Damee Buruun
Seenaan deebisee of garsiisa akkuma jedhan hammenyi dhumaati Calanqoo Jaaraa tokko dura tahe har’a ija keenya dura itti yaroo lammattaa deebi’ee yaroo tahu gadda guddaa wajjin argaa jirra. Dhumaatiin Annoolee , Calanqoo fi Haroo Arsedee deebi’ee deddeebi’ee akka uummata keenya irratti hin raawwatamne falli isaa waan tokko qofa. Fincila Xumura Garbummaa itti jabeessinee hida garboofatttuu Habashaa of keessaa yaroo dhumaaf yoo buqfinee gatne qofa.
Humni TPLF falmaaa of keessaa injifatee, of qaree bifa haaraan as bahe kun humna faashitii sanyii ilmaan Oromoo lafa irraa duguggee balleessuuf of booda hin jenne dha. Qabsoo fincilaa xummurra garbummaa laafisuun akka gareen TPLF kun basaasaa fi dabballee ishee deebiftee uummata Oromoo keessatti ijaarratuu gargaaruu taha.” Nagaan baradhaa”, “tasgabiin qabsaawwaa “, warri jedhuu warra TPLF akka yaroo argatee of ijaartu gargaaruuf ololaa jiran akka tahe adda baafnee hubachuu qabna. Kana booda TPLF deebitee uummata keenya keessa galuuf akka ayyaanna argatuu gochuu hin qabnu. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk