue reading
Monthly Archives: December 2017
Jimma Yuunibarsiitii Keessatti Barattoonni Nagaan 10 Sababa Oromoo Ta’an Qofaaf Ukkanfaman.
Aside
Mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii keessatti barattoota Oromoo irratti dararaa jajjabaan ga’aa turuu isaa gabaasaa turreerra. Dararaan barattoota ittuu jabaatee itti fufee kan jiru ta’uu gabaasni arganne ifa godha.
Barattoota Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf hidhuun dararuun fuulleffatamee akka jiru barattoonni dubbatan. Haaluma kanaan barattoota seeraa 3 fi barattoota saayinsii komputeraa baratan akkasuma muummeewwan garaagaraa irraa Oromoo waan ta’aniif qofa guyyaa har’aa ukkanfamuun magaalaa Jimmaa mana hidhaa “Mentiinaa” jedhamu keessatti dararamaa jiraachuu gabaafame. Continue reading
TAN FACAASAN HAAMMACHUUN, SEERA UMAMAATI !
Aside
SEENAA Y.G (2005)
Umamni hundi seera qaba.Seerrii Qabu ka Namaa miti. Kan Waaqaati. Waan Seera Umamaa keessa jiru, Namni waa gochuu hin danda’uu. Yoo yaalellee badiima isaa labsata. Seera Umamaa kanaaf Oromoon bakka ol aanaa qaba. Oromoon kaleessa qilleensumarra Aadaa fi Seenaa kkf qofa jedhee fiigaa turee fi Oromoo Umamasaatti deebi’uuf qabatamaatti sochii taasisaa jiru gidduu garaagarummaa jiru wayita ilaalluu , Seera Umamaa guutuun hangama akka nama ykn saba tokko tokkummaan jabeessu arguu dandeenya.Seera Umamaa jechuun bu’ura walii galtee waa hundaa jechuudhaa. Nama dhuunfaa kaasee hanga sabaatti ka jiru, Continue reading
ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa Muddee 5/2017
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Muddee 5, 2017
Aside
SBO: Muddee 06 bara 2017. Oduu, Qophii Haala Yeroo Irratti Fuuleffatee fi Gaaffii fi Deebii Hayyu-duree ABO Jaal Daawud Ibsaa waliin taasifame -Kutaa 5ffaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
Gootowwan Qeerroon Barattoonni Oromoo mooraa Yuunversiitii Wallaggaa guutummaan guutuutti barnoota dhaabuun hanga gaaffiin mirga Abbaa biyyummaa keenyaa nuuf deebi’utti hin barannu jechuun gara maatiitti galaa jiru.
Aside
Mudde 5,2017/Yakka mootummaan Abbaa irree wayyaanee jumlaan yeroo ammaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru kan boqonnaa isaan dhorke gootowwan qeerroon barattoonni oromoo mooraa yuunversiitii Wallaggaa keessa jiran hanga gaaffii mirgaa kan Abbaa biyyummaa keenyaa nuuf hin deebinetti barnoota hin barannu jechuun guutummaan guutuutti barnoota addaan kutuun gara maatiitti imalaa jiru.Caalmaattimmoo yaaddoo hamaa fi dhukkubbii sammuu kan nutti ta’ee lammiiwwan keenya karaa daangaa oromiyaa irra jiran yeroo ammaa qe’eef qabeenyaa isaaniirraa duguuggamuun yakki dhala namaaf hin mallee irratti raawwatamuun ittuu akka barnoota dhaabnuuf nukakaase jechuun barattoonni oromoo mooraa yuunversiitii Wallaggaa tokko tokko rakkoo Continue reading
“Wayyaaneen Yoo Meeshaa Qabaate Iyyuu Nuti Ammoo Hawaasa Qabna” Jedha Sabboonaa fi Murataan Poolisii Oromiyaa Ta’ee Hojjetu.Galata Qaba!
Aside
Lixa Oromiyaa Danbi Doolloo Mana barumsaa qophaa’ina Qondaalaa Fi Sadarkaa Lammaaf Qondaalaa Guutuutti Barnoota Dhaabuu Isaanii Ibsan
Aside
[SQ,Mudde 5,2017]
